Gurraandhala 17,2016 Har’as gootonni Barattoota Oromoo Kan Baha Wallagaa jala jiran erga boqonnaa semisteeraati deebi’anii kanneen akka Mana barumsaa Naqamtee Magaalaa Keessatti argaman,M/Barumsaa Nuunnuu Qumbaa(Nuunnuu,WaamaaAdaree ,Dirree),M/Barumsaa Waamaa Hagaloo(Qassoo,Moxe,Kiillo,Baataa,Aleeluu),M/Barumsaa Qophaa’ina Naqamteef Jiituutti haalaan finiinfamaa jira
Category Archives: Oduu/News
Guyyaa Har’aa Alaabaan ABO Magaalaa Kofalee Keessatti Gootota Qeerroon Balali’aa Jirti.
Aside


Guyyaa Har’aa Gootonni Qeerroo Bilisummaa Waraana Wayyaanee Dura Jagnummaan Dhaabbbataa Jiru.
Aside
Diddaan Gootota Qeerroo Jabaatee ,Har’a Gur,17,2016 Wallagga Horroo Guduruu Aanaa Amuruu Manneen Barnootaa Keessatti FXG Haala Jabaa Ta’een Gaggeeffamaa Jira.
Aside



Qeerroon Bulee Horaa Diddaa Sirna Mootummaa Itiyophiyaa Daran Jabeessee Jira.
Aside
Har’a Gurraandhala 17,2016 Arsii Kofalee Keessatti Gootonni Qeerroon Karaa Cufaa Jiru.
Aside


Diddaa Qeerroo Bulee Horaa Gurraandhala 17,2016 Irratti WBO Faarsan.
Aside
Gurraandhala 17,2016 FXG Bulee Horaa.
Aside


Gurraandhala 16,2016 FXG Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Jimmaa Horrootti Jabaatee Itti Fufe.
Aside
Godinaalee Bahaa Oromiyaa Godinota Arsii Lixaa, Harargee Bahaa Keessatti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Daran Jabaate.
Aside
Guraandhala 16/2016 Godinaalee Bahaa Oromiyaa Godinota Arsii Lixaa, Harargee Bahaa Keessatti warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG daran jabaachuun itti fufuun Walqabatee Manguddoo Ganna 60 dabalatee Ilmaan Oromoo Hedduun waraana agaaziin irratti Baneen Wareegamani Jiru.Godina Harargee Bahaa aanaa Gaara Muldhataa Magaalaa Gurawaa keessatti warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa Daran jabaachuun itti fufuun walqabatee Waraanni Mootummaa wayyaanee Daa’immanii fi Manguddoota ajjeesuu aadeeffate, guyyaa har’aa magaalaa Gurawaa keessatti Manguddoo Ganna 60 dabalatee ilmaan oromoo hedduun madeeffamuu fi gariin immoo wareegamuun gabafame jira.kanneen Wareegaman kan yeroof maqaa argannee jirruu keessa
1. Magguddoo Juharaa Muusaa umriin ganna 60 kan taatee fi
2. Adam Mohaamed Abdallaa kanneen jedham kan keessatti argaman ilmaan Oromoo wareegaman, kanneen qaama madoo ta’an immoo heedduu ta’uu maddeen keenya gabaasan.
Godina Arsii Lixaa Magaalaa shaashamannee, shaallaa, Siraaroo fi Kofaleetti Warraaqsii FXG haan jabaachuun itti fufee Gootummaa Godina Bahaa Oromiyaa fi Kibba Bahaa Oromiyaa Sochoosaa kan oole ta’uun beekame jira. Aanaa Kofaleetti goototni Dargaggootni Qeerroon Barattootni oromoo Mana Barumsaa Kofalee Sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina Waraaqsaa finiinsuun Sirna nama nyaataa Wayyaanee balaaleffachuun Waraana Wayyaanee Agaazii fi Poolisoota federaalaa waliin wal jala dhaabbachuun Warraaqsii Jabaatee kan itti fufe ta’uu Maddeen qeerroo bilisummaa oromoo Gabaasan. Yeroo amma Kana godini Arsii Lixaa fi Harargee Bahaa Waraana Wayyaaneen goolamaa jiraachuun hubatame jira. Daandiiwwaan konkolaataa Bakkoota hedduutti Godina arsii Lixaa fi Oromiyaa Bahaa keessatti cufamuun Haalaan jabaatee itti fufee jira.