Qeerroon Bilisummaa Yuuniversiitii Jimmaa Gaggeessaa Gannaan Wal Qabatee Waadaa Qabsoo Isaa Haaromfate

Aside

Waxabajji,10,2016

IMG_20160609_164956Guyyaa kaleessaarraa qabee Qeerroon Yuunibarsitii Jimmaa Mariif yaadota furmaata waaraa biiyyattiif fidan irratti Kaleessa akkuma Du’a Dr.Daaani’el Gizaachoof yaadannoo  taasiseen booda,Marii jabaan Waadaa  haaromfatee jira.
Mariin kun Hoggantoota mandheewwan garaagarraa dhufanin kan gaggeefame yoo ta’u, akkamiin akka walabummaa safiisiisuu dandeenyu fi Ummatichaaf karaa Daandii Walabummaa baasuuf aggammii eegalle akkamiif bifa kamiin ka jedhu mala mataasaa dhahatee waliif yaada hiraa tureera.Akkasuma eebbifantootasaan fulduratti gama kamiin wal arguuf waliin sochiin akka waliin itti fufu maloota barbaachisoo dhahatee jira
Gama Qeerroo Yuunibarsitichaan
Waadaan galame

  1. Jaarmiyaan keenya ABO waliin hojjechuuf yoomille karoorasaaf mul’atasaa galmaan gahuuf qophii ta’uu keenya nii beeksifna
  2. Qaamolee Gufuu warraaqsaa ta’an nii balaaleffanna.
  3. Humnoota Gufachiisoo ta’ani of keessaa dhabamsiisuuf nii hojjenna.
  4. Bakka deemnu hundatti Qeerroowwan danuu of jalatti hiriirsinee,Hamenya mootumichaa Uummataaf hawwaasa keenya nii barsiifna.
  5. Rakkoowwaniif gocha Suukanneessaa Yuunibarsiitichi barattoota Oromoo Oromummaa isaanii qofaaf irratti fudhatu nii balaaleffanna.
  6. Gochaawwan duguggaa sanyii nurratti fudhataman dura nii dhaabbanna.
  7. Uummata nubarsiiseef keessatti baranneef yoomillee nii hojjenna,Bakkeewwan deemnu hundatti Uummatichaaf nii dhaabbanna
    Waadaan Waadaa milkii nuuf haa ta’u,Jechuun waadaasaa haaromfatee dirqamota hojiis waliif laatee bifa miidhagaan xumurate
    IMG_20160609_172549
    IMG_20160609_164911

Poet Caalaa Hayiluu Abaataa about the Oromo people and the oppression by the Ethiopian government

Aside

8th June 2016  By Melody Sundberg

“But the government – of course, it is not a government, actually – is a group of gangsters and mafias, because if someone is making a group and that group is not representing the majority of the nation or the people, you could not say that that is a government. If the government is not elected by the people, for the people, you could not consider that as a government!”

Poet Caalaa Hayiluu Abaataa about why he wrote poetry about the oromo people who suffers oppression by the Ethiopian government. Caalaa Hayiluu Abaataa was jailed and tortured in Maekelawi, the notorious police station in Ethiopia, for writing poetry about the Oromo people who suffers oppression by the Ethiopian government. He now lives in exile in Sweden. Read his story here.

Filmed during Poesi på liv och död – exilen den verkliga utmaningen (Poetry on life and death – With life in exile as the real challenge), an event by Stockholm University. May 10, 2016 at Fanfaren Kultur Farsta, Stockholm, Sweden. To watch a full video from the event, click here.

Video by Untold Stories / Melody Sundberg.

Waraanni Wayyaanee Godina Arsii Aanaa Roobee Ganda Suudee Sinbixaa Jedhamu Irraa Ummata Oromoo Hidhuun Nagaa Dhorkaa Jira.

