FXG Godina Qellem A/Jimmaa Horroo Keessatti Uummataan Itti Fufee Jira.‏

Aside

Guraandhala 12,2016 Godina Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroi ganda Warra Baabboo keessatti guyyaa lama dura kan gabaafame gaafa Guraandhala 9/2016 halkan keessaa sa’a 5:00 booda uummanni waamicha waliif taasisee ture.Halkan kana sa’a kana irraa kaasee FXG aanaa kana keessatti uummata qonnan bulaa baadiyaa keessaan dabalatee hamma ammaatti itti fufee jiraachuu Qeerroon keenya achirraa gabaasa gochaa jiru.
Guraandhala 10/2016 guyyaa guutuun FXG magaala Jimmaa Horroo keessatti taasifamaa oolera. Manneen daldalaa cufaatti oole. Dhaadannoon uummataa sagalee guddaadhaan daandii cufuun dhageesisaa oolaniiru. Barataan barumsa dhaabee FXGtti uummata waliin hirmaatee jira.
Sirbootni qabsoo uummataan dheekkamsaan kan guute qonnaan bulaa gandichaa waliin fincilli waraana wayyaanee rifaasisu kaleessa Guraandhala 10/2016 kan gaggeeffamaa oole yoommmuu tahu Itti fufuuudhaan ha’ammoo Guraandhala 11/2016 Humni waraanaa poolisii Oromiyaa fi kora bittinneessaa fi federaalli karaa magaala Nuunnuu irraan gara ganda Baabbotti bahuudhaan guyyaan kaleessaa gabaa kan ture FXG kana tasgabbeessuu kan hin dandeenye har’a haala daandii mijeeffataniin dargaggoota oromoo naannichaa tokko lamaan butanii dhabamsiisaa oolaniiru. Dargaggoota dhabaman keessaa
1. Marii Ayyawuu
2.Bulii Abdataa kannen jedhaman humna tikaatiin qabamanii eessa akka geeffaman kan hin beekamneedha. Waraanni wayyaanee halkan kanas gara sanatti bobbafaamaa jiruu fi achis buufatee jiru FXG aanaa Jimmaa Horroottii ka’ee jiru dura dhaabbachuuf kan ergamee achi buufatee jiru tahuun Qeerroon gabaasee jira.

Aside

Guraandhala 11/2016 Godina Dhihaa Oromiyaa keessatti Warraaqsii Biyyooleessa Oromiyaa Daran Jabaachuun Kutaalee Hawaasaa Oromoo hunda kan hirmaachiseen Konkolaachiftootni daandii Amboo-Finfinnee fi Amboo Naqamtee -Finfinnee Warraaqsaa uummata isaaniitti dabalamuun Warraaqsaa Hojii Dhaabuun itti Fufan.

  Rakkoon taajaajila Geejjibaa guddaan Amboo -Finfinnee Akkasumaas Amboo Naqemtee -Finfinnee Gidduutti mudachuun Godinni dhihaa Oromiyaa raafama ulfaataa keessa galte jirti

Aside

GuraanDhala 11/2016 Godinaalee Oromiyaa Garaagaraa keessatti Barruuleen Warraaqsaa FXG , Waarraaqsaa FXG itti fufsiisanii fi ABO  fi uummata Oromoo faarsaan Uummataaf raabsamuu fi bittneefamuu fi Daandiin Bakkoota Hedduutti Halkan Edaa Cufamuun  Mootummaa Wayyaanee Yaaddoo isa Dhumaa keessa galche jira.

   Godina Lixaa Shawaa Aanoota Garaagaraa kanneen akka Giincii, Jalduu, Ilfata, Amboo ,waddeessa, Xuuqur incinnii, Tokkee, Kuttaayee, Baabbichaa, Geedoo Calliyaa, Midaa Qanyii, Horroo Guduruu jimmaa Raaree , Guduruu,  Finca’aa  fi Godinaalee Bahaa Wallaggaa, fi Godina Kibbaa Lixaa shawaa Walisoo fi naannoo ishee fi Godinoota Oromiyaa dhihaa bakkoota hedduutti barruuuleen Warraaqsaa bittineeffamaa fi maxxanfamaa buluufi daandiiwwaan konkolaataa darbanii darbanii cufamuun  wal qabatee Wayyaaneen yaaddooftee Waraada  ishee dabalataan  Oromiyaa keessa qubsiisaa jiraachuun ibsame jira.

   Haaluma Wal Fakkaatuun Godinaalee Bahaa Oromiyaa Magaalaa Dirree Dawaa , fi Godinaal;ee Harargee Bahaa fi Harargee Lixaa, Godina Arsii Lixaa magaalaa Dodolaa fi bakkoota hedduutti barruuleen warraaqsaa bittinneefamuu fi maxxanfamuun Walqabatee Warraaqsii haalaa jabaatee itti fufaa jiraachuu irraa Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee Muddama seenuun waan qabee gadhiisuu dhabuun humna Waraanaa isaan biyya goolaa fi Shororkeessa kan jiruu ammaas Waraanaa kallattii hundaan bobbaasaa jiraachuu fi Sochii amma adeemaa jiruu irraatti Waraanni Wayyaanee Wayyaaneetti garagaluun isaa kan hin ollee ta’uun hubatamee jira.

