Message from the International Qeerroo Support Group

Aside

Qeerroo interQeerroo (Oromo youth), Oromo students and the Oromo public are protesting against the brutality of the Ethiopian regime – which has been killing, torturing, kidnapping and arbitrary disappearing Oromos. Qeerroo is on the peaceful struggle to stop the injustice happening on our people. To continue these multi-dimensional protests, they need support. Hence, we humbly request the Oromo community in general, diaspora in particular, and others who believe in justice to stand with us and support Qeerroo in its peaceful struggle for justice and genuine democracy for the oppressed people.

No one has forbidden an oppressed people from undoing oppression!

International Qeerroo Support Group

Click Here to support Oromia’s Qeerroo Peaceful Struggle

 

Aside

Muddee 23/2015 Waarraaqsii BiyyoolessaaOromiyaa FDG gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Jimmaan qabsiifameen Waraannii Wayyaanee torbee Lama Guutuu erga moorraa YuunibarsiitiiJimmaa Main Cumpaasii fi MooraaSaayinsii Fi Teeknoolojii keessa qubsiifame barattoota Oromoo reebuu fi hiraasuun daran jabeessuun itti fufuun Barattoota Shaamarraanii dhagaa Cirrachaa irra jilbibiin fiqoqsuun yakkaa suukkaneessaa irratti fudhachaa jira. Barattoota Oromoo 55nis ukkaamsuu mana hidhaa Magaalaa Jimmaa keessatti ukkaamsee jiraachuu madden keenya gaabasaan.

Warraaqsii FDG Kaaba shaggar Godina Salaaleetti Jabaachuun itti Fufe!

Aside

Mudde23/2015 Uummatni Oromoo Godina Kaabaa Shaaggar Aanaa Abootee fi Dagaam daandii konkolaataa bakkoota hedduutti cufuun poolisiin federaalaa fi waraanni Agaazii akka uummata baadiyyaa keessa fiiguun uummata hin hiraarsinee dhorkan .haalli sochii uummataa kun daran itti hammachaa waan dhufeef ammas mootummaan wayyaanee human dabalataa Fiichee irraa gara Abootee fi Dagamitti dabalaa jiraachuu madden ibsan.

Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa Magaalaa Baabbichaa fi Naannoo Keessaa Oromoonni 120tti Lakkaawaman Hidhamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Mudde 23/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa Magaalaa Baabbichaa Naannoo Magaalaa baabbichaa qofaa ilmaan Oromoon again namootni 120tti lakkaaman human waraanaan dirqisiifamuun konkolaataa Feisaa ISUSU lamaan ukkaanfaman. Murtiin uummatni OromooYerooammaa kana bakka hundattuu mootummaa abbaa irree waraana nurratti labse jalatti hin bullu, mootummaan dhukaasee nu ajjeesuu fi waraana nurratti labsee yoomiyyuu mootummaa keenyaa nuuftauu hin dandau jechuun uummatni oromoo mootummaa diina nu godhatee jiru kanatti kan faltii gibiraas taee buusiiwwaan adda addaa hin kan falluu, walgaii kamuu ergamtootni mootummaa kanaa gaggeessan hin fudhannu , hiriirree mirga keenyaa fi dhugaa keenyaaf falmannee dhumaa jirruu hiriirree hidhamuuf iyyuu qophiidha.

Humnaan hin bitamnu jechuun uummatni murtiiisaa jabeessuun Wayyaanee dura dhaabbachaa jiraachuu erga ibsatanii booda. Mootummaan wayyaanee erga karaa jaarsummaa jechuun egaleen dubbiin fashalaaee booda tarkaanfii jumlaan ukkaamsee hidhuu fudhachuutti seenee jira.Mootummaan abbaa irree uummata Oromoo irratti waraana erga labsee, dhukaasee ajjeesuu cinatti duula hidhaa jumlaa gaggeessa jiraachuu ibsatejira.

Waraqoonni Qabsoo Waan Yuuniversitiilee Garagaraa Keessatti Bittimfamaa Jiraniif Waraanni Ammallee Naannoo Yuuniversitiiwwan Buufataa Jira

Aside

Mudde 24,2015 Adaamaa

Kanumaan wal qabatee mooraan yuuniversitii Adaamaa yeroo ammaa waraana Wayyaaneen marfamtee eegamaa jirti. Kunis halkan edaa Muddee 23/2015 halkan keessaa saa 8:30 irratti waraqoonni mooraa yuuniversitii Adaamatti bittimfamee bule – Muddee 25/2015 guyyaa itti barattoota keenya wareegamaniif yaadannoo taasisnuudha kanaan barattootni hunduu hucuu gaddaa uffachuu fi nyaata lagachuu akka qaban waamicha kan taasisuu – Barumsi Bilisummaa Booda kan jedhus waraqaan itti fufiinsa FDG barattoota oromoo mooraa yuuniversitii Adaamaa keessaaf waamichi taasifamee jira. Haaluma kanaan mootumman wayyaane yeroo ammaakana kan sodaan qabamee jiru fincilli barattootaa waan itti fufuuf humnuma isaatti fayadamuun dura dhaabbachuu amaleeddatee humna waraana agaazii gara mooraa yuuniversitii Adaamatti bobbaasee jira. Hidhamunii fi ajjeefamuun qabsoo keenyaaf duubatti nun deebisu jechaa jiru barattootni dhaabbilee barnootaa olaanoo irraa.

Wallagga Naqamte Keessatti Artist Misgaanuu Hayiluu Olii Humna Tikaa Wayyaanee Ethiopian Butamee Bakka Buuteen Dhabame.

Aside

Mudde 24,2015 Naqamte

FB_IMG_1450932766361Artist Misgaanuu Hayiluu Olii aartiidhaan hawwisoo Yuunibarsiitii Wallaggaa irratti kan ramadamee hojjechaa jiru fi weelluuwwan garaagaraa waltajjii irratti weellisuun aadaa uummata Oromoo guddisaa kan ture,Muddee 23,2015 ganama sa’aa 9:00wd irratti humna tika dhika toophiyaa Ahimadiin nama jedhamuun durfamuun kan ukkaamsame yeroo ta’u, hanga ammaatti achi buuteen isaa hin beekamu