Amajii 17,2016
Godina Harargeetti FXG jabeeffamee itti fufe. Mootummaan Wayyaanee duguuggaa sanyii uummata oromoo irratti labses humna waraana isaan
jabeeffachuun itti fufuun isaa FXG kana kan dhadhabsiise osoo hin taanee jabeessee uummata oromoo guutummaatti hirmaachisee jira.
Har’a FxG godina Harargee lixaatti gageeffameen
-Lubbuun hedduun wareegameera.
-Uummanni jumlaadhaan mana hidhaatti guuraamera.
-Rasaasni akka bokkaatti uummata irratti roobaa oola
Kun ammas taanan fincila kan jabeesse malee boodatti kan hambise osoo hin taane uummanni jiraattotni godina harargee keeysa jiraatan fincila kana jabeessuun baadiyaa fi magaalaadhan ka’ee jira. Itti fufa FXG!








Waaqayyoon gaditti Galanni Gootoota keenyaaf haa ta’uuti, Gabrummaatti xumura gochuuf, malaa fi yaada wal gaafachuu irra geenyee jirra. Har’a akka kaleessaa Abbootiin keenya goota turan jennee of ceepha’uu irraa baanee, dhaloota Gootummaa ija keenya duratti galmeessisu argu irra geenye jirra. Dhaloota seenaa qofaa odeessu irra tarkaanfannee, dhaloota Gootummaa Akaakilee isaa wareegamaan haaromsuu danda’e irra geenyerra. Dhalooti Bilisummaa dhiigaan argachuuf muratee, Seenaa Qabsoo waggoota dheeraa geeddaree, Addunyaan akka dhimma isaa kaaftee fala soqixuuf taasisuu irra geenyee jirra. Dhalooti qubee wareegama baasaa jiru kanaan boonuu qofaa osoo hin taanee, Angafoonni fi abbootiin isaanii gaaffii of gaafachuu qaban hedduun akka jiru nu akeeku isaanii qalbifatu qabna. Wareegama isaanitti firii xumuraa gochuuf birmannaan isaanii fardii ta’uu caalaatti qalbifatanii , sochii Fincila Xumura gabrummaa kanatti makamuuf qophaa’uu fi sochii eegaluun akka irraa eegamuu beekuutu nurraa eegama. Gootummaa akaakilee fi abbootii keenyaa Afaan irraa atu nu hin bu’iin, Gootummaa ijoollee keenyaa dubbachuuf ga’uun eebba ta’uus, Gootummaa ofii osoo hin dubbatatiin dabruun qaaniidha jennee of qopheessuun gamnummaadha.