Bitootessaa 25,2016 Waarraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG, Jabaachuun daandiin Konkolaataa kibba Lixa Oromiyaa irraa Gara Finfinneetti seensisuu fi Gara Oromiyaatti baasu Magaalaa_sabbataa irratti Ganama irraa eegaluun cufamuun konkolaataan kamuu akka socho’uu hin dandeenyetti danqamee rakkoon guddaa wayyaanee mudachaa jira. uummanni Oromoo ajjeechaa fi Huulaa Hidhaa waraanni Agaazii rawwachaa jiruun sochii isaa irraa dhaabbachuu hin danda’u, Wareegamaa qaalii kanfaluun Injifannoo boonsaa of harkatti galchee jiruu kanas irratti dachaan wareegama malee duubatti kan irraa deebi’u akka hin taane hubachiise. 
Murtii uummatni Oromoo Magaalota addaa naannawaa Finfinneetti argamaan qeerroo waliin dabarfatan irraa mootummaan wayyaanee raafama caaluu keessa seenuun magaalaa Finfinnee eeggichaa waraanaa guddaa jala galchee kan jiruu fi Kellaawwaan Finfinnee irratti sakkatta’insa gaggeessa kana jiruu fi magaalaa Finfinnee keessatti namni Afaan Oromoo dubbatuu heddummataa dhufuu irraa Finfinneen ija Shakkii Guddaan ilaalama jiraachuun hubatame jira. Guyyaa Har’aa kanas Sakkatta’insi guddaan Daandii sabbataa Gara Finfinneetti seensisuu irratti guyyaa guutuu gaggeeffama jira.
Category Archives: Oduu/News
Beeksisa Qeerroo Bilisummaa Idil-Aduunyaa
Aside
Heroic Confrontation between Agazi Soldiers and Civilians
Aside
Polisiin Fedaraalaa Dhalootaan Oromoo Ta’an ABOf Hojjettu Sababaa Jedhuun Yakka Adda Addaa Irratti Banuun Hojii Irraa Arihuu fi Dararaa Jabaan Mootummaa TPLFdhaan Irra Ga’aa Jira
Aside
MUST WATCH – GOBII “Dargaggeessi Yoomiif Tola” Artist Mo’ibul Biluu Qawwee/Wallee Warraaqsaa
Video
Godina baha wallaggaa magaala Naqamtee, Giddaa Ayyaanaa fi Yuuniversitii Wallaggaa Keessatti Waraqaan Qeerroo Warraaqsaa Bittimfamee Jira. Magaala Naqamteetti Uummata Oromoo Maraaf Waamichi Tahe.
Aside
Bitootessa 24,2016
– Oromoon tokko kaaba fi kibaa fi bahaa fi lixaan ka’I wayyaanee
biyyaa baasi
– Abbummaan oromoo oromiyaadhaan haa mirkanooftu
– WBON duruma leenca bosonaati
– Nuti wayyaane hin beeknu ABO malee
– Tigreen saamtuu fi hattuudha
– OPDOn uummata oromoo bakka hin buutu
Jedhu waraqaan balaliituun warraaqsaa bittimfamee kan turee fi aanaa Giddaa Ayyaanatti barataa du’e sirna awwaalcha isaan wal qabsiisuudhaan FXGs guyyaama kana eegale kan ture har’as FXG aanaa kana keessatti jabaate jedhu. Qonnaan bulaan aanaa Giddaa Ayyaanaa hedduun ukkaamfamee jira. barattootni har’a daandii cufaniiru. Agaaziin aanicha keessa olii fi gadi fiigaa jirti. Magaalli Naqamtees dirree qabsoo taateetti hamma ammaatti waraanni wayyaanee itti wal jijjiiruudhaan magaalicha keessa qubatee jira.
MUST WATCH – **Oromo New Music 2016** Hirphaa Ganfuree fi Habtamu Lamu #Wallee Warraaqsaa
Aside
Yunibarsiitiin Jimmaa Barattotarratti Beeksisa Baasuu Itti Fufe.
Aside
Bitootessa 24,2016
Gocha dhoksanii ukkamsuuf yeroo yerootti waan wal hin qabanneef badii tokko malee barattoota Oromoo arii’uun beekamtii kan qabu,har’as dogongora tokko malee mooraa guddaa keessatti barattoota Oromoo nama 29 irritti beksisa baasaa jiraachuu akkasuma Barattoota kanneen keessaa nama 3 dhoksaan ukkaamsisuuf akka jiru icciitiin isaan biraa baate ifa taasiftti kanas itti gaafatamummaan Kaalid Abbaa Tamaam akka dalagaa jiru oduun isaan biraa baate ifa taasifti.
