Category Archives: Oduu/News
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Adoolessa 14,2016
Aside
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Adoolessa 12, 2016
Aside
SBO Adoolessa 13,2016. Oduu, FXG Giinci irratti gaaffii fi deebii dargaggoo Lachiisaa waliin, Dhaloota Qubee fi FXG-Gaaffii fi Deebii Dargaggoota Mooraa Qabsootti Seenan Waliin kutaa sadaffaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa
Aside
Wareegamuu Dargaggoo Esheutuu Warquu Morodaan walgaqabatee guyyaa awwaalcha isaa akkasitti gaggeeffame.
Aside
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Adoolessa 9, 2016
Aside
Ebba Barattoota Yuuniversitii Finfinnee Taasifamaa Jiru Irratti Waraanaa fi Humna Poolisa Wayyaaneen Marfame.
Aside
Adoolessa 9,2016 Sirna eebbaa barattootaa bara kana eebbifaman kan Yuuniversitii Finfinnee ha’aa fi boruu gaggeeffamu sababeessuudhaan Qeerroon halkan edaa mooraa guddicha kiiloo 6tti dhaadannoo fi sirboota qabsoo dhageesisaa buleen wal qabatee har’a ganama irraa kaasee naannoon Yuuniversitii kiiloo 6 hudhaa waraanaa fi poolisii wayyaanee jala jirti.
Maatiwwan ijoolle isaanii eebbisiisuuf dhufan gara mooraa seensisuu diduudhaan sakatta’amaa jiru barataa eebbifamuu fi maatiwwan barataa osoo hin taanee waraanaa fi poolisii Wayyaaneetu naannichatti argama yeroo ammaa kana. Bakka ijoolleen oromoo itti wal gahanittis poolisiin marsee akka waliin hin dhaabbanne taasisaa jira.
Qeerroon kaan mooraa keessa namni seenuu baatus ijoollen Oromo bara kana eebbifaman yaadannoo wareegamtootaa taasiisuu fi dhaadannoos NUTI KAN BARANUUF BILISUMMAA ITTIIN MIRKANEEFFACHUUF jedhanii sagalee isaanii dhageesisaa jiru.
Namootni hucuu aadaadhaan dhufan waanuma isaan hucuu aadaa uffataniif soda FXG qindeessitoota jedhamaniin qoratamaa jiru.
SBO Adoolessa 10,2016. Oduu, Gabaasa FXG, Dhaloota Qubee fi FXG-Gaaffii fi Deebii Dargaggoota Mooraa Qabsootti Seenan Waliin kutaa lammaffaa fi Qophii haala yeroo irratti fuulleffate
Aside
Hubachiisa Qeerroo Bilisummaa
Aside
Adoolessaa 8/2016 Gidduugalessi Oromiyaa Shaggar Lixaa Magaalaan Giincii Gara Dirree Waraanaatti Jijjiiramtee Jirti. Waraannii Agaazii Guddaan Halka kana illee Dabalataan gara Gidduu galeessa Oromiyaa fi Lixa Oromiyaa Lixa Shaggar Magaalaa Giincii , Amboo, Meexxii, Olaankomii, Ejeree, Gudar, Baabbicha, Geedoo ,Baallammii, Dirree Incinnii , Daannoo, Ijaajjii , Baakkoo, Holootaa , Jalduu, Adaa’aa Bargaa Mogor , Meettaa fi Gindaabarati fi Lixa Oromiyaa Horroo Guduruu wallaggaa: Shaambuu, Finca’aa, Amuuruu, Guduruu, wallaggaa Bahaa Naqemtee fi Naannoo Ishee irra socho’aa jiraachuu fi Bifa haaraan Qubsiifamuuf kan jiruu ta’uun saaxilamee waan jiruuf Qeerroon Dargaggootni Barattootni Oromoo fi Uummatni Oromoo bakka jirtaan hundatti gamtaa keessan jabeeffachuun utuu Waraannii kun gandoota Baadiyyaa fi maayibaasii adda addaa irra hin qubsiifamiin daandii itti cufuun of irraa ittisuufi Waan Dandeenyuu hundaan humna
uummata Oromoo gooluu fi Shororkeessuuf socho’uu kana of irraa deebisuufi Warraaqsaa biyyooleessa Oromiyaa FXG Marsaa 6ffaa itti jirru itti jabeessuun furmaata ta’uu wal hubachuun hiriirree haa falmannu!!
Godina addaa naannoo Finfinnee Ummanni Manni jireenyaa keenya hin diigamu kan jedhanii lafa isaanii falmatan hidhaatti guuramaa jiran.
Aside
Adoolessa 8,2016 , Torban darbe kutaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Nifaas silkii Laaftootti manneen seera ala ijaaraman jedhaman jedhamuun wayyaaneen diiguuf humna qabduutti fayadamuudhaan uummannis dura dhaabbatuun Fincila ka’een lubbuun namoota hedduu darbuun ni yaadatama. Wayyaaneen afaan qawweetti fayadamuudhaan mana iyyeessaa diiguu irratti kan xiyyeeffate ammalllee kan hin dhaabne manni amma diigamuuf karoora keessa seenee jiru mana uummataa 1550 oliidha, Akka odeeffannaan ibsutti kumaatama hedduutti kan lakkaawamu uummanni bakkeetti gatamee jiraatuunis ifaadha. Ammas haaluma kana fakkaatuun yeroo ammaa kutaa magaala Aqaaqittis manneen uummataa diigamuuf karoorfamee jiru adda durummaadhaan uummanni 500 ol tahu bahee dura kan dhaabbate mana isaanii keessaa guuruudhaan mana hidhaatti guuranii erga hidhanii booda gara manneen isaanii diiguutti tarkaanfataa jiraatuunis odeessi gamasii nu gahe adddeessa. Mana keenya hin diignu mana keessan diigaa jechuunis adda durummaanis uummata keessaa abbootii manaa walitti qabuunis dura dhaabbanne falmuu qabna kan jedhanis isin ABO dha jechuun namootni 21 yakka siyaasaatiin hidhamanii jiru. Wayyaaneen namoota jajjaboo tahan kan sodaa irraa qabdu diigamuu mana isaanii dura kan dhaabbatan addatti oromoo qofa walitti qabdee isin ABO fi Qeerroo deggertu jechuunis hidhaatti guuraa jirti.
Godina addaa oromiyaatti s waraqaan Qeerroon kaleeysa bittimse
– Lafa keenya kenhuu hin qabu
– Dhimmi lafa keenya lafee keenya
– Wayyaanee hin ilaallatu lafti oromiyaa
– Abbaa biyyummaa keenya haa mirkanneeffamu
– OPDOn bakka nun buune
Jedhu godina addaa oromiyaa Buraayyuu fi Laga xaafoo keessa bittimfamuun Qeerroon gabaasee jira. kanaaf wayyaaneen dhimma babal’ina lafaa yaaduu miti amma gara FXG sodaatti deebitee konkolaataadhaan waraana ishee keessa deddeebisaa jirti. Laga Xaafoottis guyyoota muraasa dura diigumsa mana jireenya kuta amagaala Laaftoo balaaleffanna jechuun waraqaan tamsa’ee ture Wayyaaneef yaaddoo taheera.
FXG godinaalee shiyaattis itti fufuun shawaa lixaa keessa daandiin cufamuun tarkaanfiin konkolaattota wayyanee irratti fudhatamaa
jiraatun Qeerroon gabaasee jira.