Category Archives: Oduu/News
Previous messageNext messageBack to messages Amajjii 13/2016 Warraasii FXG Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Haalaan Jabachuun Mooraa Main Campus keessatti itti fufe
Aside
Amajjii 13/2016 Warraasii FXG Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Haalaan Jabachuun Mooraa Main Campus keessatti haalaan itti fufe, Waraannii Wayyaanee Dhukaasaa guddaa barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa irratti Banuun Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa dirree Waraanaa fakkeesse jira,
Waraannis Mooraa Yuunibarsiitii Jimmatti olguuramuun Doormii barattoota illee cabsuun seenuun barattoota Oromoo goolaa jiraachuun ibsame jira Mooraan Yuunibarsiitiin Jimmaa Waraanatti jijjiramee fakkata Dhukaasni wal irraa hin citiiin loltoota wayyaaneen Dhukaafama jira. Gabaasaan itti fufa…
Mootummaan Naannoo Oromiyaa OPDO’n Ibsa haqamuu Master Pilaanii Finfinnee fi labsii magaaloota oromiyaa erga karaa TV Oromiyaa dabarste irraa eegaluun Godinaalee Oromiyaa fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo keessatti Warraaqsii FXG ‘’ daran jabachuun itti fufuun Mootummaan gaaffii dhugaa fi Mirgaa utuu gaafachaa jirruu, Waraana Oromiyaa irratti Labsuun Yakki Duguuginsa Sanyii Uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jira. Kanaaf aangawootni biyyatti bulchaa jiran aangoo uummataaf gadi lakkisuun seeratti dhiyaachuu qabu, OPDO’n kaleessa torbee sadii dura Midiatti bahuun Mootummaa EPRDF waliin ta’uun Uummata Oromoo irratti waraana labsuun yakka Duguuginsa sanyii rawwachuun, har’a immoo media kaleessa ittin Waraana Labseen ‘’Maaster Pilaaniin Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa kaafameera, Dogoggora keenya ta’uu hubanneerra, jechuun uummatatti dhiigaa uummataa fi lubbuu uummataatti qoosuun, dhiiga uummata Oromoon harka dhiqachaa dubbachuun hedduu nama gaddisiisa.qoosaan kun daranuu uummata dheekkamsiisuun FDGtto uubbata bakka hundaa kan jabeesse jirudha.
Ergamtuun wayyaanee Gaaffiin Uummataa Erga sirrii fi ifa ta’uu hubattee Waa’ee uummata Oromoo 50,000 olitti lakka’amuu hidhatti guuramee jiruu fi kanneen kumootaan lakka’amani wareegamanii fi Madoo ta’anii tarkaanfiin fudhatamaa jiru daranuu Hidhaafi ajjeechaan jabaatee itti fufee jiraachuutu muldhata, Kanaafuu uummatni Oromoo falmaa keenyaa irraa duubatti hin deebinu jechuun Warraaqsii FXG daran jabaachuun bakka hundatti itti fufee jira.
Amajjii 13/2016 Warraaqsi FXG Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Dirree Dawaa Haalaan Jabachuun galgala kana itti fufe,
Aside
Amajjii 13/2016 Warraasii FXG Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Dirree Dawaa Haalaan Jabachuun galgala kana itti fufe, Doormiin Barattootni Oromoo itti heddumatan Doormiin maqaa Twins K jedhamuun Beekamu ibiddaan Gubate, Barattootni sadii(3) Wareegaman, Mooraan Yuunibarsiitii Dirree Dawaa Dirreewaan Waraanatti jijjiramee fakkata Dhukaasni wal irraa hin citiiin loltoota wayyaaneen Dhukaafama jira. Gabaasaan itti fufa
Mootummaan Naannoo Oromiyaa OPDOn Ibsa haqamuu Master Pilaanii Finfinnee fi labsii magaaloota oromiyaa erga karaa TV Oromiyaa dabarste irraa eegaluun Godinaalee Oromiyaa fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo keessatti Warraaqsii FXG daran jabachuun itti fufuun Mootummaan gaaffii dhugaa fi Mirgaa utuu gaafachaa jirruu, Waraana Oromiyaa irratti Labsuun Yakki Duguuginsa Sanyii Uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jira. Kanaaf aangawootni biyyatti bulchaa jiran aangoo uummataaf gadi lakkisuun seeratti dhiyaachuu qabu, OPDOn kaleessa torbee sadii dura Midiatti bahuun Mootummaa EPRDF waliin tauun Uummata Oromoo irratti waraana labsuun yakka Duguuginsa sanyii rawwachuun, hara immoo media kaleessa ittin Waraana Labseen Maaster Pilaaniin Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa kaafameera, Dogoggora keenya tauu hubanneerra, jechuun uummatatti dhiigaa uummataa fi lubbuu uummataatti qoosuun, dhiiga uummata Oromoon harka dhiqachaa dubbachuun hedduu nama gaddisiisa.qoosaan kun daranuu uummata dheekkamsiisuun FDGtto uubbata bakka hundaa kan jabeesse jirudha.
