Sabboonaa Oromoo Lachiisaa Beenyaa namni Jedhamu Oromummaa isaatti Yakkamee bakka jireenya isaa magaalaa Naqamtee keessaa achi buuteensaa dhabame jira .

Aside

20160709061038Adoolessa 6,2016 Sabboonaa Oromoo Lachiisaa Beenyaa Namni Jedhamu  Oromummaa isaatti Yakkamee Bakka jireenya isaa Magaalaa Naqamtee Keessaa Achi buuteensaa dhabame jira .Maqaan isaa Lachiisaa Beenyaa jedhama.Bakki Dhaloota isaa Godina Shaggar Lixaa  Baakkoo yeroo ta’u.

Sabboonaa lachiisaan Yeroo baayyee Magaalaa Gimbii keessatti humnoota tikaa Wayyaaneen adamoon waan itti cimeef imala isaa Oromiyaa keessa oliif gadi deemuun hojii guyyaa hojjetee nama of jiraachisaa tureedha.Akkasumas sabboonaa lachiisaan hojii qophee qulqulleessuu ,asoosamoota garaa garaa oliif gadi deemuun nama gurguree ittiin jireenyasaaf jiraachisaa tureedha.Haa ta’u Malee Adoolessa 06/07/2016 Magaalaa Naqamtee keessaa osoo kophee qulqulleessaa jiruu Humnoota tikaa Wayyaaneen butamee achi buuteensaa dhabamee jira.

Barattootni Boqonnaaf Gara Maatii Galan Humna Waraana TPLFn Ukkaamfamaa Jiru.

Aside

because-i-am-oromoAdoolessa 5,2016 Wayyaaneen barattootni gara maatii isaaniitti boqonnaaf galan ergama Qeerroo fi ABO fudhatanii galan jechuun barattoota baadiyaalee fi magaalota Oromiyaa keessaa hidhaa jirti.

Akka odeessi Qeerroo nu gahaa jiru ibsutti barattootni bara kana manneen barnootaa irraa boqonnaaf galan godina shawaa lixaa aanaalee hedduu irraa addatti ona Gindabarat irraa barattootni gara qe’eetti galaa jiran hedduun mana hidhaatti darbamaa jiru. Guutummaan dargaggootaa ona kana keessatti dhalatee guddatee Qeerroo fi ABO dha jechuun gaaffii tokko malee dhaabbilee barnootaa olanoo irraa kan gara qe’eetti galan yeroon boqonnaa isaanii amma mana hidhaa wayyaanee tahaa jira. bakka kana qofa miti ona fi godina hedduutti kun mul’ataa jira.

Qellem, Jimmaa Horrootti miseensa WBO jechuunis Qeerroon ona Jimma Horroo keessa jiratus duuchaatti hidhaatti guuramuu fi qabamaa akkasuma reebichi suukkanneessan irra gahaa jiraatuunis himame. Kana malees shamarran hedduunis humnaan waraana wayyaaneen gudeedamaa jiraatuunis odeessi achi nu gahe addeessa.

Barattootni yeroo ammaa boqonnaaf gara maatii galaa jiran dabalatee kan bara kana eebbifamanis yeroon kun wayyaaneef dhumaatii waan taheef hidhaa gaaffii malee kanaan dura akka itti barattoota argatuu dhabee amma akkaataa ittiin barattoota kana qabu maatii biraa tikoota isaatiin waan qabataa jiruuf of eeggannoo taasifamuu qabu waliin socho’uudhaan FXG itti fufuu Qeerroon asumaan  gadi jabeessee dhaama.

Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Keessatti Waraanaa Poolisii Federalaa Dhalootaan Oromoo Ta’anii fi kanneen Ergamtoota Wayyaanee Ta’aan Gidduutti Wal Haleellaan Dhalachuun Gabaafame