Aside

Because I am OromoWaxabajjii8,2016 Godina Arsii aanaa Roobee ganda Suudee sinbixaa jedhamutti Adda Bilisummaa Oromootif nama ijaaraa jirtu jechuun namoonni kudha shan har,a ganama qabamanii waajjira poolisii aanaa roobeetti hidhaa jiraachuun dhagayame isaan keessaa kan maqaan isaanii nu gahe
1 Kadiir kamaal
2 Jundii Amaan
3 Abbaas Huseen
4 Shamsaddiin Turii
5 Amiin kamaaloo
6 Ahmaddiin Huseen
7 Keeyruu Jeylaan
8 Muhaammad Tunaa jedhamu.

Gama biraan Yuuniversitii Haromaayyaatti dhiyoo doormiin barattoota dhiiraa gubatuu irraa kan ka’e mooraan yuunniversitichaa humna waraana Wayyaaneen kan toohatamee fi buufata waraana tahe gabaasuun keenya ni yaadatama. Haala kanaan barattootni waggaa tokkkoffaa baratanis mootummaan wayyaanee akka galan dirqisiisee akka galan taasifameetu jira. Guyya doormiin barattootaa gubatee kaasee barattootni hedduunis yeroodhaa yerootti hidhaatti guuramaa jiraachuunis hubatamee jira. barattootni hedduunis kan gara qe’ee galan mooraa alatti tika diinaan butamanii mana hidhaa darbamaa jiraatuunis Qeerroon gabaasee jira.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Ilmaan Oromoo Sabboontota Caasaa OPDO Sadarkaa Garaagaraa Irrati Argamtan Hundaaf

Addatti Ammoo Bulchiinsaa Magaaloota Addaa Naannawaa Finfinnee Keessatti kanneen Argamtaniif

Waamicha Hatattamaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

 Mootummaan abbaa irree EPRDF/TPLF lukkeelee isaa ulee diinaa kan taate OPDO fi ergamtoota diinaaf amanamoo ta’an itti dhimma ba’uun isin balleessuuf akkuma karoorfatanii fi dhaadachaa turan itti Sabboontoota Ilmaan Oromoo bulchiinsa Magaaloota addaa Naannawaa Finfinnee keessatti hooggantoota, kaabinootaa fi Ogeessoota Professionally ta’uun uummata tajaajilanii fi kanneen dhugaan roorrifamuun Oromoo isiniif galee Shira uummata Oromoo irratti gaggeeffama jiru fudhachuu diduun Oromummaan keessan isinitti dhaga’amaa jiruu fi uummata keessan cina dhaabbachaa jirtan hundi diinni shira ulfaataa kan ittin mana hidhaatti isin guuree isin rakkisuu, lubbuu keessan Balleessuuf karoorfateefi Biyya irraa isin arii’achuuf karoorfate hojiitti hiikaa jiraachuu fi haalawalii galaan rakkoo ulfaataa diinaan uummata keenyarratti dalagamuu fi rakkoo waliigalaatti furmaata gochuu akka dandeenyuuf dhaamsa armaan gadii saffisaan isiniif dabarsuuf dirqamnee jirra.

  1. Ilmaan Oromoo Bulchiinsaa Magaalaa Sulultaatti Bulchaa Magaalaa Sulultaa nama maqaan isaa Masfiin jedhamuu fi Kaabineen Wajjiraa Fayyaa Sulultaa namni maqaan isaa Dirribaa Tolaa jedhaman kan keessatti argamaan walumaagalattii ilmaan Oromoo namootni 25 Yakka itti fakkeessii maqaa Malaammaltummaan poolisii federaalaan qabamanii hidhamuun isaanii ni yaadatama. Utuu yakka Malaamaltummaa ittisuuf ta’ee Ilmaan Tigiree fi Aangawootni TPLF kanneen akka Abboy Tsahaayyee, Azeeb Masfiin dabalatee hundii isaanii mana hidhaatti argamu ture. Garuu har’a Ijoolleen Oromoo dhugaa uummata Oromoo hubachuun dhugaa uummataa dura raga qabatanii dhaabbatan dhabuun uummata cina dhaabbachuuf waan murteessaniif dursanii hidhattii darbamanii jiran irraa barnoota guddaa barachuu qabdu!!Ilmaan Oromoo Sabboontota Caasaa OPDO Sadarkaa Garaagaraa Irrati Argamtan Hundaaf

Mahaammad Alii adda kan taasisu, kabajaa spoortiin argate, meeshaa qabsoo taasisuu isaa ti: Atileetoti Oromoo hoo?

