Category Archives: Oduu/News
Magaalaa Gadulloo Aanaa Daaroo Labuu Godina Harargee Keessatti Goototi Dargaggooni Oromoo Akkanatti FXG Gaggeessaa Oolan.
Aside
Guyyaa Har’aa Gurraandhala 24,2016 FXG Wallagga Horroo Guduruu Amuru Keessatti Ta’e.
Aside
FXG Gootota Qeerroo Bilisummaan Wallagga Beegii Aanaa Kobor Keessatti Akkanaan Oole/Gurrandhala 24,2016
Aside
Guraandhala 24/2016 Godina Kibbaa Dhihaa Oromiyaa Godinaalee Iluu Abbaa Booraa fi Jimmaa Keessatti warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa #FXG’n Guraandhala 23/2016 Irraa eegaluun bifa qindaa’een gaggeeffamuun itti fufe!
Aside
Guraandhala 24/2016 Godina Kibbaa Dhihaa Oromiyaa Godinaalee Iluu Abbaa Booraa fi Jimmaa Keessatti warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa #FXG’n Guraandhala 23/2016 Irraa eegaluun bifa qindaa’een gaggeeffamuun mootummaa wayyaanee rifaasiisaa fi yaaddeessa kan jiru warraaqsaa waliigalaa Oromiyaa Godinoota cufa qabatee jiru kanadha. Guyyaa kaleessaa sagalee guddaan Jimmaa #ShabeeSomboo keessatti warraaqsii egaale har’as itti fufe jira.
Guyyaa har’a 24/2016 Godina Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Baddalee keessatti gootota Barattooota oromoo Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaan FXG’n finiina jira. warraaqsii Godina Kibba Dhihaa Oromiyaa keessatti Eegalee kun Aanota godina Jimmaa fi godina iluu Abbaa Booraa Cufaa keessatti jabaatee kan itti fufu ta’uu maddeen kenya ibsaniru.. Qabsoon itti fufa garboomsaan ni kufa!!
Guyyaa Har’aa Gurraandhala 24,2016 FXG Godina Wallaggaa Aanaa Ayiraa Gullisoo fi Boorna Magaalaa Yaabello Keessatti Haalaan Itti Fufee Jira.
Aside

Wallagga Ayiraa Gullisoo

Wallagga Ayiraa Gullisoo

Yaabelloo


Wallagga, Saasiggaatti Namni Lama Wareegame,FXG Har’as Godina Hundatti Itti Fufe
Aside
Gurraandhala 24,2016 Godina walagga bahaa aanaa Saasiggaa bakka addaa qonnaa Baloo jedhamutti guyyaa lama dura barattootni maqaan isaanii armaan gaditti argamu waraana wayyaaneen ajejefamaniidha.
1. Amanuel Tarrafee Boggaalee barataa kutaa 11fffaa
2. Caalaa Moosisaa kan jedhaman
Barattootni kun lamaan guyyaa FXG aanaa Saasiggatti gaggeeffame yoo wareegaman kanneen madeeffaman hedduu tahanis kan maqaan isanii nu
qaqqabe Galataa Nagaroo kan jedhamu yeroo ammaa hospitaala Naqamteetti argama. Haaluma kanaanis FXG har’a godinuma kana aanaa Saasiggaa gandoota garagaraatti itti fufee jira.
Godina Booranattis FXG dhowee humni waraana wayyaanee dhukaasa uummata irratti banaa jira. Ganama kana irraa kaasee itti fufeera.
Diddaa Dargaggoota Oromoo Harage Lixa Daaroo Labuu
Aside


Saawwii dhaluuf dorrobde, kunuunsaa fi tika addaa barbaaddi: Haala qabsoo bilisummaa Oromiyaa yeroo ammaa fi wanneen ta’uu qaban.
Aside
Leelloo Sabaatiin
Qabsoon bilisummaa Oromiyaa, Adda Bilisummaa Oromootiin(ABO) hoogganamu, sa’a irraa sa’atti, guyyaa irraa guyyaatti, ji’a irraa ji’atti, akkasumas, waggaa irraa waggaatti, gabbataa, cimaa fi babal’achaa deemee ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa qabsoof hiriirsee yeroo kamuu calaatti amma, finiinee shaffeessaan gara galma bilisummaatti fiigaa jira.Egereen, hawwiin, abdii fi akeeki ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa, yeroo kamuu caalaa amma, ifee mul’atee abdachiisaa ta’ee jira. Hawwiin, abdiin, akeekii fi fedhiin ummatni Oromoo fi ummattooti cunqurfamoon hundi mootummaa bilisa kan mataa isaanii dhaabbachuuf baroota dheeraaf wareegama qaqqaalii itti baasan, shakkii tokko malee bakka gahuuf akka deemu yeroo kamuu caalaatti amma ifatti beekameera. Bilisummaan ummattoota kanaa, “yoo osoo hin taane, yoom” kan jedhutti tarkaanfatee jira.Walumaagalatti, qabsoo ummatni Oromoo fi ummattootni cunqurfamoon baroota dheeraaf osoo wal irraa kutini fi hin nuffin geggeessaa jiran, yeroo kamuu caalaatti amma, bilisummaa dhaluuf dorrobee jira.











