Category Archives: Oduu/News
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo(SQ) Qophii Onkoloolessa 13, 2016
Aside
SBO Onkoloolessa 14,2016. Oduu fi Ibsa Tarkaanfii Waraanaa ABO
Aside
InJifannoole Argamaniifi Tokkumma Uumata, Olola ABO, Qeerroo fi Qabsa’oota irratti Karaa EBC, TVO fi social Media Deemuu. Akkasumas Of eeggannoo Haala Yeroo waliin Taasifamu qabu irratti Turtii Magarsaa Waaqjiraa waliin Taasifame
Aside
Jaal Magarsaa Waaqjiraa miseensa Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi gartuu hoggana bu’ureessaa Jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo ( National Youth Movement for Freedom and Democracy)kan ta’e sochii FDG seena qabeessa bara 2011 Qeerroon Bilisummaa taasisan keessatti Yuniverstiilee Oromiyaa fi Magaalota keessatti hogganummaa Warraaqsaa osoo kennuu harka loltoota Wayyaanee Agaazii galee mana hidhaa Wayyaanee keessatti dararaa guddaa arguun waggootaaf dhimee lubbuu isaan kan bahee fi sana boodas qasootti makamuun gahee guddaa bahaa ture ykn jira.
Itti fufa Video kanaa barruu kanaa gadii tuqi argatta. Continue reading
SBO Onkoloolessa 12,2016. Oduu, Ibsa ABO, Haala Godina Baha Shawaa keessa jiru irratti gaaffii fi deebii dargaggoo naannoo sanii waliin, akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa
Aside
Aside
Declaring ‘State of Emergency’ will Only Facilitate the Demise of the Minority TPLF Regime in Ethiopia
Statement of the Central Leadership of Oromian Youth Movement (a.k.a. Qeerroo Bilisummaa)
It has now been a clear that the heroic sacrifices Qeerroo Bilisummaa Oromiyaa has been making since its formation in 2011 has resulted in shortening the date of the freedom of the Oromo people and independence of our homeland Oromia. The current declaration of “State of Emergency” is a clear evidence that the TPLF led regime is crumbling and is existing in a state of hopelessness. Due to the bitter struggle of Oromian youth led by Qeerroo Bilisummaa, the minority Tigrean elite which has been boasting of its political superiority for a long time has started disintegrating and collapsing by the day. The heroism displayed by Qeerroo has been a nightmare to the TPLF leaders.
It is important to note that the declaration of the so called “State of Emergency” will only fuel our struggle. Qeerroo Bilisummaa would like to make it clear to all of our friends and enemies that the current desperate ‘declaration’ will never deter the struggle of Oromo people led by Qeerroo Bilisummaa. It will rather bolster our strength and fuel the struggle. Hereafter, any futile exercise made by the TPLF regime will only result in shortening the date of its demise. In its bitter struggle, Qeerroo Bilisummaa succeeded in stripping the mask of TPLF covered with lies and has shown its true color of dictatorship and racist nature to the entire world. The current ‘declaration’ corroborates that the TPLF regime is shaky, that it is hated by the Oromo people and entire peoples of Ethiopia, that it doesn’t have the capacity to protect the peace and stability of the country, and that it does not have the trust and confidence of the people it supposedly govern. The date of the death of the TPLF regime is not far. Continue reading
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo(SQ) Qophii Onkoloolessa 11, 2016
Aside
Aside
“Ofiinuu Duutii Maaf Of Huuti?” – Labsi ‘Yeroo Atattamaa’ TPLF labsite Ilaalchisee Ibsa Hooggana Jiddu-galeesa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa Kenname
Wareeegamni Qerroon Bilisummaa Oromoo gootummaan gumaachaa as gahe ummata keenya guyyuu gara Bilisummaa isatti dhiheessaa jiraachuun dhugaa haalamuu hindandeenye dha. TPLFtti guyyaan dukkanawaa dhufuu isaaf labsi isheen mata duree ‘yeroo atattamaa’ jedhuun labsite kana caalaa ragaan guddaan hinjiru. Qabsoo hadhawaa Qeerroon Bilisummaa geggessaa jiruun gartuun yeroo dheeraaf olaantummaa siyaasaan of bokoksaa turte kun guyyaa irraa guyyaatti caccabuu,salphachuu fi diigamuu erga eegaltee bubbulteetti. Gootummaan Qeerroon agarsiisaa jiru mootota TPLF guyyaa saafaa abjchisuu erga eegalee oolee buleera.
