Category Archives: Oduu/News
Renewed Declaration of Protest to Culminate Slavery
Aside
Renewed Declaration of Protest to Culminate Slavery
From Qeerroo Bilisummaa Orom
August 26, 2016
The struggle of the Oromo people to regain the ownership of their country and to culminate a century old subjugation, marginalization, and slavery has reached a critical stage. The Oromo people are at a historical moment whereby the entire Oromo public in and outside of Oromia are waging a bitter struggle and are determined to regain their freedom and administer themselves and live in peace, stability, and freedom in their country, Oromia. The struggle of the Oromo people does not target any other peoples in Ethiopia. The fulfilment of the rights of the Oromo people does not infringe the rights of any other nation or nationality. More than any time in our history, the Oromo youth organization, Qeerroo Bilisummaa Oromoo (or just Qeerroo), is working to make sure that the current Oromo protest is coordinated with the struggle of other nations and nationalities in the country by devising various tactics and strategies.
The Oromo student movement, Fincila Diddaa Gabrummaa (meaning Protest Resisting Subjugation), which started in a more organized way by the organization of Qeerroo Bilisummaa Oromoo has over the years produced several small and big protests which gradually developed reaching its climax at this moment in time. These big and small protests have had enormous contribution for the current wave of mass protest that engulfed the entire Oromia and beyond. To reach this stage the Oromo youth paid the ultimate sacrifice. Thousands have left their precious lives. Tens of thousands have been critically injured and disabled. Hundreds of thousands have been jailed and brutally tortured in Ethiopian prisons. We, the Oromo youth, Qeerroo, would like to declare that we are completing the necessary preparation to retaliate the bloods of our brothers and sisters in every shape or form and realizing the freedom of our country and the dignity of our people.
At the moment, the leadership, all members and cells in the organizational structure of Qeerroo Bilisummaa Oromoo are strongly making the necessary preparation to defeat our enemy by using a more sophisticated and modern struggle technics and strategies. As we speak, the structure and cells that are organized in the various levels of the TPLF/EPRDF government, Oromo students who have been waging bitter struggle for our freedom since November 2015, and the entire Oromo people are working day and night for another wave of grand Oromo protest for the realization of their rights and for the ownership of their country.
Therefore, the leadership of Qeerroo bilisummaa declare to the Oromo people that an Oromia wide protest will be waged on the TPLF/EPRDF government and details will be announced in a short time. We call on the Oromo public in and outside of Oromia to keenly follow the upcoming widespread protest and make yourselves ready, increase your support, and physically participate on these protests.
Victory to the Oromo people
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
August 26, 2016
Finfinnee, Oromia
SBO Hagayya 28,2016. Oduu, Qophii haala yeroo irratti qophaa’ee fi Gabaasa Hiriira Hawaasa Oromoo Torontoo Kanadaa kutaa xumuraa
Aside
Labsa Ficincila Xumura Gabrummaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Bahe.
Aside
Labsa Ficincila Xumura Gabrummaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Bahe.
Hagayya 26,2016
Qabsoo mirga abbaa biyyummaa falmii ummanni Oromoo taasisaa jiru Oromiyaa keessaa fi alaan kan yoomii irra haala abdachiisaan deemaa jira. Sabni Oromoo mirga isaa jaarraa tokkoo oliif dhabee jiru deebsiee of harkatti galfatee nagaa, tasgabbi fi bilisummaan Oromiyaa keessa jiraachuuf yeroo murteeffatee ka’e keessatti argamna. Mirgi ummata Oromoo mirga saboota kami iyyuu dhiibuu fi sarbuuf osoo hin taane sabni kamuu Oromiyaa keessa jiraatu cunqursaa fi hacuucaa bifa kami irraa iyyuu bilisa bahee nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu kan wabii kennuufii ta’uu irra deebiin mirkaneessina. Sochii yeroo kamiinuu caalaatti ummanni Oromoo bara ammaa taasisaa jiru kun sablammii cunqurfamoo dabalatee daran jabaatee akka itti fufuuf Qeerroon Bilsummaa Oromoo kan yeroo kamiinuu caalaa tooftaa fi tarsiimoo adda addaan hojjechaa jira.
Sochii FDG bara 2011 bifa qindaayeen Qerroon Bilisummaa Oromoo eegale irraa jalaan finciloota xiqqaa fi guddaa gaggeessuun har’aan gahee jira, sochiilee Oromiyaa keessaa adda Qooda ol aanaa kennaa injifatnoolee irraa jalaan argamaa jiru hanga ammaa salphaa hin turre, Wareegami lubbuu fi qaamaa akkasumas qabeenyaa hedduu kan itti kitimamee fi dhabame yeroo ta’u gumaa wareegama kanaa bilisummaan baasuuf bifa fedheen irratti hojjetamaa akka jiru mirkaneessina. Kun hanga argamuu fi xumuramu wareegama caalaa baasuufis of duubaa akka hin deebine firaafis diinaafis ifa goona.
