Bitootessa 21,2016
Magaalli Finfinnee humna waraana agaaziitiin eegamaa jirti. Waraanni kun kutaa bulchiinsa magaalatti fi gandoota keessatti ramadamee
halkanii guyyaa uummata hiraarsaa jira. Keessattuu naannoo buufata Yuuniversitiiwwanii fi koollejjiwwan Finfinnee keessatti argamanitti
buufatee marsee jira humni kuni. Sochiin waraana mootummaa wayyaanee magaala Finfinneetti sodaa fi raafama mootummaa abbaa irree kan ka’een akka saree olii fi gadi kaataa jirti. FXG Finfinneetti ka’a kan jedhamu miirri sodaa guddaatu jira Finfinneen muddama keessa jirti.
Category Archives: Oduu/News
Aside
Bitootessaa 21,2016 Warraaqsii FXG’ Haalaan Jabaachuun Uummatni Oromoo Godina Lexa_Shaggar_Amboo fi Godina Kibba_Lixa_Shaggar_Walisoo Kanfaltii Gibiraa fi buusiiwwaan Mootummaa Wayyaanee Nu ajjeesaa Jiruuf Hin kaffalluu jechuun Murtii fudhatee jiruu jabeessuun hojii irraa olchaa jira. Dura Taa’otni gandaa fi Milishootnis Nuti uummata Ni sodannaa, Uummata kana keessa Baanee kophaa jiraachuu hin dandeenyuu jechuun hojii ergama bulchiinsa wayyaanee OPDO dhaabbuun Uummatatti harka kennatani jiru. Waraanni Wayyaanee Konkolaataa poolisii Oromiyaa jeettuu qabachuun Gandoota Baadiyyaa Godinoota kanneenii keessa sodaa guddaan guutamee socho’aa jira.
Oromo/Oromia-New Drama-“MADAA KUKULEE”
Aside
Godina Lixa Shaggar Amboo: Aanaa Aada’aa Bargaa Goototni uummatni Oromoo fi Barattootni Oromoo Ganda Caancoo Birrattee Lafa Gabaa Jimaataa jedhamtutti walgahuun Warraaqsaa FXG finiinsuun hiriira mormii sirna Wayyaanee taasisan.
Aside
Bitootessaa 20-21/2016 Godina Lixa Shaggar Amboo: Aanaa Aada’aa Bargaa Goototni uummatni Oromoo fi Barattootni Oromoo Ganda Caancoo Birrattee Lafa Gabaa Jimaataa jedhamtutti walgahuun Warraaqsaa FXG finiinsuun hiriira mormii dhageessisaa turan.
Dhaadannoowwan itti anaanu kana sagalee jabaan dhageessisan.
-Waraanaan hin bullu -Ilmaan oromoo hindhaman hatattamaan haa hiikaman
-Mootummaan lubbuu waraanaan balleesseef itti haa gaafatamu -Abbaan Biyyaa ABO’dha.
-Wayyaanee fi OPDO’n nu hin bulchitu jechuudhaan dhaadannoo dhageessisaa turan.
Waraanni wayyaanees akkuma amalasaa ummata mirga Isaafi dubbatu hidhuu fi dararuu irratti argamu. Aanaadhuma kana #Mogor keessattin kan argaman Barattootni Manneen Barnootaa #Mogor_Muka_Odaa sad.1ffaa, Reejjii sad.2ffaa fi ‘Mugher Cement Enterprise Community Senior Secondary School’tti torbee darbe irraa eegaluun mormii isaanii kan itti fufan tahuu ibsameera. Sababa kanaan waraanni Wayyaanee manneen barnootaa seenuudhaan barattoota jumlaan hidhuu fi dararaa jiraachuun beekame. Hawaasni Mogoris barattootaaf birmachuudhaan hanga ammaatti waraana Wayyaanee fuuldura dhaabachuu jiru. Haaluma walfakkaatuun Godinuma Shawaa Lixaa Meettaa Roobii keessatti guyyaa Jimaataa Barattootni Mana Barnootaa Qophaa’inaa Shinoo mormii jabaa dhageessisaa turan. Yeroo ammaas barattootni manneen barnootaa garaagaraaMeettaa Roobii fi Ada’aa Bargaa keessa jiran Barnootni Bilisummaan Booda jechuun ibsa ijjannoo baafatan guutummaan hojiitti hiikaniiru.
Barattooti Oromoo Yuniversitii Finfinnee Keessaa Loltoota TPLFn Qabaman 20 Mana Hidhaa Keessatti Gidirfamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Bitootessa 21,2016/ Maqaaleen armaan gaditti tarreefaman kunniin gootota barattoota Yuunibarsiitii Finfinnee keessaa qabamanii yeroo ammaa kana mana hidhaa keessatti gidirfamaa jiranidha.