Labsiin TPLF ummata keenya irratti labiste kunis Qeerroo Bilisummaa Oromoo caalmaatti qabsichaaf hiriirsa malee tasa of-booda kan hindeebifne ta’uun isaa firaafis ta’e diinaa ifa ta’uu qaba. Ammaan booda taattaaffiin TPLF gootu marti yoo guyyaa du’a ishee gabaabse malee gonkumaa bara angoo ishee dheeressuu hindanda’u. Qeerroon Bilisummaa kafana soba TPLF bara dheeraaf marxifachaa turte sana irraa mulquun bifa dhaloota ishee isa dhugaa, of-irrummaa siyaasaa fi dhiphummaa sanyiin guutame sana addunyaaf saaxileera. Mootummaan ishee rommaa jiraachuu, ummata biratti jibbamtuu fi tuffatamtuu ta’uun ishee, akkasumas nagaa biyyattii eeguuf dandeettii fi amantaa gaha kan hinqabne ta’uu isheef labsii isheen baafatte kana caalaa ragaan hinjiru. Guyyaan isheen yeroo maayyiif angoo biyyatti irra fonqoltus fago hin ta’u. Continue reading
Godina Shaggar Bahaa aanaa Fantaallee keessatti waraanni guddaan uummata Oromoo Karrayyuufi Wayyaanee jidduutti gaggeeffamaa jiru injifannoo Oromootiin ofdura tarkaanfataa jira.
Aside
Onkoloolessa 10,2016 ,Labsiin yeroo hatattamaa otoo hin labsamiin dura halkan eengaddaa waraana Wayyaanee ooraalii sagaliin bobba’e wajjiin waldura dhaabbatee, bifa haaraan jabaatee kan itti fufe waraanni kun, ganda Gidaaraa jedhamutti waraana Aga’aazii nama 6 galaafatee shan madeesse,
Guyyaa kaleessaasaa ammoo Ganda XUXXUUXXII jedhamtutti waraana oraalii 60, taankii 10fi elikooptara lamaan kan bobba’e gidduutti falmaa hadhaawaa gaggeesseen waraana diinaa 32 barbadeessee sadii jiraa booji’uun madoo konkolaataa ooraalii tokko hospitaala seensisee jiraachuun argameera.
Akka aadaa Oromootti eebba Abbaa Bokkuu gandaafi Qaalluu abbootii ayyaanaan waraana Oromoo Ayyaana Godaanaa Qumbiin eebbisanii waraana diinaa walgahanii abaaranii kan bobba’an yoo ta’u injifannoo guddaa galmeessuun humna diinaa kana bittinsanii of duuba dachaasuun addaateera. Continue reading
Labsiin Yeroo Hatattamaa Wayyaanee Aangoo irra tursuuf Wixxifata Mayii ti.
Aside
Mootummaan Wayyaanee/TPLF labsii yeroo hatattamaa Onkoloolessa 9, 2016 murtii mana marii ministorootaan dabarfame Manni Marii bakka bu’ootaa hin raggaafne karaa Muummicha Ministeraa Wayyaanee Dessalenyi H/Maariyaamiin labsamee jira. Labsiin yeroo hattattamaa kun kan isa jalqabaa miti. Bara 1992 labsa fakkaataa prezidaantii alasii Mallas Zeenaawiin lola labsameen lammiileen Oromoo bakkayyuutti ajjeefamaa fi hidhamaa turan. Sababa labsii kanaan manneen hidhaa akka Huursoo fi Dhidheessatti lammiileen Oromoo daa’imaa hanga jaarsaatti kumma kudhanoota hedduun hidhamuu irraa lubbuun namota hedduu mooraa hidhaa kana keessatti dabreera. Hedduun ilmaan Oromoo mooraa kana keessatti Wayyaaneen giddirfamuu irraa qaamaan hir’atuu har’ayyuu ummata Oromoon ni yaadata.


