Aside

International Qeerroo Support Group

Qeerroo (youth), Oromo students and community are on March against the brutality of the Ethiopian Regime who has been killing, Torturing, kidnapping and arbitrary disappearance of the Oromo nation. The Qeerroo are on peaceful struggle to stop the injustice happening on our nation. To continue these multi-dimessional March they need support. Hence , we hambly request the Oromo community in general, diaspora in particular and others who believe in justice to stand with us and support Qeerroo in their peaceful struggle for justice and genuine democracy for the oppressed people.
Do you feel that the challenges facing us are too big for one person? One advantage of supporting the (IQSG) that each of our individual contributions is magnified when we all join together our gals be come successful.

Waldorgommii Ispoortii Yuniversitootaa Bulchiini Yuniversitiin Jimmaa Qopheessuuf Deemu Akka Haqamu Qeerroon Bilisummaa Xalayaan Kan Gaafate Deebii Argachuun Yuniversitichi Guutummaatti Haqamuu Beeksise.

Aside

imagesWal Dorgommii Ispoortii dhaabbilee barnoota olaanoo Yuunivarsiitoota Yuunivarsiitiin Jimmaa qopheesstee simachuuf jirtuu  ilaalchisuun Xalaayaa ariifachiisaa bulchiinsaa Yuunivarsiitii Jimmaatiif ”jettuu  kallattiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa Yuunibarsiitii Jimmaaf barreessuun Social Media fi Medialee Qabsoo Bilisummaa Oromoo irraan tamsaasameen akkasumas xalayaa waajjira bulchiinsaatti kallattiin kennameen raafamaa fi sodaa guddaatu akka walii galatti uumamee jira,

Haala kanaan Bulchiinsii Yuunivarsiitii Jimmaa qophiii Qeerroon gochaa jiruu fi Warraaqsaa FXG Oromiyaa keessatti lafa ciniinee jiru irraa sodaa guddaan itti bulee deebii hatattamaa kan injifannoo gonfatee nuuf kennuun, Wal dorgommiin Ispoortii kun Guyyaa har’aa Amajjii 26/2016 Guutummaatti Haqamuu Bulchiinsii Yuunibarsiitii Jimmaa Beeksiise jira. 
Amma kan itti aanuuu Mootummaan Wayyaanee Aangoo Gadhiisuu qaba, Mootummaan Cee’umsaa Biyyatti Keessatti Hundeeffamee Bu’urrii Dimookiraasii fi Mirga Ilma Namaaf kabaja kennuu gadi dhaabbatee, Bilisummaan Uummata Oromoo akka dhugoomuuf Muranoon itti jabaachuudha.Injifannoon Amma kun Injifannoo Hafan Ida’achuun Bilisummaa Walii Galaa fiduu qaba.

Wallagga Bahaa Magaalaan Naqamtee FXG Daran Fininsaa Jiru. Magaalaa Arjoo Guddattuu Keessatti Ammoo Loltooti Wayyaanee Dararaa Akkaanii Ilmaan Oromoo Irraan Gahaa Jiru

Aside

Addisuu Taarikuu

Amajji 26,2016
Magaalaan Naqamtee sochi warraaqsaa daran finiinsutti jiru Haaluma kanaan kaleessa “osoo hin baratin waan qoramnu” jechuun warraqsi barattootaa kan eegale humna waraanan bittimfamus har’a magaalatti rog-arfaniin har’a sochiirra turan.mannee barnootaa kanneen akka _Maskaram Uletti,Q/Naqamtee,Daalloo Naqamtee,Biftuu Naqamtee FXG daran finiinsaa turan.akkasuma hoteelota dahoo diinaa ta’anirratti tarkaanfilee barsiiso fudhachuuf yaadamee kora bittinnessaan hoteela Faanaaf kkf eegichaan oole.humni waraana magalatti marsaa turus warraaqsa ittisuu hin dandeenye.FXG hanga bilisummatti itti fufa.

Kana Malees Magaalaa Arjoo Guddattuu keessatti FXG ka’een wal qabatee sabboontoti Oromoo 3 yeroo rasaasa Wayyaanee ajjeefaman sabboonaan suuraa isaa argitan kun dargaggoo Addisuu Taarikuu jedhamu hidhamee lafatti tumamaa harkifamee dararaan jiraa isaan irra gahe haalaan suukkanneessaa dha.

 

Godina Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagaloo Keessatti Kaabinooti Ragaa Sobaan Dargaggoota Oromoo Yakkaa Jiru.

Aside

Amajjii 26,2016 Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagalootti fincila xumura garbummaa adeemsifamaa jiruun ilmaan Oromoo irratti kaabinooti OPDO wal ijaaruun mana murtii aanichaatti ragaalee sobaa funaanuun yakkaa jiru,kanneen keessaa:-

1 Siwayyaa Rabbumaa
2 Fayyeeraa Waaqumaa
3 Guutamaa Dheeressaa
4 Barsiisaa Olumaa
5 Moosisaa Tarfaa
6 Mulaatuu Addunyaa
7 Taajuu Daawud
Yeroo ta’an,ragaa kanas

Baala tuufoo ABO nuuf wayya nuufoo
Lafee keenya malee lafa keenya hin laannu
Buraayyuun laga xaafoon keenya finfinneenis keenya faayidaa irra argachuu qabna jechaa dhaadachaa fi sirbaa turan jechuun namoota armaan gadii kana irratti ragaa ba’aniiru

1 Geetuu Baqqalaa
2 Dirribaa Waaqumaa
4 Ibraahim Aagaa
5 Gannatii Sanbatoo
6 Kaalid Abduu yeroo ta’an, namooti mootummaa kufte kana jalatti taa’umsa eeguuf ragaa sobaa bahuuf jedhan kana irrattis tarkaanfiin uummataa Barsiisaa ta’e akka fudhatamus beekameera.

Mootummaan kufe biyya maqaletti yeroo galu isaan diinaaf suphaa ta’an immo bor waan isaan dhibuuf gocha akkasiirra akka of qusatan jechaa himatamtoonni kun beellama itti aanutti ragaa faccisaa akka dhiyeeffatan ajajmaniiru

Aside

Amajjii 26,2016 Sa’aa ammaa kanatti, Gindeberet Magaalaa Kaachis Mana barumsaa Sadarkaa 2ffaa irraa kan ka’e hanga ammaatti FXG bifa adda ta’een deemaa jira, Waraanni Agaazii dhukaasa hedduu mana barnootaa Magaalaa Kaachis irratti dhukaasaa jira. Ummannii fi barattooti diddaa cimnaan dura dhaabbachaa jiru.