Ergamtooti Wayyaanee Gaaffiin Uummataa Erga sirrii fi ifa tauu hubattee Waaee uummata Oromoo 50,000 olitti lakkaamuu hidhatti guuramee jiruu fi kanneen kumootaan lakkaamani wareegamanii fi Madoo taanii tarkaanfiin fudhatamaa jiru daranuu Hidhaafi ajjeechaan jabaatee itti fufee jiraachuutu muldhata, Kanaafuu uummatni Oromoo falmaa keenyaa irraa duubatti hin deebinu jechuun Warraaqsii FXG daran jabaachuun bakka hundatti itti fufee jira.
Mootummaan Wayyaanee Hojjettoota sabboontota ta’aan adamsee ajjeessuu fi Ukkaamsee gara dabarsuun ilmaan Oromoo irratti Yakka Suukaneessaa tarkaanfii duguuginsa sanyii(Genocide) fudhachuu jabeessuun itti fufe jira.
Aside
Amajjii gaafa 12,2016 Godina lixa Shaggariitti Dargaggoon Sabboonaan Oromoo Sobbooqaa Dilgaasuu Nagarii Hojjetaa Wajjiira Qonnaa Aanaa Noonnoo Araddaa Silkaanbaa jedhamurratti ramadamee hojjechaa kan ture Tarkaanfii Waraanni Wayyaanee halkan irratti fudhateen rasaasan rukutame Wareegamuun bakkeetti Reeffi isaa kan gatame guyyaa har’aa Amajjii 13/2016 Reeffii isa Gara Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyii bakka dhaloota isaa Ganda Baaroo Bidaaruutti wayita galfamaa jiruutti Daandiin Geedoo Hanga Aanaa Midaa Qanyiitti Uummataan kan Cufamee ta’uun Uummatni dargaggoo Sabboonaa Oromoo Sobbooqaa Dilgaasuu arii fi dheekkamsaa guddaan guutamee kan simate yoo ta’uu Waraanni Wayyaanee Yeroo kana Konkolaataa hedduun Fe’amee gara Aanaa Midaa Qanyii geeffamaa jira. Sabboonaan Oromoo Sobbooqaa Dilgaasuu yeroo aanaa Midaa Qanyii M/B Baallammii Sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inatti barachaa turee Wajjira poolisii aanaa Midaa qanyiitti hidhamaa fi Reebamaa kan ture, Warraaqsaa FDG barattoota Oromoo keessatti dirqama Oromummaa isaa bahaa nama turee fi mirga uummata Oromoo kabachiisuuf carraaqii barattootni Oromoo godhan kabajamuu mirga abbaa biyyummaa, mirga dimookiraasii fi namummaa uummataa Oromoo kabachiisuuf arsaa kanfalaa kan ture ta’uun beekamadha.
Sirni Awwaalcha sabboonaa Oromoo Sobbooqaa Dilgaasuu Ganda dhaloota isaa Ganda Baaroo Bidaaruu Keessatti guyyaa boruu Amajjii 14/2016 Kan rawwatu waan ta’eef Dargaggootni Barattootni fi hojjettootni gara kanatti Imalaa jiraachuun Diddaan uummataas bakka hundatti jabaatee itti fufaa jira.
OPDOn Bakka Nu Hin Buutu,Bilisummaa Barbaadna” Jedhu Gootota Barattoota Oromoo Yuniverstii Amboo Damee Awaaro Amajjii 13,2016
Aside
Wallagga Naqamte fi Shaggar Lixaa Gincii Keessatti Qabeenya TPLF Selam Bus Ummanni Akka Caccabse Dhagahame.