Fincila Xumura gabrummaa yeroo kana ykn bara 2016 kana keessa gaggeessaa jirru toftaa ammayyummaan fayyadamuun diina keenya irra aanuuf hogganootiin Qeerroo fi miseensotiin Qeerroo Bilisummaa akkasumas madheeleen qabsoo bilisummaa Oromoo guutuu Oromiyaa keessa jiran jabinaan irratti hojjetaa jiru. Caasaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi madheeleen Qabsoo Bilisummaa Oromoo mootummaa Wayyaanee keessa ta’anii mootummicha akka rirmaatti nyaataa jiranii fi ummati Oromoo akkasumas barattootiin Oromoo addatti fincila gaggeessaa jiran akeekaa fi kaayyoo abbaa biyyummaa bakkaan gahuuf hakanii fi guyyaa irratti hojjechaa jirama.
Kanaaf, yeroo gabaabaa keessatti bifa qindaayee fi mootummaa Wayyaanee irratti fincilootaa qindaawaan irraatti humna guutuun hirmaatuun fincila xumura gabrummaa itti fufamuuf deemu ummanni Oromoo waliigala qorqalbiin hordofaa qaamaan keessatti of qusatnaa maleee hirmaataa biyya keessaa fi alaan sochii warraaqsaa fi deggersa keessan daran akka jabeessitan waamicha lammummaa dabarsina.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Injifatnoon Ummata Oromoof
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Hagayya 26,2016
Finfinnee,Oromiyaa
PDFn- LABSA FXG Qeerroo Irraa Kenname Hagayya 26 2016
“Hin Kaasu Alaabaa Gabromfataa,Jedhe Fayyisaa Lelisaa Leenci Sanyii Leencaa” Wallee Haaraa Ittiiqaa Tafarii
Aside
Beektoti Oromoo Hedduun Hiriira Yeroo Darbee Irratti Ukkamfaman Bakka Bu’an Hin Beekamu
Aside
Hagayyaa 26/2016 Eengıneer Gammachuu Hirphasaa kan keessatti argamuu Ilmaan Oromoo Jumlaan ukkanfaman Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG marsaa 8ffaaf utuu walirraa hin citin gaggeeffamaa jiruun wal.qabatee torbanoota darban warraaqsaa magaalaa Fınfınnee keessattı Gaggeeffameen ilmaan Oromoo qaroo hawaasaa ta’an 3500 oliittı lakkaa’aman Magaalaa Fınfınnee qofa keessa ukkaanfamuun gara dabarfamuun mooraa leenjıı waraanaa Awaash Arbaa jedhamuu fı bakkoota garaagaraa hın beekamneettı ukkanfamuun hıdhaman keessa:
1. Engıneer Gammachuu Hirphasaa Oromummaa isaan yakkamee kan ukkanfame Awaashaa Arbaattı hıdhamee kan jıru
2. Barsıısaa Oliyaad Hirphasaa , Barsiisaa afaan Ingliffaa godina/k/l/Shaggar ture.Yuuniversiitii Finfinneettii barnootaa peedaagojii osoo hordofaa jiruu qabamee dhabame.
3. Dargaggoo Guutuu Abarraa kan jedhamu jedhamu.nannoon dhalootaa godina wallagga lixaa aanaa Gimbiiti.Magaalaa Finfinneetti warshaa kophee china hojjetee jiraata. Innis gafa qabamee dhabame, ta’uu maddeen Qeerroo Bilısummaa Oromo gabaasan.
4.Ogeessaa Fayyaa Mootummaa Cımdeessaa Godına Lıxa shaggar Aanaa Midaa Qanyii bakka Hojıı Aanaa dandıı Buufata Fayyaa Daanisaa ırraa Agaazıın Qabamee Sanqalleettı hıdhame
Uummatni Oromoo ilmaan ısaa hidhaman hiiksıfachuufi kanneen Wareegamaan gumaa baafachuun Bilisummaa isaa gonfachuuf Qabsoo isaa roga hundaan jabeeffachuun motummaa wayyaanee hudhee qabuun Qabsoon Warraaqsaa Bıyyoolessaa Oromıyaa FXG bakka hundaaıttı jabaachuu akka qabu hubachııfna!!
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Hagayya 26,2016
Aside
Gooticha Oromoo Atileet Fayyisaa Lellisaa Ilaalchisee Walaloo Artistoota Oromoo Seenaa Solomoonii fi Keyeroon Darajjee
Aside
Wallee Gooticha Oromoo Atileet Fayyisaaf Wallifame/Artist Daawitee Mokonnon
Aside
Gootichi Oromoo Girmaa Galataa Tulluu Jedhamu Qonnaan Bultoota Oromoo fi Dargaggoota Gurmeessite Jedhamee Lafa Qonnaa Isaatti Poolisootaan Reebamuun Wareegame.
