Adoolessa 8/2016 Godina Lixa Shaggar Gidduu Galeessa Oromiyaa Magaalaa Gincii Keessatti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Marsaa 6ffaan Itti Fufe

Aside

13615248_1116940115040042_6628805341103642323_nAdoolessa 8/2016 Godina Lixa shaggar Gidduu Galeessa Oromiyaa magaalaa Gincii Keessatti  Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Marsaa 6ffaan bifa ho’aa  ta’een jabaachuun kan itti fufe  yoo ta’uu barataan kutaa 9ffaa barataan Oromoo  Asheetuu Warquu Morodaa  dhukaasaa loltoota
wayyaanee irraa uumatarratti banameen Wareegame jira, kanneen mada’anis kan jiran yoo ta’u yeroof maqaan adda baafame kan nu hin qaqqabne ta’uu ni hubachiifna.
Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG roga Hundaan Jabaachuun Marsaan 6ffaa finiinaa jiraachuun cinatti  Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee kan gaaffii mirgaaf deebii kennuu hin dandeenye abdii kutannaa isa dhumaarra waan ga’ee waan jiruuf  Waraanaa agaazii uummatarratti bobbaasuun dhukaasee Dargaggoota Oromoo ajjeesuun fi madeessuun, kaan ukkaamsee hidhatti darbuun  yakka waraanaa uummata Sivilii irratti rawwachuu itti fufe jira.  Ummatni Giincii fi Qeerroon Dargaggootni Oromoo  Gaaffiilee armaan gadii dhaadannoo godhachuun warraaqsaa finiinsaan, Daandiin konkolaataa gara lixa Oromiyaatti geessuu fi Lixa Shaggar bakkoota Hedduutti cufamee Oleera.,
1.      Hidhamtootni Oromoo Hundii haa hiikaman!!
2.      Duulli duguuginsa Sanyii (Genocide) Loltoota Agaaziin ji’otaa 8f nurratti gaggeeffama jiru nurraa dhaabbachuu qaba!!
3.      OPDO’n Aangoo gadi lakkisuun  Oromiyaa ficiisiisuufi saamsisuu irraa dhaabbachuu qabdi!! 13606493_10102403716998663_5670426932318423395_n
4.      Ajjeechaa Seeraan Alaa Oreomiyaa Bahaa Harargee fi Arsii akkasumas Oromiyaa kutaa garaagaraa keessatti itti fufinsaan gaggeeffamaa jiruuf
OPDO fi Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF itti gaafatamoodha, seeraatti dhiyaachuu qabu!!
5.      Gaaffii mirga abbaa biyyummaaf deebiin nuuf kennamu qaba!!
6.      Ajjeechaan, hidhaa fi Doorsifni Waraanaa Agaazii fi poolisii federaalaa qabsoo mirga abbaa biyyummaa keenya irraa duubatti nu hin deebisu!!
7.      Master pilaaniin Finfinnee fi Qe’eerraa uummata buqqisuufi mana jireenyaa uummataa irratti diiguun dhaabbachuu qaba, kanneen balaa kanaan gaaga’amaa jiraniif wayyaaneen itti gaafatamuu qaba!! Jechuun warraaqsa finiinsuun Daandiin konkolaataa gara lixa Oromiyaatti geessuu fi Lixa Shaggar bakkoota hedduutti cufamee oleera, Qeerroon dargaggootni hedduun Madaa’aniru, hedduun hidhaatti guuramaniiru.
Magaalaan Giincii Sochii Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa keessatti hangafummaa kan qabduu Sochiin warraaqsaa biyyoolessa Oromiyaa marsaa 6ffaaf utuu wal irraa hin citiin ji’otaa 8ffaaf itti fufinsaan warraaqsaa finiinsuun wareegama qaalii kanfaluun abbaa irree Wayyaanee dura dhaabbachuun bifa adda ta’een warraaqsaa FXG  finiinsan.

Gincii,Dirree Dawaa,Kofalee fi Shashamannee keessatti Sochiin FXG Itti Fufee Jira.