Aside
Amajji 13,2016 Gabaasa Qeerroo
Magaalaa Naqamteetti Qabeenyaan Waayyaannee barbadeeffame Qeerroon magaalaa Naqamtee qabeenya mootummaa TPLF kan ta’e SALAM BUS
tokko naannoo New Genaration fulduratti akka barbadeefame oduun achi nu dhaqabe ifomsa Akkasuma achuma Baha Wallaggaa Waamaa Hagalootti konkolaataa Ambulaansi kan humna waraanaa bakka bakkatti sochosturatti tarkaanfiin fudhatameera.
Aside
Leellisaa Urgeessaa barata kutaa 11ffaa Mana barnoota Buusaa sadarkaa lammaaffaa irraa torban tokko dura waraana Wayyaaneen achuma Waajjira Police Buusaa Aanaa Daawoo ,Godina kibba lixaa ti daraarfamaa jira.Manni barnoota Buusaa illee ergaa cufamee ji’a lamaaf deema.namoonni hedduus hidhaa akka jiran dhaga’ame.
Baha Hararge Dadar Keessatti Hiriira Karaa Nagaa Barattooti Oromoo Bahaniif Deebiin Gara Jabeenya Lolota Wayyaanee Kana Fakkaata.
Aside


Mooraa Yuniverstii Wallaggaa Keessa Waraanni Guutee Jiru Barattoota Sakkatta’aan Rakkisaa Jira.
Aside
Amajji 13,2016
Mooraa Yunibarsiitii Wallaggaatti barataa Marmaraanii fi kanneen dhabbattummaan baratan ol galuu fi gadi bahuu isaaniitti sakatta’a daran hammaatee jira. Mootummaan Wayyaanee akkuma amalaasaani ofiyyuu yeroo shakkanitti barattoota mooraa hanga rifeensa isaaniyyuu sakatta’uun ga’a jiru.ol galuun daran nutti ulfaate,kaaffe,mana kitaabaa,launch dhaquun qawwee yeroo ta’etti mooraa keessa deemuun nutti ulfaateera. Akkasumas humni waraanaa qubsuma godhatee magaalatti keessa jirus mooratti marsani dirree waraana fakkeessaniiru
Labsiin Haqamuu Maaster Pilaanii Dh.D.U.O /OPDOn Labsame,Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Aside
Labsiin Haqamuu Maaster Pilaanii Dh.D.U.O /OPDOn Labsame Gaaffii Abbaa Biyyummaa Duubatti Hin Deebisu Itti Fufsiisa Malee
Kaayyoon Master Pilaanii godina addaa naannowaa Finfinnee tooftaa ittiin duguuggaa sanyii Oromoo raawwatan tahuun hubachuun nama hin rakkisu. Karoorri kunis akkuma beekamu badii uummata oromoo irraan gahuu akka danda’u beekuu kan dandeenyu danqaa hin qabnu. Waggaa lama dura baatii Ebla bara 2014 keessa uummanni Oromoo ifatti bahee karoora kana dura dhaabbatee mormaa bahe lubbuu hedduun itti wareegamuu uummanni bal’aan Uummanni Oromoo sirnaan hubatee beekee jira. Gaaffii uummanni karaa nagaatiin bahee falmi dhageesisaa ture wayita sanas mootummaan Wayyaanee gaaffi dhiphoonni qabatanii ka’an, kan shororkeessitootaan hoogganamee deemu, jechuun uummata lubbuu isaa gaaffidhuma karaa nagayaatiin gaafate itti dhabaa jirun uummata Oromoo arrabsuu kan dhokate miti.
Kan hubachuu qabu waggaa lama dura yeroo mormiin dhimmi Maaster Pilaanii kun ka’es akka waan hafeetti dudubbachuudhaan afaanii fi harka mootummaa abbaa irree kan taate dhaabni OPDO mormii sana tasgabbeessuuf sobanii bira darbuun yeroo lammaffaa karoora kana galmaan gahachuuf bara 2015 gara dhumaatti mormii uummata Oromoo dammaqseen as bahee jira. Egaan mormiin Maaster Pilaanii ji’oota lama darban keessatti gaaffii seeraa fi haqa qabeessa tahe uummanni karaa nagaatiin gaafataa jiru kana irratti mootummaan Wayyaanee Ummata Oromoo irratti:- Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Amajjii 13 2016


