Mudde 28,2015 Gabaasa Qeerroo
FDG Shaggar Kibbaa lixaatti har’a Muddee 28,2015 aanaalee hundumaa uummata qonaan bulaa hanga baadiyaatti dabalatee finiinaa jira.
Uummanni Oromoo guutuun guututti gara ona Gincitti bahuun isaan booda gara Ambootti bahuuf imala eegalee jira. FDG oromiyaa guutuutti har’aa
fib or kan eegalu godinaalee kanneen akka shawaa lixaa,Shaggar kibba lixaa fi dhaabbilee barnootaa Yuuniversitii Haromayyaa, Amboo,Wallaggaa, Bulee Horaatti diddaa barumsa dhaabuun har’a kan eegale yoommuu tahu mootummaan wayyaanee ammas humna waraana barattoota gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa gaafatanitti bobbaasaa jiraachuun gabaafamee jira.
Har’a Muddee 28/2015 waraanni Wayyaanee barattoota doormii seenuun caccabsaa jiraachu fi barattoota irratti miidhaa gurguddaan gahaa jiru
Yuuniversitii Haromayyaa fi Ambootti itti fufeetu jira. Gabaasa Qeerroon ganama kana Yuuniversitii Haromayyaa irraa dhiyeessaa jiruun
barattootni waraana humna agaazii irratti haleellaa dhagaa fudhataniin waraanni wayyaanee mooraatti kan madoo tahes hedduu yoommuu tahu
barattootni miidhaman hedduunis dhiiga isaanii dhangalaasaa gara mana hidhaatti guuramaa akka jiran Qeerroon gabaaasee jira.
Magaala Wallisootti har’a ganama uummanni daandii cufee ergame. Mootummaan wayyaanee namoota isaa ramaduudhaan konkolaataa
doozeriidhaan daandii cufame kaasuun dhaga’amee jira.


Amboon barattootni Yuuniversitii fi damee kaampaasii Awwaaroos gara qe’eett godaanaa jiru. Barattootni yuuniversitii Amboo durattuu BBB( Barumsi Bilisummaa Booda) kan jedhu waraqaa yeroodhaa yerootti bittimsaa turaniiru. Inni kun barataan kamuu gara FDGtti hiriiruu akka qabu waamicha waliif taasisuudha. Waamichi kunimmoo guutuu oromiyaatti tokko galee tokko baratuun wareegama fida waanni godhamu tokkummaadhan tahuu qaba. Kanaaf barataan kamuu yeroo barumsaa miti yeroon kun yeroo itti ilmaan oromoo akkanatti ajjeefamaa, hidhaatti guuramaa, adamsamaa jiraatan yeroo ilmoo fi haati addaan baatee fi wal irratti du’aa jiran kanatti uummanni kamuu gara FDGtti hiriiruun amma waan tahef kanatu furmaata tahaadhaaf barattootni hedduun gara mooraa gadhiiisuu qofa osoo hin taane mooraama keessatti barumsa dhaabaa jiru.