Aside

FILE - In this May 25, 1965, file photo, heavyweight champion Muhammad Ali is held back by referee Joe Walcott, left, after Ali knocked out challenger Sonny Liston in the first round of their title fight in Lewiston, Maine. Ali, the magnificent heavyweight champion whose fast fists and irrepressible personality transcended sports and captivated the world, has died according to a statement released by his family Friday, June 3, 2016. He was 74. (AP Photo/File)

Mahaammad Alii, leencichi booksii addunyaa, waggaa 74faatti, dhukkubaan guyyaa gaafa 4/06/2016 du’aan boqote. Mahaammad Alii, gurraacha Afriikaa ta’ee, biyya Ameerikaa, kan  gurraachi Afriikaa keessatti  tuffatamuu fi namaa gaditti ilaalamu keessatti  dhalatee  waan guddateef, carraan itti dandeettii  ofii guddifatan haalaan xiqqaa  ture. Haa ta’u malee, daangaa sanyummaa sirni Ameeriikaa, gurraacha Ameerikaa fi faranjii Ameerikaa gidduutti uume, obsaa fi muratnoodhaan kukutee, Mahaammad Alii, dorgommii booksiitiin addunyaa irratti marroo sadiihiif tokkoffaa ta’e.Biyya guddoo  abdii kutachiisaa fi gurraacha ta’uun homaa ta’uu akka hin dandeenyetti fudhatamu keessatti, Mahaammad Alii,  booksiidhaan addunyaa irratti tokkoffaa ta’uun, of tuffii fi abdii kutannaa mataa Afriikaanota Ameerikaa keessaa kan haqe qofa osoo hin taane, sanyummaan sirni Ameerikaa, gurraacha fi faranjii Ameerikaa gidduutti uume, jabina gurraachi Afriikaa qabu akka hin caalle kan mirkaneesse ture.  Gurraacha ta’uun, dandeetti homaatuu dhabuu fi ergamtummaa qofaaf kan  itti  yaadamu biyya Ameerikaa keessatti, Mahaammad Alii, qabsoo  cimaa geggeesseen spoortii booksiitiin tokkoffaa ta’ee addunyaa irratti beekamuun, olaantummaa fi tuffii faranjii injifachuuf gurraachi dandeetti akka qabu, akkasumas, gadi qabaa fi tuffiin faranjooti irratti geggeessan  yoo irraa ka’e, gurraachi Ameerikaa guddachuu akka danda’u  mirkaneessee gurraachi Afriikaa, Ameerikaa keessa jiraatu mirga isaatiif akka falmu kan godhe  qofa osoo hin taane, akka Mahaammad Alii booksitiin  injifate, biyyooti  Afriikaa muratnoodhaan yoo lolan, gabroomfattoota Awurooppaa injifatanii bilisummaa isaanii gonfachuu akka danda’an   hamilee fi  ilaalcha of irratti abdachuu biyyoota Afriikaa  keessatti illee kan  uume ture.  Mahaammad Alii, maatii hiyyeessaa keessatti kan dhalate qofa osoo hin taane, biyya tuffii fi gadi qabaan gurraacha irratti geggeeffamu keessatti spoortii booksiin addunyaa irratti tokkoffaa bahuun, biyyoota Afriikaa keessatti illee dorgommiin booksii akka babal’atu taasieera.Mahaammad Alii adda kan taasisu