Mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo Yuniverstii Jimmaa Irratti Yakka Guddaa Raawachaa Jiraachuu Qeerroon Saaxile.

Aside

IMG_20160329_115232 IMG_20160329_115315 IMG_20160329_115331 IMG_20160329_115509Ebala 1,2016 Mootummaan Wayyaanee Yakka Barattoota Oromoo Irratti Hojjetu Itti Fufuun Yuniverstii Jimmaa Keessatti Seeraa Ala Hiriira Mormii Baatan Jechuun Ragaa Sobaa Waammatee Adabbii Maallaqa Guddaa fi Murtii Hidhaa Barattootatti Murteessaa Jiraatu iyyuu FXG Itti Fufee Jira..

Magaalaa Jimmaa Keessatti Sochii Qeerroon Mirga Abbaa Biyyummaasaaf Taasisaa Jiru Daran Babal’ate

Aside

Ebla 1,2016 Jimma
FXGGuutummaan Magaalaa Jimmaa Gootummaa Qeerroon taasisaa jiruunraafama guddaa keessa siintee jirti.Qeerroon Yuunibarsiitii torban darbe keessa Waraqaa Qeerroo mooraa Yuunibarsiitii keessatti dhoobaa akkuma ture har’as gootummaaf murannoon qeerroo magaalaa Jimmaa ykn humna diinaa buufatee magaalicha keessa hidhannoo guutuun socho’u hudhee qabee jira
 
Bulchuinsa Gandaa magaalattii keessa sadii irratti guyyoora sadii dura Alabaan ABO harka qeerroon bocamee fannifamee ooleera.Gandoota Alaabaan keessatti fannifaman kanneen akka Ganda Bachoo Booree,Ganda Gunjoow Guduruu,Ganda Mandaraa Qochii yoo ta’an Alaabaan kunneen kan hanga har’atti buusuu sodaatan jiru ganda Bachoo Boree keessaa har’allee buusuu sodaate dhoksuuf fala dhabaa akka jiran argaaf
dhageettiin Qeerroo ifa taasisa.
 
Haaluma kanaan halkan edaas Magaalattii keessatti Waraqaan qeerroo bakkeewwan Qochii fi Meentiinaa akka Cina Yunibarsiitii Rift Valley keessatti waraqaan Qeerroo dhadannoo jajjaboof Alabaa ABO qabattee jirtu dhobamaa turan Dhadannoowwan Waraqaa sanarraa
 
#ABOn Kallacha qabsoo Oromooti
 
#OPDOn maxxantuu Wayyaaneeti
 
#ADWUIn Saamtuudha
 
#Gamtaaf tokkummaa keenyaan nii bilisoomna
 
#Abbaan biyyaa Oromoodha
 
Jedhaman Qeerroon magalachi keessa bittimfamaa bulani.Jaleen Waayyaanee OPDOn ABOn magaalaa qabatee jira jechuun rifaatee guddaa keessa seentee jirti.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Bitootessa 31, 2016

Aside

Aside

12939372_1040478425991071_1149999223_n IaanngoooGodina Wallaggaa Lixaa Aanaa Laalloo Isaabii Magaalaa Innaangoo keessatti Sochiin Qeerroo Bilisummaa Itti Fufuun Guyyaa Har’aa Bitootessa 31,2016 Gootonni barattoota Oromoo mana baruumsa sad-2ffaaf qophaa’inaa mormii sirna mootummaa Wayyaanee dhageesisaa oolan.

Aside

Wallaggaa YuniFXG gootonni Barattooti Oromoo Itti Fufaniin, halkaan gaafa Bitootessa 30,2016 Barattoota Oromoo University Wallaggaa keessaattii humna Agaziin miidhaman keessaa suura fudhatamee. Kanneen Miidhaa ciiman irra ga’e yeroo ammaa kana Hospitaala Naqamtee jiran keessaa:
1. Ermias Edosa
2. Mangistu Sintayoo( konkolachisaa mooraa)
3. Wandimuu Saqqataa
4. Gamachiis Tarakeeny faati.

Qeerroo Bilisummaa fi Uummata Oromoo Gdina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinnee itti argamtaniif.

Aside

am (2) F G I ZGodina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee tti dhaabni maxxantuu Wayyaanee OPDO’n ayyaana hundeeffama maqaa jedhuun jimaata guyyaa boruu magaala Sandaafaatti kaabinootaa fi jaleewwan amanamoo ishee ta’an walitti qabdee hololuuf ol gadi jechaa jirti waan taheef, guyyaa boru uummanni Oromoo fi Qeerroon Oromoo naannawa sanattti argaman mormiidhaan dura dhaabachuun akka fashalsanii afaan qabsiisan dhaamsa Oromummaa dabarsina. INJIFANNOON UUMMATA OROMOOF!!!

Gaaffiin uummata Oromoo gaaffii bittaan EPRDF Wayyaanee OPDO hundeetiin Biyya Oromiyaa irraa haa buqqa’uuti malee, gaaffii bulchiinsi gaarii OPDO fooyya’ee nurratti haa cimuu miti!!