Aside

Itti fufaAdoolessa 8,2016 Magaala Dirre Dawaa ganda 02 bakka addaa Saabiyaan jedhamee waamamu ganama halkan waxabajii 5/2016tti Alaabaan ABO bakka sadii olitti kan fannifame hanga har’aatti turuun Qeerroon kan gabaase akkasuma naannoo buufata poolisiitti alaabaan fannifames humna poolisii Wayyaaneetiin kan bakka fannoorraa bu’e tahuun Qeerroon gabaase.
Alaabaan ABO fannifamuun dabalatti uummanni qabatee yeroo Iidaadha galutti dhaadannoo waliin dhagesisuun gabaasni Qeerroo magaalicha irraa addeessa. Dabalatuudhaan godina Arsii lixaa naannoo Shaashimannee fi Shaalatti bakka 4tti waraqaan waamichaa bittimfamuu Qeerroon gabaasee jira. Waamichi Qeerroon waraqaa balaliituudhaan magaala shaashimanneetti bittimse
–    Qeerroon dargaggootni ka’i
–    Wayita ramadaanaa kanatti namootni  13 nujalaa ajjeefamaniif itti Wayyaaneen itti gaafatamuu qaba
–    Qabsoo keenya itti fufuu qabna
–    FXG finiinsuu qabna
–    Uummanni oromoo ka’aa nu waliin hiriiraa
–    Mootummaan wayyaanee ajjeesaadha
Uummanni naannichaa FXG itti fufuu keessattis tarkaanfii gara fuula duraatti fudhatamu qabuuf qopohii barbaachisaaf of qopheessaa jiraatuun Qeerroon gabaasee jira. Haaluma kanaan FXG waan itti fufeef ergamtootni diinaa magaala Shaashimannee keessa jiraatu miliquun naannicha akka gadhiisan gabaasni Qeerroo addeessa.  Jiraatootni kanneen gara mootummaa dhaabbatanii fi deggertotni mootummaa sochii Qeerroon magaala Shaashimannee taasisaa jiruu fi dhaadannoo garagaraa irraan magaalicha gadhiisuun gabaafame.
Aanaa Kofaleetti FXG kaleessa itti fufe irraa kaasee har’a humni waraana agaazii uummata keessa deddeebihaa ooluun namootni hedduun
hidhaatti guuramuun Qeerroon gabaase.  Daandiiwwan konkolaataa yeroo humni waraana wayyaanee uummata keessa faca’etti cufamuudhaan humni addaa uummata keessa utuu faca’ee hiraarsuu har’as FXG itti fufee ooleera.

Gama biraan guyyaa har’aa Adoolessa 8,2016 godina lixa Shaggar magaalaa Gincii keessatti bifa qindaayaa ta’een sochiin FXG hanga ammaa itti jirtama.

Harargee Bahaa fi Lixatti Alaabaan Onoota Hedduutti Fannifame Torban Tokkoo Ol Lakkoofsise, Shaggar Lixaatti FXG Itti Fufuun Waraqaan Qeerroodhaan Bittimfame

Aside

BarsiisotaAdoolessa 7,2016 Baha Oromiyaatti FXG jabaatuun yeroo wal irraa hin cinneen gabaasuun keenya ni yaadatama.  Odeessa Qeerroon Harargee lixaa
–       Aanaa Boordadee
–       Mi’eessoo
–       Ciroo
–       Meecataa
–       Hirnaa
Akkasuma Harargee Bahaatti
–       Qarsaa
–       Haromayyaa
–       Awwaaday
–       Kombolchaa
Godinaalee Hararge lamaan aanaalee kanatti Waxabajii 2/2016 qophi ramaadanaan kan wal qabateen Qeerrroon akkuma gabaasaa turre FXGf haala mijeessuun daandiwwan onoota kana keessaa cufuudhaan alaabaa fannisee tureen alaabaan keenya (ABO) torban tokkoo oliif ona kanneen keessatti waajjiraalee garagaraa fi mannen barnootaa birattis akkasuma magaalaa keessatti fannifamee kan ture yoommuu tahu kaleessa akkuma
gabaasne uummannis dabalataan kaleessa guyyaa Edi Mubarak onoota kanneen irraa alaabaa qabatee bahee jira. walumaa galatti Qeerroon
onoota kanneen irraa akka karooraatti kan milkaawen injifannoo guddaa gonfatuun olaantummaa isaa kan beeksifate Qeerroon bulchiinsa diinaa
haga diigamutti bulchiinsa mataa isaanii dhaabbatuun uummanni ofiin of bulcaa akka jiru har’a Qeerroon gabaasee jira.
Godinaalee lixa Oromiyaa Shaggar  lixaattis FXG itti fufuun wayyaaneen manneen jireenyaa uummataa sakatta’uun Qeerroon gabaaasera. Har’a
daandii gara wallaggaa geessuu shawaa lixaa keessatti kan cufamee ture  humni diinaa banachuunis Qeerroon gabaasee jira.
Barruun warraaqsaa “OROMIYAAN NI BILISOOMTI” jedhus Amboo fi bakkoota garagaraatti darbatamuunis kan mul’ate waraana wayyaanee naannicharra jiruun funaanamuunis gabaasni Qeerroo achirraa nu gahe addeessa.

