Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ilmaan Oromoo Mooraa Mootummaa Wayyaanee Sadarkaa Garaagaraa Keessatti Argaman Hundaaf Waamichaa Fincila Xumura Gabrummaa(FXG) Gaggeeffama Jirutti Akka Makamaaniif Waamicha Xumuraa Dhiheesse.
Gurraandhala 11,2016
Finfinnee
Warraaqsaa biyyoolessaa Oromiyaatti gaggeeffamaa jiruun mootummaan wayyaanee kufaatii guddaa fi kasaaraa siyaasaa keessaa ba’uu hin dandeenye keessa gale keessa bahuuf tooftaalee dadhaboo armaan gadii sochii uummataa danquu fi qabbaneessee bittaa umrii abbaa irrummaa fi Master Pilaanii Finfinnee karoorfate hojii irra olchuun Irree Oromoo cabsee biyya itti fufinsaan bituuf akka karoorfate Qeerroon bilisummaa Oromoo gareen xiinxaltoota Siyaasaa ibsan. Qabxiileen Wayyaaneen akka tooftaatti lafa kaawwattee kunis:
- Dhaaba ergamtuu harka TPLF’n hundeeffamte keessatti aangawoota olaanoo kaleessa meeshaa godhattee ittin uummata Oromoo ajjeesaa, saamaa, hidhaa fi biyya irraa arii’achaa turte yakkamtoota mormii uummataan kufanii jiran aangoo irraa kaasuu fi adabuun waan aantummaa uummataa qabdu of fakkeessuun yakkamtoota aangoo irraa kaasnee jirra jettee olola afaan fajjii ofuun sochii uummataa dura dhaabbachuuf shira diinummaa karoorfachuun hojiitti hiikaa jiraachuun;
- Baatii darbee keessa karaa dhaaba ergamtuu Wayyaaneen media tti bahaa Master Pilaaniin dhaabbateera jedhaa jechuun aangawoota OPDO dirquun ibsa kennisiisuun ni yaadatama. Master Pilaanii Fenfinnee kan qopheessee Wayyaanee EPRDF/TPLF malee warrii ergama wayyaanee rawwachisuu qofaaf tolfametti OPDO’n aangoo kan hin qabnee ta’uun ifaadha. Dhimma Master Pilaanii Finfinnee irratti Mootummaa Federaalaa ibsa baasee haquu dhiisuun tuffii ergamtoota isaa OPDOf qabuu fi uummata Oromoof qabu kan muldhisuu ta’uun beekamaadha. Master Pilaaniin finfinnee caalaatti saffisaan hojii irra olaa jiraachuun shira wayyaanota kana ifatti uummataaf Saaxilaa jiraachuu.
- Ilmaan Oromoo nagaa kanneen caasaa OPDO keessatti ogummaan ramadamanii sadarkaa garaagaraa irratti argamanii fi jaalala Oromummaa qaban, kanneen yakka Oromiyaa fi uummata Oromoo irratti rawwatamaa jiruu ni balaaleffatu jedhanii shakkaan caasaa hoggantoota yakkamtoota OPDO kanneen fincila warraaqsaa biyyoolessa Oromiyaa fi diddaa uummatan kufee rukuchaa jiran waliin; caasaa yakkamtoota mormii uummataan kufeetii jechuun hojii irraa arii’uu, taayitaa Ogummaa isaanii irraa kaasuu, hidhuu fi biyya irraa arii’uun tarkaanfii diinummaa irratti fudhachuuf akka jiran hubatamuu.
- Riqicha uummatni Oromoo waggaa 24 ittin reebamaa, ajjeefamaa , mirga abbaa biyyummaa fi dimookiraasii sarbamuun saamamaa ture ‘OPDO’ deebisanii ijaaruuf bakka yakkamtoota mormii uummataan kufanii fi sabboontoota profeshinaalaa fi Siivilii Sarvisii ilmaan habashaa dhalootaan 50% gadi dhiiga Oromoo of irraa qabanii fi kanneen saboota biro ta’anii Oromiyaa keessatti dhalatanii afaan Oromoo barreessuu fi dubbisuu danda’aniin OPDO haaraa hundeessuun bittaa umrii dheereeffachuuf shira uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti xaxamaa jiru ta’uu hubannee jirra!! Waamicha Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hojjettoota Mootummaaf Guran 11 2016