Gama biraan Guyyaa kalee 23/3/2016 Yuunibarsiitii Walqixxee Damee Gunuureetti FXGn adeemsifame. Mooraa Gubuureetti fincila xumura garbummaa adeemsifame kanaan barattooti hedduun miidhamuufi,barattooti hedduun ukkaamfamuus Qeerroon moorichaa gabaasee jira
Yeroo ammaa kana to’annaan addatti barattoota Oromoo irratti adeemsifamaa kan jiruufi,barattoti hedduun mooricha gadhiisaa kan jiran humni waraanaas akka waan ofii itti baratuutti itti duudaa jiraachuun beekameera
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Bitootessa 23,2016
Aside
Walabummaa Oromiyaaf, Referendumiin Bilisa Ta’e Har’a Geggeeffamuu Qaba. Qiyyaafatnoo ummata Oromoo kan kaleessaa fi kan har’a.
Aside
Leelloo Sabaa Irraa
Sirna gabrummaa Habashootaa jaarraa 14ffaa irraa eegalee irratti diriirfame, ummatni Oromoo jaarraa 16ffaa keessaa wareegama: lubbuu, qabeenyaa, hawaasummaa fi qaamaa hagana hin jedhamne irratti baasee Oromiyaa keessaa buqqisuun bilisummaa isaa deebifatee: nagaa,badhaadhina fi gammachuun waggoota dhibba sadiif (hanga dhuma jaarraa 19ffaatti) jiraatee ture.
Waggoota dhibba sadiif, bilisummaa isaa tikfatee osuma jiraatu, Oromiyaa deebisanii gabroomfatuuf hooggana Minilikiin weerara Habashooti Oromoo fi Oromiyaa irratti bananis ummatni Oromoo of irraa ittisuuf wareegama lubbuu miliyoona shanii, kan qabeenyaa, qaamaa fi hawaasummaa hedduu eerga baasee booda meeshaa lolaatiin caalamee haa injifatamu malee bilisummaa isaa deebifatuuf ummatni kun haga har’aatti, itti fufee falmaa hadhooytuu geggeessaa jira.
Fincilli Oromoo Daawwee, kan Raayyaa, walabummaan jiraachuuf Western Oromo confederation, Oromoon walakkeessa, fi Baha Oromiyaa iyyatnoo isaan mootummoota Awurooppaatti galfatan, Fincilli Baalee, ijaaramuun waldaa Maccaa fi Tuulamaa fi ijaaramuun Adda Bilisummaa Oromoo, wareegama barbaachisu baasuun bilisummaa afaan qawweetiin habashootaan sarbame deebifachuuf : akeeka, fedhii, hawwii fi muratnoo ummatni Oromoo qabu itti fufee daranuu kan mirkaneesse ture. Dhaaba warraaqaa, qabsoo bilisummaa Oromiyaa kallachummaan hoogganu qabaachuun jala hiriiranii wareegama baasuun akeeka bilisummaa Oromiyaa bakkaan gahuuf muratnoon ummatni Oromoo bara Dargii irraa eegalee agarsiise, bilisa ta’ee jiraachuuf fedhii fi hawwii ummatni Oromoo qabu kan daranuu itti fufee dhugoomse ture. Dhaaba kana jala hiriiruudhaan wareegama qaqqaalii ummatni Oromoo haga har’aatti baasaa jiru , akeeki dhaaba kanaa, kan bilisummaa Oromiyaa, akeeka: haqaa fi dimookraatawaa, fedhii fi hawwii ummatni Oromoo jaarraa hedduuf qabaachaa ture guutu ta’uu shakkii tokko malee kan mirkaneessu dha.
Wareegama: lubbuu, qabeenyaa, qaamaa fi hawaasummaa hagana hin jedhamne baasuudhaan fincilli bilisummaa fi dimookraasii har’aan tana Oromiyaa guutuu keessatti qaama hawaasaa Oromiyaa guutuun deemsifamaa jirus itti fufee kan mirkaneessu, ummatni Oromoo bilisa ta’ee hiree isaa murteefachuun walaba ta’ee jiraachuuf dhuma jaarraa 19ffaa irraa eegalee :fedhii, hawwii fi akeeka dhaabbataa hin sharafamne kan abbootii isaa irraa dhaale bakkaan gahachuu akak barbaadu shakkii tokko malee itti fufee kan dhugoomsuu dha.
Waan kana ta’eef, karaa nagaa hiree isaa murteeffatee mootummaa walaba ijaarratuuf fedhii fi hawwii ummatni Oromoo jaarraa tokko oliif :walitti fufiinsaan, jabinaa fi cichoominaan wareegama hedduu irratti baasee ibsachaa jiru kana, biyyooti, mootoummooti, humnooti siyaasaa, jaarmooti addda addaa, nam-tokkeen adda addaa: seera uumaa, seera addunyaa, haqa, dimookraasii, mirga dhala namaa fi nagaatti amanan hundi deggeruudhaan, ummata Oromoof referandumiin akka hayyamamu dhiibbaa cimaa godhuu qaban. Ummatni Oromoos, akeeki isaa kan mirga hiree murteeffanaa referandamiin bakkaan akka gahatuuf, “Referandamiin Oromiyaaf Hara !, Kan kanaa gadii tasumaa hin barbaannu !” jechuun tokkummaa duraan argamee hin beekneen yeroo inni itti sagalee isaa dhageessisuu qabu hara’a.
Injifatnoon Ummata Oromoof !
Adda Bilisummaa Oromoo waliin fuulduratti !