Aside

Hiriira DC (Via Kello Media)

Aside

Rorroon Mootummaa Ethiopia Hammaatee Shamarree Caaltuu Takkalaa Ammas Hidhamte. 

Image may contain: 1 person, standing Hammaateera!!
Shamarree Oromoo Caaltuu Taakkalaa ammaan dura waggaa 10 oliif sababaa Oromummaa fi qabsaawummaa isheen hidhaa Wayyaanotaa keessaturtee erga baatee irra deddeebi’amee marraa 5 oliif hidhamaa turte.
Guyyaa har’aa daa’ima ishee dhalattee baatii 7ffaa keessa jirtu waliin komaandi poostii Wallagga hunkuraa jiruun qabamtee mana hidhaa magalaa Shaambuu keessa jirti.

 

 

 

Aside

Continue reading

Aside

Image may contain: 1 person, possible text that says 'Jaal Dawud Ibsa Ayana with Public forum OLF's Chairman, Jaal Daawud Ibsaa is coming to Europe Date: January 25-2020 Location: Stockholm Sweden You are all cordially invited! Marii Hawaasaa Oromoo Hayyu Duree ABO waliin! Hayyu Dureen ABO, jaale Daawud Ibsaa Garaw Awurooppaa dhufaa jira. Guyyaa: Amajjii 25 2020 Bakka Stockholm SwedenDawud Ibsa Ayana D'

 

Aside

Obsi Daangaa Qabaachuu Qaba ! Callisnis Nuuf Haa Gahu!

(Ibsa ABO – Amajjii 09, 2020)

49836961_1847712095355333_3193898111219007488_o[SBO – AMAJJII 09,2020] Erga Dr. Abiy Ahmed EPRDF keessaa gara aangootti ol bahanii as gidiraa fi roorroon addatti Ummata keenya kan Dhihaa fi Kibba Oromiyaa irratti bulchiinsa isaaniitiin geessifamu guyyumaan hammaachaa deemuutti jira. Kanaaf sababni gama mootummaatiin kennamaa turee fi jiru “nageenya eegsisuu fi ol’aantummaa seeraa kabajsiisuu” kan jedhu dha. Biyya kanatti durii kaasee hanga har’aatti nageenyi dhabamuuf kan sababa tahaa turee fi jiru rakkoo siyaasaa afaan qawweetiin furuuf ykn. irra aanuuf yaalii gama mootummaatiin taasifamu dha. Akka hubannaa fi odeeffannoo qabnuutti yeroo ammaa rakkoo guddaan sadarkaa Oromiyaattis tahe sadarkaa Itoophiyaatti jiru rakkoo nageenyaa osoo hin taane rakkoo siyaasaa ti. Wanneen akka rakkoo nageenyaatti of mul’isanis yoo jiraatan maddi isaanii rakkoo siyaasaa hin furamin jiru dha. Rakkoon siyaasaa ammoo furmaata siyaasaa barbaada malee qawweedhaan/humnaan hin furamu. Continue reading

Aside

Uumaa gaditti ABO’n madda nagaati!
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
====================
OLF gulaAddi bilisummaa Oromoo, dhaaba uummataa amala uummata isaa Oromummaa haqaa fi fedhii uummata isaa irratti qiyyaafatee uummata Oromoo keessaa bu’uuramedha. Akkuma abbootni keenya Oromoon nagaa jaallatan, dhaaba nagaa jaallatuuf dhaaba nagaa manca’e bakkatti deebisee abdii uummata isaa haareessuu fi haamilee saboota cunqurfamoo impaayera Xoophiyaa jalatti cabe jabeessuuf qabsootti jirudha. Boquu Oromoo ol qabee, biyyattii keessatti kabaja Oromoof malu argamsiisuuf qabsoo gochaa ture irraa duubatti hinjedhu. Qaama nagaa uummataa barbadeessuun uummata gadadoo keessatti hanbisuuf, uummata saamuudhaan nageenya uummataa hunkuruuf hojjetu dura dhaabbataa akkuma ture, itti fufee qabsoo isaan ABO’n uummatni nagaan isaa akka dhugoomuuf hojjeta.

Eegala isaa irraa qabee hanga har’aatti qaamolee uummata ajjeesan dura dhaabbachuu, qaamolee uummata saaman irratti qabsaa’uudhaan dhaaba ofiif utuu hintaane dhaaba uummata isaaf jiraatu ta’uu namuu beeka. ABO’n dhaaba bilisummaa, nagaa, dimokiraasii fi mirga yaada lammiilee kabachiisuuf qabsaa’u, dhaaba hundaan olitti of kenninsaan uummataaf dhaabbatudha. Continue reading

Aside

Walgahii addaa ABO galma Miliniyemitti

ABO walgahii addaa galma Miliniyemitti gaafa Amajjii 12, 2020 yookaan ALItti. Amajjii 3, 2012tti qopheessee jira.

Walgahii addaa kana irratti ABOn sagantaa isaa gama siyaasaa, dinagdee, nageenyaa, hawaasummaa fi qophii filannoo 2020 irratti bal’inaan ummata Oromoo, ummatoota Itoophiyaa fi addunyaaf ibsa ni kenna.

Jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo, jaarmiyaaleen sabaa fi sablammootaa, hayyoonni Oromoo fi keessummoonni hedduun ni hirmaatu.

Kottaa hirmaadhaa

Koree Qopheessituu

No photo description available.

Aside

Sirna Baniinsa Waajjira ABO Matakkal

 

 

 

 

 

 

Aside

Sirna baniinsa Waajjira ABO Dukam

Continue reading

Aside

“Gaafa dhufne citaaf Gafarsa qofa jira. Mukeen isaa cirree itti galle. Nuti asitti jilba 6 taanee jirra” kana jechuun tilmaama waggaa 450 dura akka Matakkal qubatan eeru

Waa’ee Oromoo Matakkal, Jaarsolii fi Abbootii Gadaa naannichaa irraa kan odeeffanne!