Qeerroon barattootni kunneen 49 ta’anii hidhamanii kan turan 20 mana hidhaa Wayyaanee keessatti kanneen hafani tahuu Qeerroon gabaasa. Jarreen kun xalayaa seeraa of harkatti qabachuun waraqaa dhaadannoo fi uffata adii kan nageenya mullisu uffachuun iimbaasii Ameerikaa fuulduratti sagalee diddaa isaanii waan dhageessisaniif qofa qabamanii hidhaman.
Dhaadannoon isaan dhageessisaa turanis;
- Mirga dhabuu uummata Oromoo
- Ajjeefamuu fi yuunibarsiitii irraa ari’amuun akka dhaabbatu
- Dachee fi qabeenya Oromiyaa harka duureyyii qonnaan bultoota irraa fonqolchuun kennuun akka dhaabbatu
- Kiraan lafaa olka’e qotee bulaa irraa akka dhaabbatu
- Beektonnii fi barattootni Oromoo mana hidhaatti gidirfamaa jiran akka hiikaman
- Digirii baatanii dhagaa baachuu fi soquun akka dhaabbatuu, walumaa galatti gidirfamnii fi cunqursaa lammii Oromoo irraa akka mulqamu sababa gaafataniif gidirfaamaa jiru.
Kan jedhu ture.
Yeroo ammaatti barattooti hidhaa keessatti gidiraa argaa jiran keessaa warra armaa gadii ta’uu Qeerroon gabaasa:-
| Lakk | Maqaa guutuu | Department |
| 1 | Sooressaa Damee | Enjiner 5th year |
| 2 | Bilisummaa Biraanuu | Economics 2nd year |
| 3 | Guddinaa Tasfaayee | Mgt 2nd year |
| 4 | Asheetuu Darajjee | Economics 2nd year |
| 5 | Dabalaa Fayisaa | English 4th year |
| 6 | Battee Lammii | Maths 2nd year |
| 7 | Alamuu Olaanii | Economics 2nd year |
| 8 | Gammachuu Kabbadaa | A/oromo 1st Year |
| 9 | Ahimed Mohaammed | Electrical enginer 5th year |
| 10 | Insarmuu Boggaalee | Acconting 3rd year |
| 11 | Ijjiguu Qabataa | Economics 2nd year |
| 12 | Shallamaa Gammachuu | Economics 2nd year |
| 13 | Gammachuu Haayiluu | >> |
| 14 | Marshaa Baayisaa | >> |
| 15 | Tasfaayee Geetuu | >> |
| 16 | Tarreessaa Ashakaa | >> |
| 17 | Tasfaayee Mokonnon | >> |
| 18 | Daani’eel Abdiisaa | chemistry |
| 19 | Guutaa Baayisaa | chemistry |
| 20 | Biraanuu Badhaadhaa | Adiministration |
Gochi Shororkeessitoota Waayyaanee Daran Babal’achuun Lixa Oromiyaa Magaalaa Naqamtee Jeeqaa Jiran
Aside
Bitootessa 20,2016
Haalli Magaalaa Naqamtee Kan sodaachise humni waraanaa daran dabalee uummata nagaa dhowwaa jira.Konkolaatonni haaraan waraana oliif gad imalchiisan illee heeddummachaa jiru.eegumsi keessumaa naannoo boordiifii marffataafaatti humnaa ol jabaatee jira. Fincilli xumura garbummaa magaalaa naqamtee keessatti jabaachuurraan kan ka,e mootummaan gabroonffataa Wayyanee boqonnaa dhabuurraan uummata nagaa goolaa jiraachuu maddeen keenya achirraa arganne ifa godhu.Humni kora bittinneessaa fi makkalaakiyyaa jedhamanis baratoota karaa nagaan gaaffii mirgaa gaafatan irratti aarra ija imimaannessu gadhiisuu,reebuu fi gara mana adabaatti guuraa jiraachuu Qeerroon gabaaseera.
Aside
SBO Bitootessa 20,2016. Oduu, Gabaasa FXG, Sochii Hawaasa Oromoo Sa’ud Arabiyaa ilaalchisee gaaffii fi deebii qaamota adda addaa waliin, akkasumas Sochii boonsaa hawaasni Oromoo Awustiraaliyaa gochaa jiru irratti kan fuulleffate gaaffii fi deebii geggeeffame
Aside
Bitootessa 19,2016 “Abbaan Biyyaa ABO Dha” jedhu gootonni Qeerroo Godina Harargee Bahaa magaalaa Miidhagaa lolaa keessatti FXG Gaggeessaniin
Aside
Wallee Warraaqsaa Haaraa “Qeerroo” Artist Fandishaa Abdii/Bitootessa 19,2016
Aside