Aside

Hariiroo Jorgoon

barruuGaaf tokko, maanguddoo Oromoo tokkoofi daa’ima Oromoo tokkotu wajjiin karaa adeema jedhan. Arba guddaa tokkotu quuncee qallishaa tokkoon hidhamee dhaabbata jedhani. Daa’ima kanatu maanguddicha gaafate. Abbaa guddaa arbi guddaan kuni akkamitti guuncee hangan geessu kanaan hidhamee dhaabbata? Maaliif mormasaa irraa of irraa kutee of walaboomsuu dadhabee? Jennaan, Arbi kun gaafuma dhalatedha quuncee kana itti hidhaniin seha yaaboo gaafa dhalatu yoo akkanatti kanaan hidhamee dhaabbachuu bare. Har’as erga guddatee waan danda’ee ufirraa kutu hinsehu. Gabrummaatti madaqee hidhamee dhaabbata. Jedhe jedhu, maanguddoon Oromoodhaa. Nutis Sheekkoo gabaabduu Oromoo kana waa malee hin yaadanne. Qilleessa jiduu kanaatu dirqama sheekkoo kana akka yaadannu nudirqe. Guyyaa hundeeffama OPDO waayyaa 26ffaa ilaalchisee jiduu kana aangawootni OPDO qaanii isaaniitiin boonanii laphee dhiibanii kan isaan media irratti qaaqaa jiran ilaalleetti silaayis barana gola gola keessatti kaabinootni walitti dhufanii alaabaa OPDO fi kan gooftolii isaanii qabatanii nama hedduu of fakkeessuuf bakka tokkotti kaameraa fuula durattti walitti qabamanii yoo kabajattan malee gad bahanii dirreefi qe’ee Oromoo irratti dhiiga ilmaan Oromoo gubbaatti dhaabbatanii ayyaaneffachuu silaayis eenyu isaanitti dhiisa? Isaanuu hin yaadani. Hin yaalle illeeti waarra yaales Oromoon gabrummaarra du’a filate gad ba’ee akkatti qaanii isaan haguuggachiise bakka maratti argaa jirra. OPDO vs Bulchiinsa Gaarii

Godina Lixa Shaggar Gindeberet Magalaa Kaachis Keessaa Irreen Uummata Oromoo Waraana Wayyaanee Injifachaa Jira.

Aside

DSC00043 - CopyMagaala Kachisii keessatti guyya fi halkan waarani Waayanee diddaa uummata irraa itti ka’aa jiru dura dhaabbachuu dadhabuun humna dabalataa adda addaa gara aanaa kanaatti guru iyyuu irree uummataa mohachuu waan hin dandeenyeef cinqama guddaa keessa akka jiru beekame.

30/03/2016 halkaa alaaba Adda Bilisuma Oromoo ykn Oromiyaa  lafaa gabaa qidamee keessatti mukaa ibsaa irratti bakkoota hedduutti fannifamee barruuleen warraaqsaa guutuu magaalaa keessatti raabsamuu fi maxxanfamuu irraa humni waraanaa about seene jechuun raafama keessa jiru.

Jirtoota magaalaa fi baadiyaa hundaa reebichaa dhalaa namaaf hin malle  reebaa kan turan yoo ta’u,namooni hundi kan garaa keessa waan qabuf bartoota isaa gara mana barumsaa osoo hin erginii mana manasitti dhowee manneen barnootaas cufamanii jiru.

Guyyaa hara’aa immo bartoota fi jirtoota fi kanen mana magaala kireefatan hundi bartoota mana keessan kireessan jiran akka walga’ii qabatan dhiyaatan jechudhaa waarani magaala fi hidhatootni magaala fi baadiyaa mana mana irra deemudha ummata fi bartoota koota walga’ii deemaa jechudhaa dorsisaa kan turaa yoo ta’u,bartootnis jirtootnis namni tokko osoo hin ba’iin haafee jira.

Humni Liyyuu Haayil Jedhamu Wayyaanee Magaalaa Naqamtee Wareru Iyyuu Gootonni Qeerroon Yuniverstii Wallaggaa Galgala Kana FXG Itti Fufan!

Aside

Bitootessa 30,2016 Fincilli xumura garbummaa galgala kana Yuunversiitii Wallaggaa fi naannoo isheetti bifa haaraan dhohee jira.Dhaadannoo jajjaboon baratoota galgalaan mooraa fuula duraa dhaga,amaa jira .Baratoonni heeduminaan mooraa gad lakkisuun gara uummataatti baqachaa jiru.Poolisii Oromiyaa fi humni federaalaas halkan kana baratoota karaa nagaa gaaffi gaafatan irratti dhukaasa banuun baratoota goolaa jira.Baratoonni heedduunis yeroo ammaa kana mooraa yuunversiitichaa fuulduratti reebamaa jiru.

Gootonni Ummata Oromoo Godina Harargee Bahaa Fadiis FXG Itti Fufuun Kaabinooti Wayyaanee Marti Akka Magaalaa fi Aanaa Keessaa Gadhiisanii Bahan Gaafataa Jiru. 

Aside

Fadiis Fadiisii FadisHaragee bahaa aanaa Fadisitti hawaasni, manguddoonni, dargaggoonni,hojjattoonni fi jiraattonni aanichaa marti obsa kan fixatan warraaqsa isaanii guyyaa kaleessaa irraa jalqabee haga arraatti , jechuunis guyyaa lamaaf 29/3/2016 fi 30/3/2016 ksan itti fufe yeroo ta’u, amma guutummaa guututti, bulchaa aanaa obbo Musxafaa Mahammad dabalatee kaabinoota hunda hojii irraa akka dhaabbatan taasifamanii jiru. Dabalataan, bakka bu’ummaan kanneen godina irraa warraaqsa kana dhaamsuuf kan argaman, namoonni maqaan isaanii 1. Xilaahun fi 2, Bushraa kanneen jedhaman haga namoota isiniif bakka buufnu koreen mari’annee xumurrutti bulchaa keessan kabajjanii hojiin haadeemu jedhanillee, garuu hawaani hin barbaannu jechuun mormanii jiran.