“Jaalattaanis Jibbitanis Master Palaniin Finfinnee Waan Hafu Miti” Jedhchuun Qondaalli OPDO(EPRDF) Solomon Mokonnin Namni Jedhamuu Walgahii Magaala Sabbattaatti Ta’e Irratti Dhaadate.

Aside

Mudde 08,2015 Gabaasa Qeerroo Sabbataa

opdoMagaalaa sabbataa ganda alamganaatti guyyaa kaleessa walgahii OPDOn ummata magaalaa mariisisterratti dhimma MP ilaalchisee namichi Warquu Dabalee jedhamu kan ummata mariisise qunnamtii(communication) ummata magaala sabbataa fi itti gaafatamtuu dhimma dubartoota kan taate Asaffuu Dabalee wajjin ummatatti roorrisaa fi haasadhaan dorsiisaa kan turan ta’uu maadheen Qeerroo naannichatti argame gabaasee jira .Gara jidduu walga’ichaatti namni mataa dhaaba OPDO ta’e SOLOMOON MOKONNIN jedhamu jechuun ummatatti balaqqamaa kan ture ta’usaa hubatameera. Ummanni walga’icharratti argame haasan jarattii jala deemtuu wayyaanee kan isaan hin gammachiifne waan ta’eef dubbii isaanii afaan itti kutuun isin warra ijoollee keenya ficcisiisaa jiru waan taataniif dhimma oromoo fi oromiyaarra harka fudhachuu qabdu jedhee ijjaannoo isaa itti argarsiisera.

Itti fufuun gaafa teesson mootummaa naannnoo Oromiyaa adaamaa haa ta’u diinni jedhu gaafii tokko malee darsa keessan harattanii kan deemtanii fi deebi’aa jedhamnaanis gaafii tokko malee kan deebitanii fi haga amma dhimma isin oromoo furtan waan hin jirreef nuti isin hin feenu jechuun maayyiirratti bikka ishee teessutti dhiisun walgahichaa dhiite bahuu danda’eera.

Message From International Qeerroo Support Group

Aside

Qeerroo (youth), Oromo students and community are on March against the brutality of the Ethiopian Regime who has been killing, Torturing, kidnapping and arbitrary disappearance of the Oromo nation. The Qeerroo are on peaceful struggle to stop the injustice happening on our nation. To continue these multi-dimessional March they need support. Hence , we hambly request the Oromo community in general, diaspora in particular and others who believe in justice to stand with us and support Qeerroo in their peaceful struggle for justice and genuine democracy for the oppressed people.

No one forbidden an oppressed people from getting Liberation!

International Qeerroo Support Group

https://www.gofundme.com/8bds2wgk

The Ethiopian Government Brutal Army and Paramilitary Police Use Lethal Force against Oromo Students Demonstrating Peacefully

Aside

pafd

Press Statement by ‘Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy (PAFD)

The Ethiopian government brutal army and paramilitary police are shooting at Unarmed Oromo students demonstrating against the implementation of Addis Ababa land grabbing master plan.

Just over a year ago, TPLF’s regime has planned to exponentially expand Oromia’s capital, the city of Finfinne (Addis Ababa) under the scheme known as ‘Addis-Master-Plan’. This plan aims to incorporate the rural agricultural areas in Oromia state surrounding Addis Ababa. This Plan will totally displace the entire Oromo rural population in the area without their consent. The said plan has seriously angered the Oromo’s communities, who went on a peaceful demonstration of opposing the plan. The regimes security and armed forces’ unprecedented and violent response to peaceful demonstration has left over 60 Oromo University and high Scholl students and the others Oromo civilians dead, and over 200 wounded.

After remaining silent for around a year, the Prime Minister and others government officials have recently announced their decisions to re-implement ‘Addis-Master-Plan’ Again the Oromo students’ demonstration started demonstrating, beginning in West Oromia towns such as Mattuu, Ambo and others places has widened its horizons to almost entire Oromia Zones and districts.

Press Statment of PAFD on current situation in Oromia.pdf

Wallagga Horroo Guduruu M/Barumsaa Suluula Finca’aa Keessatti Warraaqsa Barattootaan Ka’een Ijoolleen 4 Rasaasa Wayyaaneen Madaawuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Muddee 07/2015 Godina Horroo Guduruu Aanaa Abbaayi Cooman Suluula Fincaa’aa Magaalaa warshaan Sukkaara Finca’aa Keessatti Argamu Keessatti Warraaqsii FDG Gootota Uummata Oromoo fi Gootota Barattoota Oromoo M/B Suluula Finca’aa tti Jabaatee itti fufe, Waraanni Wayyaanee Uummata irratti waraana bane ilmaan Oromoo 4 rasaasaan rukutaman. Warraaqsii FDG uummataa Oromoo fi Gootota Barattoota Oromoon Suuluula Finca’aa Magaalaa warshaan suukkaraa Fincaa’aa keessatti argamtu keessatti Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa Caffeen naannoo Oromiyaa Murteesse atattamaan haqamuu qaba jechuun Warraaqsaa Finiinsuun Magaalaa Suluula Finca’aa keessa naanna’uun mormii guddaa dhageesisuun Waraana agaazii wayyaaneen bobbaase waliin wal dura dhaabbachaa oolan, FDG kun ganama sa’aa Lama irraa eegaaluun guyyaa guutuu gaggeeffamaa kan olee yoo ta’u, mootummaan Wayyaanee uummatarratti waraana banuun Ilmaan Oromoo barattoota 4 rasaasaan rukutamuun yeroo amma du’aafi jireenya gidduutti argamu’

  1. Barataa Wakjiraa Giddisaa Mitikuu
  2. Barataa Masarat Xilahuun Oljirraa
  3. Barataa Alamuu Likkisaa Kabbabaa
  4. Barataa Zarihuun Raggaasaa Teessoo

Kanneen jedhaman rsaasaan rukutamanii yeroo amma gara hospitaalatti fe’amuu madden keenya gabaasan. Uummatni mootummaa ilmaan keenya fixaa jiru waliin hin jiraannu jechuun amma illee warraaqsaa itti fufee jira, galgala kanaa Waraanni wayyaanee ittuma fufuun uummata irratti dhukaasaa banaa kan jiru yoo ta’uu ilmaan Oromoo hidduun hidhaatti guuramuu maddi keenya gabaase.