Category Archives: Oduu/News
Barattoota Mana Barnootaa Sadarkaa 1ffaa Waayyuu Tuqaa,Wallagga,Mudde 18,2015
Aside
“Siifan Lola Oromoo” FDG Ayiraa,Wallagga.
Aside
Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo(SQ) Mudde 17, 2015/Gabaasa Qeerroo
Aside
” Qeerroo Gaachana Koo” Artist Hawwii Tazarraa /Wallee Haaraa Muddee 2015
Aside
Horroo Guduruu Wallaggaa,Aanaa Giddaa Ayyaanaa Keessatti FDG Dargaggootaa fi Uummataan Mudde 17,2015 Gaffeeffame
Aside
Godina Lixa Shaggar Keessatti Uummanni Oromoo Gamaa Gamanaa Malakata Afuufuun Wal Yaamee Milishootaa fi Poolisoota Irraa Meeshaa Hikkachiisaa Jira.
Aside
Muddde 17,2015 ,
Godina Kibba lixa Shaggar aanaa Daawoo gandoota baadiyyaa kan akka Boombii Musguree fi Daalachaa keessatti Mormiin uummata itti itti fufee jira.
Ummatni gamtaan malakata afuufe sirba yaa’a halkan Edaa (17/12/2015)hidhataa gandaa tokko osoo bira hin dabarre qawwee irrs gurrachaa jiru. Amma halkan illee imala isaanii itti fufan jedhan. qaamni motummaas polisiin sodaatte caluma jetti. Agaazin waan wal hanqate fakkata hanga amma irra hin dhaqabne. ummatnis ykn hidhattonni erga humni motumman laafee nu dhaqabuu dide jedhanii lubbu isaani sodaf jecha mormi tokko malee hidhannoo isaani hikatani kennaa jiru.
Gaaffiin Keenya Hundee Hamma Hiikkaa Argatutti FDG Itti Fufna!! Jedhu Gootonni Barattooti Oromoo Yuniverstii Jimmaa/Mudde 17,2015
Aside
Aside
Mudde 17,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa jabaachuun itti fufe, Waraanni Wayyaanee Dhukaasaa uummatarratti baneen Milishaan gandaa maqaan isaa Guutuu Margaa kan jedhamu Wareegame jira. Milishoonni aanaa Midaa Qanyii hundi mootummaa ganuun hidhannoo isaanii waliin uummata waliin hiriiruun falmachuu murtii dabarfachuun hiriiratti makaman, Warraaqsii uummataa kun Qonnaan bultootaa, hojjettootaa mootummaa, milishootaa gandaa fi dargaggoota Barattoota Oromoo hundaan jabaatee itti fufe. haalli kun kan isa yaaddesse mootummaan wayyaanee waraana humna raayyaa ittisa biyyaa fi Agaazii gara Midaa Qanyiitti hedduminaan guuraa jiraachuun ibsamera. waraanni wayyaanee kunis dhukaasaa uummatarratti banuun milishaa gandaa tokkoo ajjeesuun namoota hedduu madeessuun gabaafamera.
Warraaqsa kana dura dhaabachuuf Guyyaa har’aa Mootummaan wayyaanee waraanaa ittisa biyyaa (mekalakiyaa) fi humna agaazii guddaa konkolaataa 7tti fe’uun gara Aanaa Midaa Qanyiitti imaluun uummata nagaan mirga isaaf falmachaa jiru irratti dhukaasaa waraana banuun milishaa gandaa abbaa maatii 10 ajjeessan Dhukaasaa waraanaa guddaa bananiin guutummaa aanaa Midaa Qanyii jeeqaa olaniru, namootni madaa’an hedduu ta’anis ammaf maqaan kan adda hin baafamne ta’uun ibsame jira.milishaan gandaa wareegame kunis Obboo Guutuu Margaa Milishaa Ganda Soolee Keenjoo kan jedhamu ta’uu maddeen mirkaneessaniru.daandiin konkolaataa bakkoota hedduutti galgala kana cufamaa jira.
Aside
Muddee 17, 2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobiitti Mootummaan Wayyaanee labsii Waraanaa dabarsuutti uummatni haalan dheekkame. Ganama har’aa irraa eegalee Uummatni Oromoo Meettaa Roobii kuma 16 oliitti tilmaamamu hiriira mormii dhageesisuuf ba’ee, Uummata karaa nagaa mirga isaaf falmu irratti waraanaa banuun har’a Meettaa Roobitti barsiisaan Oromoo Taddasaa Tsaggaayee wareegame. Uummatni namootni hedduun kan ammaaf baay’ina isaanii adda baasuun hin danda’amne madaa’aniru. waraanni uummatarratti banames itti fufe jira.Haalli Meettaa Roobii dachaan ulfaate jira.