Aside

Guraandhal 11/2016 Godina Lixa Wallaggaa Magaalaa Gullisoo keessatti guyyaa Har’aa Warraaqsii FXG uummataa fi Dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoon jabaatee itti fufee jiraachuu maddee keenyaa gabaasaan Yeroo amma kana Magaalaa Gullisoo keessatti uummatnii fi dargaggootni hiriiruun Wayyaanee dura dhaabbachaa jirachuun Warraaqsii jabaatee itti fufuun gaggeeffama jira, gabaasaan itti fufa…

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

 

 

 

 

 

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ilmaan Oromoo Mooraa Mootummaa Wayyaanee Sadarkaa Garaagaraa Keessatti Argaman Hundaaf  Waamichaa  Fincila Xumura Gabrummaa(FXG) Gaggeeffama Jirutti  Akka Makamaaniif Waamicha Xumuraa Dhiheesse.

 Gurraandhala 11,2016

Finfinnee

Warraaqsaa biyyoolessaa Oromiyaatti gaggeeffamaa jiruun mootummaan  wayyaanee kufaatii guddaa fi kasaaraa  siyaasaa keessaa ba’uu hin dandeenye keessa gale keessa bahuuf tooftaalee dadhaboo armaan gadii sochii uummataa danquu fi qabbaneessee bittaa umrii abbaa irrummaa fi Master Pilaanii Finfinnee karoorfate hojii irra olchuun  Irree Oromoo cabsee biyya itti fufinsaan bituuf akka karoorfate Qeerroon bilisummaa Oromoo gareen xiinxaltoota Siyaasaa  ibsan. Qabxiileen Wayyaaneen akka tooftaatti lafa kaawwattee kunis:

  • Dhaaba ergamtuu harka TPLF’n hundeeffamte keessatti aangawoota olaanoo  kaleessa meeshaa godhattee ittin uummata Oromoo ajjeesaa, saamaa, hidhaa fi biyya irraa arii’achaa turte yakkamtoota mormii uummataan kufanii jiran aangoo irraa kaasuu fi adabuun waan aantummaa uummataa qabdu of fakkeessuun yakkamtoota aangoo irraa kaasnee jirra jettee olola afaan fajjii ofuun sochii uummataa dura dhaabbachuuf shira diinummaa karoorfachuun hojiitti hiikaa jiraachuun;
  • Baatii darbee keessa karaa dhaaba ergamtuu Wayyaaneen media tti bahaa Master Pilaaniin dhaabbateera jedhaa jechuun aangawoota OPDO dirquun ibsa kennisiisuun ni yaadatama. Master Pilaanii Fenfinnee kan qopheessee Wayyaanee EPRDF/TPLF malee warrii ergama wayyaanee rawwachisuu qofaaf tolfametti OPDO’n aangoo kan hin qabnee ta’uun ifaadha. Dhimma Master Pilaanii Finfinnee irratti Mootummaa Federaalaa ibsa baasee haquu dhiisuun tuffii ergamtoota isaa OPDOf qabuu fi uummata Oromoof qabu kan muldhisuu ta’uun beekamaadha. Master Pilaaniin finfinnee caalaatti saffisaan hojii irra olaa jiraachuun  shira wayyaanota kana ifatti uummataaf Saaxilaa jiraachuu.
  • Ilmaan Oromoo nagaa kanneen caasaa OPDO keessatti ogummaan ramadamanii sadarkaa garaagaraa irratti argamanii fi jaalala Oromummaa qaban, kanneen yakka Oromiyaa fi uummata Oromoo irratti rawwatamaa jiruu ni balaaleffatu jedhanii shakkaan caasaa hoggantoota yakkamtoota  OPDO kanneen fincila warraaqsaa biyyoolessa Oromiyaa fi diddaa uummatan kufee rukuchaa jiran waliin; caasaa yakkamtoota  mormii uummataan kufeetii jechuun hojii irraa arii’uu, taayitaa Ogummaa isaanii irraa kaasuu, hidhuu fi  biyya irraa arii’uun tarkaanfii diinummaa irratti fudhachuuf akka jiran hubatamuu.
  • Riqicha uummatni Oromoo waggaa 24 ittin reebamaa, ajjeefamaa , mirga abbaa biyyummaa fi dimookiraasii sarbamuun saamamaa ture ‘OPDO’ deebisanii ijaaruuf bakka yakkamtoota mormii uummataan kufanii fi sabboontoota  profeshinaalaa fi Siivilii Sarvisii ilmaan habashaa dhalootaan 50% gadi dhiiga Oromoo of irraa qabanii fi kanneen saboota biro ta’anii Oromiyaa keessatti dhalatanii afaan Oromoo barreessuu fi dubbisuu danda’aniin OPDO haaraa hundeessuun bittaa umrii dheereeffachuuf shira uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti xaxamaa jiru ta’uu hubannee jirra!! Waamicha Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hojjettoota Mootummaaf Guran 11 2016