Seenaa saba Oromoo fi Oromiyaa keessatti waggalee 140-n dabran kanneen keessa, ajeechaan suukaneessaa fi dhumaatiin bineessummaa irratti hundaawe hedduun adeemsifamee jira. Ammoo, dhumaatiin gaafa 02. 10. 16 Ayyaana Irreechaa irratti, magaalaa Bishoofuutti adeemsifame kun dhumaatii addaati. Eeyyee, gitoonni bittee Habashaa kanneen dhufaa dabran, dhumaatii jibbisiisaa kana caaalu uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaa irratti oofanii jiru. Garuu, isaan sun mannneen dukkanaa keessa taa’anii, bara dukkanaa san dukkana uufatanii kanneen adeemsisani. Inni barana faashistoonni Wayyaanee jedhaman Bishooftuutti adeemsisan kun bara ifaa kana keessa, otoo ijjeen uummatoota addunyaa fagomuldhiftuun (tiibiin) isaan daawwachaa jiraniiti. Erga Olompiyaa Riiyoo irratti Fayyisaa Leellisaa Oromiyaa teenya ramaanii (kaartaa) addunyaa irra kaayee asii, ijji addunyaa gara keenyas ilaalatuma jira. Yeroo fi haala akkanaa keessatti, dhumaatii akkanaa Wayyaanonni adeemsisuu isaanitu adda isa taasise. Amma Oromoo fi uummatoota Toophiyaa mara qofaa miti kana Wayyaaneen: “muu badi! Akkuma ati dhiiga ilmoo namaa dhangalaafte kana, mee Waaqni dhiiga kee haa dhangalaasu!”, jechuun isa abaaraa jira.DHUMAATII GAAFA IRREECHAA
Aside
Seenaa saba Oromoo fi Oromiyaa keessatti waggalee 140-n dabran kanneen keessa, ajeechaan suukaneessaa fi dhumaatiin bineessummaa irratti hundaawe hedduun adeemsifamee jira. Ammoo, dhumaatiin gaafa 02. 10. 16 Ayyaana Irreechaa irratti, magaalaa Bishoofuutti adeemsifame kun dhumaatii addaati. Eeyyee, gitoonni bittee Habashaa kanneen dhufaa dabran, dhumaatii jibbisiisaa kana caaalu uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaa irratti oofanii jiru. Garuu, isaan sun mannneen dukkanaa keessa taa’anii, bara dukkanaa san dukkana uufatanii kanneen adeemsisani. Inni barana faashistoonni Wayyaanee jedhaman Bishooftuutti adeemsisan kun bara ifaa kana keessa, otoo ijjeen uummatoota addunyaa fagomuldhiftuun (tiibiin) isaan daawwachaa jiraniiti. Erga Olompiyaa Riiyoo irratti Fayyisaa Leellisaa Oromiyaa teenya ramaanii (kaartaa) addunyaa irra kaayee asii, ijji addunyaa gara keenyas ilaalatuma jira. Yeroo fi haala akkanaa keessatti, dhumaatii akkanaa Wayyaanonni adeemsisuu isaanitu adda isa taasise. Amma Oromoo fi uummatoota Toophiyaa mara qofaa miti kana Wayyaaneen: “muu badi! Akkuma ati dhiiga ilmoo namaa dhangalaafte kana, mee Waaqni dhiiga kee haa dhangalaasu!”, jechuun isa abaaraa jira.