Aside
Hagayya 26,2016 ,Gootichi beekamaan ilma Oromoo onneen isaa waa’ee saba isaaf quuqamu kun kan dhalatee guddate Godina Wallaggaa bahaa aanaa Kiiramuu nannoo Burqaa Soorumaa bakka addaa Gooftoo jedhamutti dhalatee akka guddate beekamee jira .
Kan inni irraa dhalates haadha isaa aadde Buzee Abbabaa Rorroo fi Abbaa isaa obbo Galataa Tulluu irraa dhalatee akka guddate jiraattonni naannoo sanaa nuuf himanii jiru.
Gootichi Oromoo oromummaa isaaf diinaaf hin jilbeenffanne kun xinnummaa isaa irraa kaasuun falmaa hadhaawwaa gochaa kan turee fi jala deemtota diinaa waliinis waliin gaareffachaa imala jireenyaa isaa keessattillee doorsisni jumlaan irra ga’a akka ture beekamee jira.
Girmaan osoo barnoota isaa kutaa 10ffaa barachaa jiruus doorsisni mootummaa gabroonffataan waan itti jabaateef barnoota isaa kanas addaan akkanni kutuuf yaaliin guddaan godhamaa turus Girmaan garuu jabaatee barnoota isaa kanatti qaxalee ta’uudhaan diina waliin wallansoo wal qabaa barnootasaa itti fufee ture .
Haaluma kanaanis guyyaa dhaloota isaa irraa ka’uun naannoo inni jiraatu keessatti doorsisni jabaan irratti akka raawwatamaa ture jiraattonni naannoo sanaa tokko tokko nuuf imanii jiru.
Kanneen keessaas Saamichi lafaa kan maatiisaatii irraa fuudhuun beenyaa tokko malee waajjira qonnaa naannoo isaaniif galii ta’ee akka jiru akkasumas bakka ijaarsaa waldaa Bu’uuraa Caffee Eebbaa jedhamuufis kaffaltii tokko malee lafa maatii isaa irraa booji’uun waldaa sanaaf akka laatame beekamee jira.
Kanumarraa ka’uunis Girmaan aarii jabaan mootummaa faashistii Wayyaanee irratti duuluu jalqabee. Mootummaan Wayyaanees Girmaa irratti humnoota qaama nageenyaa naannoo sanaa irratti duulsisuun isa hordofsiisuu jalqabani.
Keessumaa namni miseensi poolisii naannoo Kiiramuu ta’e tokko maqaan isaa Abiyoot namni jedhamu irra deddeebiidhaan nama mana jireenyaa Girmaan jiraatutti deemuudhaan doorsisaa turee fi abbaasaaf haadhasaallee nama deemee mana jireenyaa isaanii keessatti reebaa nama ture akka ta’e beekamee jira.
Akkasumas akka jiraattonni naannoo sanaa nuuf eeranitti guyyaa gaafa 13/10/2008 waajira gandaa irraa situ ijaarsa ijaaramee jiru diige maqaa jedhuun bakka inni qonnaa qotaa jirutti osoo inni qotiisa dhaabee ciree isaa nyaachaa jiruu bulchaan gandaa naannoo isaa namni maqaan isaa Fiqaaduu Soorii Baayyisaa namni jedhamu poolisoota aanaa nama lama fudhatee deemuudhaan bakka inni qonnaa qotaa jiruu butuudhaan reebicha jumlaan irratti raawwachaa gara waajjira poolisii aanaa kiiramuutti geeffamee dararaa guddaan achi keessatti irratti raawwatamaa akka ture jiraattonni naannoo isaa nuuf eeranii jiru.
Girmaan turtii hidhaa torban lamaa boodas mirgi wabii eegamee fi ba’u danda’ee tureem. Haa ta’u malee gootichi Oromoo Girmaa Taakkalaa rakkoo daangaa hin qabne hamma kanaa dandamatee ,roorroo alagaaf otuu harka hin laatin guyyaa dhaloota isaa irraa ka’uun osoo oromummaa isaaf diinaa wajjin wallaansoo wal qabuu guyyaa gaafa adoollessa 30 bara 2008 hiriira guddicha akka guutuu Oromiyaatti finiinaa ooleen innis gaaffii Abbaa biyyummaa isaa gaafachuuf gaafa ba’u humnoota poolisii duraan naannoo isaatti isa adamsaa turaniin akka ajeefame maddeen keenya nuuf eeranii jiru.
Sirni geggeessaa awwalcha isaas hagayya 01bara 2008 waldaa warra waaqeffannaa warra wangeelaa Tokkummaa waldoota kiiramuu Fissoo bakka jedhamutti sirni awwaalcha isaa akka raawwate maddeen keenya nuuf himanii jiru.
Qabsa’an du’us qabsoon itti fufa.






