Haaluma kanaan Guyyaa Dilbata dhufu magaalaa Amboo keessatti Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa Dr Ambaachoo magaalaa Keenya ni seenu jedhamee jira. Kanaan wal qabatee nu ilmaan Oromoo Gama Walloo jiran gochaa bulchiinsi mootummaa Naannoo Amaaraa raawwateen ilmaan Oromoo Walloo keessa jiraatan Duula Liyyuu Hayilii Naannichaa fi Milishoota Naannichaan duulli daangaa babaldhifannaa fi duguugonsi ilmaan Oromoo Walloo jiran irratti raawwachaa turuun ni yaadatama.
Keessummoonni dhufan kun tuffii Uummata Oromoof qaban ifatti kan Muldhisaa jiraaniifi Araarri Uummata Walloo waliin isoo hin godhamiin maqaa diipiloomaasiin gara Magaalaa keenyaa dhufuun ammas Uummata Oromoo madaa isaa itti kakaasuuf kan yaadame ta’uu sin beeksifna. Nu nagaa feena sabni kamuu wal qixxummaan jaalalan uummata Oromoo kabajee mirgaaf dirqama isaa baree jiraachuu akka qabu fi namni kamuu jibba saboota kamuu kan hin qabne yoo ta’u, garuu haala amma jiruun Torbanoota darban keessa Uummata Walloo duguuguuf yaalamuun ni yaadatama.
Kanaaf qaamonni magaalaa Keenya afaaniin ol kaasuun nagada siyaasaaf oliif gadi yaatan kabaja Oromummaan gaaffii Keenya kan ilmaan Kumaatama itti dhabne nuu deebisaa. Maqaa Amboon bara kana qofa keessummoonni garaagaraa dhufan iyyuu magaalaa Keenya akkuma durii gaaffii uummanni Keenya Jaarraa hedduuf hin deebine waan hojiitti hiikamee hin agarreef xuxxuqaa fi tuffii Uummata Oromoo akka dhiiftan kabajaan isin gaafanna.
Sagalee Qeerroo Amboo
HAQA QABNA NI FALMANNA
DHUGAA QABNA NI INJIFANNA