Guyyaa fi Bakka Sagantaa Geggeessaa Obboo Tarfaa Dibaabaa

Aside

Oterfa_dibaba1Obbo Tarfaan, Amajjii 6, 1940, magaalaa Dambidollo, Wallaga, Oromiyaa tti dhalatanii Adoleessa 29, 2016, magalaa Hamburg, Jarmanii, keessati addunya kana irraa dhukubaan boqootan.

Sagantaan geggessaa Obbo Tarfaa Dibaabaa Jimaata Hagayyaa 5, 2016, sa’aa 10:00 akka yeroo biyya Jarmanitti, mana sagadaa Altona Kreuzkirche, Hohenzollernring 78a, 22763 Hamburg, Jarmanii, keesatti erga raawatamee booda bakka Friedhof Bernadottestr. 32, 22763 Hamburg ti sirna awwaalchaatiin xumurama.

Itti aansee sa’aa 14:00 irraa eegalee sagantaan yaadannoo obbo Terfaa Dibaabaa iddooKulturkirche Altona, Bei der Johanniskirche 22 , 22767 Hamburg jedhamu keessatti geggeffama.

Maatii Obbo Tarfaa Dibaabaa

Godina Arsii Bahaa Aanaa Shirkaa,Baalee Aanaa Gaasaraa Akkasumas Wallagga Naqamte Keessa FXG Itti Fufe.

Aside

Hagayya 1,2016/ Arsii bahaa aanaa Shirkaa magaala Shirkaatti poolisoota Agaazii afur irratti uummanni reebicha irraatti fudhatame gara Hospitaala Asallaa geessaa jiru. Magaalan Zuwaayis waraana Wayyaanee agaazii ganama kana du’eef jecha halkan kana ummata reebaafi mana hidhaatti guuraa jiran seeruu abbaas namni keessaa waan baqate fakkaata daldalli hin jiru waraana qofatu magaalattii keessa jira Asaasas waraana malee namni magaala keessa sossohu hin jiru.

Godinuma Arrsii aanaa Roobee magaala Habeetti mormiin FXG finiinaa oole. Nu kan bulchu ABO malee wayyaanee miti jechaa oolan namoonni kudha shan hidhaman kan yeroof maqaa isaanii addaan hin baane.

Kana malees  Godina Baalee aanaa Gaasaraa Dambalitti halkan kana mormii cimaatu godhamaa jira Wayyaanen hin bullu jechaa jira. Qeerron Dambal

Godina Wallaggaa Magaalaa Naqamtee keessatti guyyaa Har’a jechuun Hagayya 01/08/2016 galgala kana saatii lamaa jalqabanii nama dhimma isaaf karaa deemu Agaaziin qabdee reebaa jirti.Naannoo ani arge safara maaramii bakka jedhamutti namoota hunda lafarra ciibsanii reebaa jiru.baayyee kan nama dhibu namoota barumsa galgalaa baratan,namoota waldaa amantaa garaagaraa kessaa galan hunda jilbeeffachiisanii reebaa jiru.