Aside

Adoolessa 4,2016
13619802_1805632289658862_4195461769731475766_nHumni Poolisii Federaalaa fi Waraanii Agaazii lakkoofsaan heddumina qabu magaalaa Amboo irra qubsiifamuun uummata Oromoo Shororkeessuun kan beekaamu poolisoota Federaalaa Wayyaanee fi ilmaan Oromoo achi keessatti argamaan waliin walitti bu’insii guddaan dhalachuun sabboontootni Poolisootni Oromoo ta’anii fi kanneen ergamtuu  wayyaanee ta’an waliin dhukaasaa wal irratti banuun poolisootni ergamtuu wayyaanee lamaa ol kan ajjeefaman yoo ta’uu Poolisoota dhalootaan Oromoo ta’an keessaa tokko wareegamuun ibsamee, poolisootni hedduun madeeffamuun du’aa fi jireenya gidduutti kan argaman ta’uun ibsame jira.!! Yakki Waraanaa Uummata Oromoo ummata sivilii irratti gaggeeffamaa jiraachuu irra waraanaa sirnichaa fi poolisootaa Sirnicha keessatti argamaan gidduutti wal shakkii guddaan dhalachuun afaan qawwee walitti naanneessuun wal haleeluun kan eegalamee jiru ta’uun hubatamera. Poolisiin Federaalaa dhalootaan Afaar jedhamu tokkos poolisootaa ajjeechaaf barbaadu ,barbaadee waan dhabeef haadha manaa isaatti dhukaasuun haalaan madooftee hospitaalaa jiraachuu maddeen gabaasaan. poolisoota dhukaasa wal irratti banaan keessaan kanneen wareegaman keessa

1. Poolisii  Tasfaayee Bahaaruu dhalootaan Oromoo, Bakki Dhaloota isaa Baalee, Agaarfaa ta’uun mirkanaa’era.

2.Poolisiin 2ffaan kan ajjeefame dhalootaan uummata kibbaa Sidaamaa yoo ta’uu, yeroof maqaa isaa kan hin arganne ta’uun ibasame jira.

3.Poolisootni Ergamtuu wayyaanee dhalootaa tigree ta’an lamaa olitti lakka’aman kanneen dhukaasaa poolisoota Oromoo waliin wal irratti bananiin ajjeefaman yeroof maqaan isaanii kan gargar hin baane ta’uun ibsamera.

4. Poolisootni hedduun kanneen madeeffaman jiraachuun ibsamera!!

Haaluma kanaan Magaalaan Amboocaalmaattigara Dirree waraanaatti jijjiiramtee jiraachuun raafama guddaa keessa galtee kan jirtu ta’uun hubatamera!! Suuraa poolisii Federaalaa Keessa kan hojjetu ilma Oromoo kan maqaan isaa ‘Tasfaayee Bahaaruu’; attach goone jirra.

Godina Arsii Bahaa Magaalaa Seeruu Keessatti FXG Jabaatee Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Itti fufaAdoolessa 5,2016 Qondaalotii fi loltooti Wayyaanee TPLF Godina  Arsii bahaa magaalaan Seeruu keessatti sagalee mormii Qeerroon dhageessisaa jiruun raafamaa jirti. Kanumaanis wal qabatee waraanni Wayyaanees ummata akka malee reebaa jiraachuun dhagahamaa jira, achuma Seeruu keessatti humni addaa yookan gareen tarkaanfii basaastota Wayyaanee sadii kanneen maqaan isaanii:-

  1. Girmaa Mulaatuu,
  2. Taaddasaa Aayyaalew fi
  3. Abdoo Huseen

Jedhamanii fi kanneen hojiin isaanii achuma magaalaa Seeruutti daldalarratti bobba’anii gama kaanin itti gaafatamtoota gareef gooxii ta’an irraatti uummanni qabeenyii fi maatiin isaanii jalaa miidhaman aarii irraa ka’uun tarkaanfii fudhateen miidhaan cimaan irra gahee Hospitaala Roobee diida’aatti yaalamuuf geeffamuun dhagahamee jira jarri kunniin yeroo garagaraaatti uf eeggannoon kennameefii gocha kanarraa deebi’uu diduun isaanillee himame.

The Ethiopian Government Should Not Be Rewarded for Massacring its People

Aside

HRLHAJuly 3, 2016 in Human Rights, Oromia 

HRLHA’s  Appeal  and Request for immediate ActionAppeal to:H.E. Mr. Mogens Lykketoft
The President of the 70th Session of the United Nations General Assembly

UN Headquarters, 405 East 42nd Street, New York, NY, 10017
Tel: +1-212-963-1234
http://www.un.org/pga/70/contact-us/
UN GA President
@UN_PGA

Copied to:

Dear Mr President Lykketoft,

First of all, using this opportunity, let me Introduce to you the Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA)

“The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) was originally founded in Ethiopia in 1996      by the name “Human Rights League (HRL)”,  it was silenced at the outset by the Country’s authoritarian regime. It was then re-launched from the Diaspora in 2007 by exiled founders and members of the HRL.  It was then re-named the Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA), and registered as a non – profit and non – political organization in Ontario, Canada on the 14th of June 2007.

