Hagayya 1,2016/ Arsii bahaa aanaa Shirkaa magaala Shirkaatti poolisoota Agaazii afur irratti uummanni reebicha irraatti fudhatame gara Hospitaala Asallaa geessaa jiru. Magaalan Zuwaayis waraana Wayyaanee agaazii ganama kana du’eef jecha halkan kana ummata reebaafi mana hidhaatti guuraa jiran seeruu abbaas namni keessaa waan baqate fakkaata daldalli hin jiru waraana qofatu magaalattii keessa jira Asaasas waraana malee namni magaala keessa sossohu hin jiru.
Godinuma Arrsii aanaa Roobee magaala Habeetti mormiin FXG finiinaa oole. Nu kan bulchu ABO malee wayyaanee miti jechaa oolan namoonni kudha shan hidhaman kan yeroof maqaa isaanii addaan hin baane.
Kana malees Godina Baalee aanaa Gaasaraa Dambalitti halkan kana mormii cimaatu godhamaa jira Wayyaanen hin bullu jechaa jira. Qeerron Dambal
Godina Wallaggaa Magaalaa Naqamtee keessatti guyyaa Har’a jechuun Hagayya 01/08/2016 galgala kana saatii lamaa jalqabanii nama dhimma isaaf karaa deemu Agaaziin qabdee reebaa jirti.Naannoo ani arge safara maaramii bakka jedhamutti namoota hunda lafarra ciibsanii reebaa jiru.baayyee kan nama dhibu namoota barumsa galgalaa baratan,namoota waldaa amantaa garaagaraa kessaa galan hunda jilbeeffachiisanii reebaa jiru.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (August) | OromianEconomist