Aside

Adoolessa 7/2016 Magaalaan Finfinnee fi Magaalotni Addaa Naannawaa Finfinnee Waraana Agaazii fi Poolisii Federaalaan Shororkeffamaa jiru, Addatti Magaalaa Finfinnee Keessatti Guyyaa Ha’aa Waraanni Agaazii, Poolisiin Federaalaa fi Poolisootni Magaalaa Finfinnee Fageenyaa 1km tokkoo hin Caalleen wal irraa fagaachuun fi Hidhannoo guutuun  Daandii qabatanii uummata shororkeessa kian olaanii fi Guutummaan Magaalaa Finfinnee fi Magaalota Addaa Oromiyaa naannawaa Finfinneetti argaman raafama guddaa keessa galanii  jiraachuun ibsame!!
Mootummaan Abbaa Irree Master pilaanii Finfinnee fi Magaalota Oromiyaaf qopheesse dirqamaan hojiirra olchuuf kan carraaquu yoo ta’uu, Waraanaa humnaa oliii Oromiyaa Keessa Bobaasee ilmaan Oromoo Manguddoonnii fi hawwaan illee ulfina dhorkuun dhaabaa sakkaatta’insaa
seeraan alaa gaggeessa jira. warraaqsii biyyooleessa oromiyaa FXG golee Oromiyaa garaagaraa fi addatti Bahaa Oromiyaa fi naannoo Finfinnee fi Finfinnee  keessatti jabaachuun  sirnicha caalmatti raafama keessa kan galche jiru ta’uun hubatame jira.

Aside

Adoolessa 6,2016 Kutaa Bulchiinsii Magaalaa Finfinnee Hannaa furiitti Poolisootni Federaalaa 6 Dhiiga uummataa dhangalaasuu fi Sochii Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Dura dhaabbachuuf bobbaafaman Humna Ittisa uummataan Haleelamuun  Du’aan Adabaman, Reeffii Poolisoota kanaas Bakkeetti gartamee Bargamoo keessa kan Argame ta’uu mirkanaa’era.

Humni Waraana Wayyaanee waraannii Poolisii Finfinnee fi Poolisiin Federaalaa akkasumas Waraanni Agaazii Karooraa Master Pilaanii Fenfinnee hojiitti hiiksisuuf ramadamee manneen Jireenyaa uummataa addatti immoo kan Uummata Oromoo diiguu fi qawween doorsisee diigsisuuf bobbaafame humna Ittisa Uummataan haleelamuun gaaga’ama guddaa keessa galee jiraachuu irra poolisoota Federaalaa dhalootaan Oromoo ta’anii fi Tigrootaa fi amaarota gidduutti wal shakkiin guddaan dhalatee jiraachuu maddeen keenya gabaasan. Kana malees Poolisootni ilmaan Oromoo sirna nama nyaataa Wayyaanee keessatti argaman bakka hundattiyyuu ilmaan Oromoo xiyyeeffannoo dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti kennuun sba isaanii cina dhaabbachuu dhaamsa dabarfatan.

Aside

Guyyaa har’aa Adoolessa 6,2016, Harargee Bahaa Magaalaa Dadar keessatti FXG gaggeefamaa jiru itti fufuun daa’immaan Oromoo rasaasa Wayyaaneen wareegamaa jiru. FXG gaggeefaa jiru keessatti daa’imi Oromoo umurii waggaa 9 kan ta’e Seyfuddiin Abdallaa loltoota Wayyaaneen wareegamee jira.

Dadar