Category Archives: Oduu/News
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Hagayya 4, 2016
Aside
Godina Arsii Bahaa Magaalaa Ashmiraa Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Maxxafamaa fi Raabsamaa Jira.
Aside
Godina Arsii Aanaa Roobee Keessatti Diddaa Ummata Oromoo Dhaamsuu Basaasoti 10 Ramadamanii Ummata Gooluu Eegalanii Jiru
Aside
Hagayya 4,2016/Godina Arsii aanaa Roobee Diida’aa keessatti hojii basaasummaarratti bobba’anii hiriira sanbataarrattis ummata hirmaachuf sochii garagaraa godhaa jiru goolaa jiran yoo ta’uu maqaa basaasota Wayyaanee naannichatti bobba’anii jiranii keessaa:
1, Zowduu Rattaa bulchaa ganda
2, Fayyoo Qaadoo itti aanaa ganda 01
3,Keerroo saanii kantiibaa magaalaa Roobee
4,Jundii Kamaaloo milishaa gandaa
5, Geetuu Shagguu itti gaafatamaa misooma qonnaa fi bulchiinsa aanaa
6,Qaasoo Umar itti gaafatamaa dhimma nageenyaa aanaa
7,Sulxii manzaa itti gaafatamaa milishoota gandaa
8, Amaan IBraahim itti gaafatamaa milishoota duraanii
9, Jamaal Kadiir itti gaafatamaa dhaabaa OPDO
10,Sammaan Idiriis bulchaa ganda ataabaa Roobee
Namoonni Kanaan olii hundi yeroo ammaa Aanaa Roobee keessatti uummata keessa deemanii doorsisuu fi gooluu eegalanii jiru.
Hagayya 2,2016 Qophii Baniinsa Kora ABO fi Halkan Irbaata WBO
Aside

SBO: Hagayya 03 Bara 2016. ODUU, Ibsa ABO, Du’aan Boqochuu Jaal Tarfaa Dibaabaa ilaalchisee Dhaamsa Gaddaa ABO fi Warraaqsa FXG naannichaa irratti Gaaffii fi Deebii jiraataa magaalaa Awwadaay waliin taasifame Akkasumas SBO Qophii Afaan Amaaraa.
Aside
Ibsa Qeerroon Bilisummaa Oromoo Haala siyaasaa Itoophiyaa yeroo amma irraatti kenne. Hagayya 2 Bara 2016
Aside
Fincilli Xumura Gabrummaa Qeerroo Bilisummaa Oromoon Qabsiifame Biyyatti guutummaa Raasuu eegale:
Ibsa Qeerroon Bilisummaa Haala siyaasaa Itoophiyaa yeroo amma irraatti kenne.
Bara 2011 keessa yeroo Qeerroon Bilisummaa Oromoo bu’ureffamu namoota tokko-tokkootti akkuma mormitoota Itoophiyaa hedduu jaarmaa yeroo gabaabduuf ifee deebi’ee ammoo dhaamu itti fakkaatee ture. Bu’uureffamuu Qeerroo keessaas ta’e alaan kanneen busheessaa turanis lakkoobsaan xiqqaa hinturre. Akkasumas, baatii Sadaasaa bara 2015 keessa wayitii Qeerroon Bilisummaa Oromoo Gabrummaatti xumura gochuuf murateeffachuu isaa labsu, kanneen dalagaatti hiikamu labischaa irratti shakkii qabaachaa turan hedduu turan. Keessattuu matootni TPLF gosuma sochiilee mormiitoota Itoophiyaa kan isaan bara baraan caccabsaa as gahan waan itti fakkaateef, murannoo Qeerrootti karaa hedduu bishaan itti naqaa turuun isaanii ni yaadatama. Haata’u malee, Qeerroon Bilisummaa battala murtii Xumura Gabrummaa labsetti tarkaanfilee seena-qabeessyyi tahan hedduu fudhachuun hawwii Wayyaanee fi yaaddoo shakkitootaa fashalsiiseera.
Qeerron Bilisummaa eegala sochii isaa irratti Hooggana qaroo sagantaa isaa jiddu-galummaan taliigu utubachuun murannoo cimaan karoora isaa mirkaneessuutti bobba’e. Qeerroon naamusa sibila irra jabaataa fi gootummaa seena biyya keenya keessatti gita hinqabneen gartuu saba keenya acuucaa fi biyya keenya saamaa jirtu, TPLF jala kallattiidhaan dhaabachuu eegale. Qeerroon hooggantoota TPLF kanneen beekumsaa fi gootummaan akka waan samii keessa teessoo addaa qabanitti of tuulaa turan sochii yeroo gabaabduutiin waaroo salphinaa itti huffise. Gootummaan Qeerroo imaammata TPLF ummatoota biyyatti sodaachiftee bara dheeraa bulchuuf baafatte dhadhaa abidda buute jalaa godhe. Har’a kan sodaan urgufamaa oolee bulu ummata bal’aa biyyatti osoo hintaane Wayyaanee fi lukkeewwan ergaa ishee raawwachuuf oomishaman qofa. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hagayya 2 2016 Finfinnee
” Biyya Keenya Ni Falmatna” Jedhu Goototi Godina Harargee Bahaa Aanaa Dadar, Araddaa Galan Saadii Hagayya 2,2016,
Aside
Hagayya 2,2016 Fincila Xumura Gabrummaa Godina Arsii Aanaa Roobee Magaalaa Habee
Aside
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Hagayya 2, 2016
Aside