HRLHA aims to defend fundamental human rights,  including freedoms of thought, expression and assembly or organization. It also works to raise the awareness of individuals regarding their own basic human rights and those of others. It insists on the observances of international and regional treaties, protocols, covenants, instruments, agreements, etc. on human rights as well as due processes of related laws. It promotes the growth and development of free and vigorous civil societies”.Appeal to UNSC President  Info Kit – Updated 10-04-16 (1)

Godina Lixa Shaggar Amboo: Aanaa Xuqur Incinnii Magaalaa Dirree Incinniitti Keessatti FXG Marsaa 6ffaaf Gaggeefamaa Oole.

Aside

1bAdoolessaa 3-4/2016 Godina Lixa Shaqggar  Amboo: Aanaa Xuqur Incinnii Magaalaa Dirree Incinniitti Goototni Qeerroon Daragaggootni Barattootni Oromoo fi uummatni Oromoo walitti Dhufuun Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Marsaa 6ffaa  bifa adda ta’een dhoosuun mootummaa faashistii abbaa irree wayyaanee dura Dhaabbatan. Yakka Ajjeechaa Duguginsa Sanyii (Genocide) Godinaalee Bahaa Oromiyaa Harargee Awwadayi ,  Arsii Lixaa Shaashaamannee, fi Bakkoota hedduutti Yaakka Waraanaa Agaaziin Rawwatamaa jiru gadi jabeessuun balaaleffatan.
Tarkaanfiin Ajjeechaa Duguuginsa Sanyii Waraanaa Agaaziin uummata Oromoo Oromiyaa golee garaagaraa keessatti fudhatamaa jiruu kufaatii abbaa irraa kan saffisiisuu fi mootummaa wayyaanee fi aangawootaa biyyatti gaafatamaa seeraa fi seenaa jala kan galchu malee gaaffii uummata  Oromoo deebii kan hin taa’ee fi Warraaqsaa Biyyooleessa Oromiyaa takkaa dhaabuu kan hin dandeenye ta’uu ifaadha!!
Warraaqsiii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Marsaa 6ffaan Godinaalee Bahaa Oromiyaa Finiinfamaa jiruu Daran Jabaachuun Giddugaleessa Oromiyaa Finfinnee fi Naannoo Ishee dabalatee  Godinaalee dhihaa Oromiyaa  guutummaa Godina Lixa Shaggar Amboo fi Aanoota godina lixa Shaggar jalatti argamaan, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Godina Bahaa Wallaggaa fi Lixa Wallaggaa keessatti Itti Fufee Jiraachuu Fi Barruun Warraaqsa FXG Marsaa 6ffaas Godinicha keessa belbelaa jiraachuun Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee taa’umsaa fi dhaabii hanqatee halkanii guyyaa dhiphinaa fi Muddaama ulfaatatti seenee jiraachuun ibsame jira.
Haaluma Walfakkaatuun  Lixa Shaggaar Aanaa Xuqur Incinnii Magaalaa Dirree Incinniitti bifa adda ta’een Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG marsaa 6ffaan kan dhoofame yoo ta’u, Godinichuma Aanota Akka Tokkee Kuttaayee, Gudar, Amboo Mana Barumsaa liibaan Maccaa sadarkaa 2ffaa, Giincii, Jalduu , Meettaa Roobii, Gindabarati, Adaa’aa Bargaa, Midaa Qanyiitti Sochiin uummataa fi dargaggootaan jabaachuu irraa mootummaan wayyaanee soda fi Muddama guddaa seenuun human waraanaa dabalataan uummatarratti bobbaasuun duulaa hidhaa, sakkattaa’aa fi hiraarrasaa guddaa waraanatti dhimma bahee raawwachaa jiraachuun yakka waraanaa uummataarratti dalagaa jiraachuun ibsamera.

Aside

Adoolessa 4,2016 Godina Arsii magaalota Siree,Darrabbaa,fi Indato keessatti halkan kana waraanni Agaazii ummata magaalarraa gara baadiyyaa galuuf deemufii ummata magaalaa keessa deddeemu sakkata’aa kan jiran yoo ta’uu ummata karaarra deemu hanga boorsaa isaanii kiisaa guuranii sakkatta’uutti jiraachun beekame.