Baha Wallaggaa Magaalaa Qassootti Fincilli Xumura Garbummaa Fininee jira

Aside

Ebla 17,2016
Mirga abbaa biyyummaa deebifachuf Daran sochiin uummati taasisaa jiru bakkeewwan hedduutti finiinfamaa jiraachuu odeessi Qeerroo tibbanaa nii ifoomsa Haaluma kanaan Magaalaa Qassoo keessatti jala bultii yaadannoo Gootota wareegamanii gummacha gootonni keenya Shinigaatti kaffalan yaadachuuf jala bultiirraa kaasee magaalattii keessatti mandheen Qanaa’aa Janaa bifa gaariin yaadate ooleera.guyya kana dursuun sochiin magaalattii keessatti barattootaan eebila 13,2016 irraa egalee dhohe hanga haraatti itti fufee jira.Guyyaa sanas dhaadannoof Kakuu
gurguddaan barattoonni mana Barumsaa Qassoo sadarkaa 2ffaa fi 2ffaa akkasuma hawwasni magaalattiif naannooshee kan eegalan yoo ta’u
sirboonni warraaqsas gaafas guutummaa magaalattii hanga sochoosuuf ka’utti Gobii Lamaan wallifamaa turuu qeerroon achii dubbata,barattoonnis hanga har’atti mana barumsaa addaan kutanii akka jiran dubbatamaa jira.Kunis murna bichuu waayyaaneef ergamtushee OPDO sodaaf rifaatuu guddaa keessa galchun hidhaatti fulleefachaa jiraachuu Qeerroon achii gabasaa isaan ifoomsa.Barataan Nagaasaa Beekumaa Qabamee bakki geeffames wal’alamee jiraachuu,Barataa kana erga sochiin magaalaa sanaa eegalee adamoo guddaa keessa turuusaa akkasumas yeroo gara yerootti dararamaa erga turee qabamee amma argansaa dhabamee jirachuun ittuu sochiin magaalattii Uummataan makatee daran akka hin dhabbanne taasisaa jiraachuu dhaga’amaa jira

Goototni Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi Daragaggootni Barattootni Oromoo fi qabsa’otni Oromoo Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo Oromiyaa Gidduu Galaa Fi Handhuuraa Oromiyaa Maagaalaa Finfinnee Keessatti Bifa Ha’aa Ta’een Ebla 15/2016 Kabajamtan!!

Aside

12999533_662436543894578_383520273_o 13022174_662436183894614_103095983_n 13022327_662436180561281_2140939978_n 13045551_662436173894615_157574544_n 13046238_662436210561278_327658916_nGoototni Hoggattootni Qabsoo Bilisummaa Oromoo Warraaqsaa (FDG-FXG) Qeerroon daraggootni Oromoo , sabboontootni goototni Oromoo fi goototni Barattootni Oromoo sadarkaa adda addaa irratti walitti dhufuun Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo(GGO) dungoo halluu Diimaa Magariisaa Diimaa qabu halluu alaabaa ABO qabsiifachuun seenaa gootota Oromoo Kaleessaa fi Har’aa waliif ibsuun Kaayyoon Goototni Oromoo irratti wareegamaanii fi wareegamaa jiran tokkicha ta’uu fi kayyoo haqaa kan dhugaa bilisummaa saba Oromoo hunda hammatee ta’uu ifa waliif gochuun kayyoo Goototni Oromoo Irratti wareegamaa qalii kanfalaa jiraniifi nuti dhalootni har’aas xummura itti gochuuf wareegama qaalii kan itti kanfalaa jirruu fi Uummatni keenyaa Uummatni Oromoo Oromiyaa cufa keessatti Warraaqsaa FXG keessatti qooda olaanaa kanfalaa jiraachuu waliif ibsuun FXG marsaa 5ffaa Guyyaa Gootota Oromoo Sababeeffachuun qabsiifamee finiinfamaa jiruu daran jabeessuun abbaa irreetti xummura gochuuf Irbuu Qabsoo Bilisummaa Oromoo haaromsachuun bifa Adda ta’een Kabajamee jira!! Goototni Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi Daragaggootni Barattootni Oromoo