Fanxoo Dhoksuun Dhukkuba Hin Fayyisu

Aside

Damee Buruu Irraa

Saadasa 11-13, 2016 dramaa ODF fi OPDO Oromoon hin dhageenye ykn hin agarre yoo jiraate warra wal quunnamtii biyya lafaa irraa cite uummata Oromoo bal’aa qofa tahuu qaba .Seenaa qabsoon uummata Oromoo keessa godaannee as gahee warri beeknu dhaloota qubee hara’a qabsoo uummata Oromoo gatittii isaatti ol fudhate wareegama madaalii hin qabne baasaa jiruuf ibsuu yoo dhagannee dhiigni gootota Oromoo nu gaafata. Nuyi seenaa beeknu ibsuu malee  murtii fi hubannaa barbaadu kan fudhachuu qabu warra seenaa Qabsoo uummata Oromoo hordofuu taha. Waan tokko kana booda kan ifa tahuu qabu jira. “Fanxoo dhoksuun dhukkuba hin fayyisu “,jedhan.  Qabsoon uummata Oromoo akka hin miidhamne  sodaachuu irraa kan ka’ee warra qabsoo uummata  booressaa fi doomsaa jiran afaan qabanii ilaaluun dogongora guddaa dha. Hundi keenya iyyuu seenaa durati itti gaafatamuuf tenya. Hojiin keenya inni duraa seenaa agarree fi hubanne uummataa ibsuu dha. Ummatni  bal’aan Oromoo akka barbaadetti  seenaa keessa dabarree fi  itti jirru kana dhugeefachuu  ykn tasa baasee  gatuuf mirga qaba. Continue reading

Baajeta Sababa Hin Qabne Kaffalaa Barattootaan Jechuun Akkasuma Barattoota Ari’uun Manneen Barnootaa Oromiyaarraa Bakkeewwan Hedduu Keessatti Mul’ataa Jira

Aside

Nov 19,2016
Mootummaan murna bichuu wayaanee uummata nagaa saamuuf hiraarsuutti fulleeffachuun Bakkeewwan hedduu keessatti barattoota Oromoo sadarkaa tokkooffarraa qabee hanga qophaa’inatti jiru gaafachuuf wixxifachaa kan jirtu yoo ta’u,Baajeta kanaan humna diinaa hidhatee uummata gidirsu nyaachisuuf munyuuqaa jiraachuun ifadha.
Haaluma kanaan Ona Wallaggaa Aanaa guutoo Giddaa mana barumsaa qophaa’ina Uukkee barattoota kutaa 11_12ffaa  barataniin dirqamaan maallaqa qarshii dhibba lama lama  fiddan malee barachuu hin dandeessan jechuun barattoota gidirsaa jiraachuu maddeen Qeerroo naannichaa dubbatu.Mana barumsaa kana keessatti adda durummaan duula barataa gidirsuuf kunaaanuurrati kan fuulleffachaa jiru daarokteerri mana barumsaachaa Asfaahu Allaabbachoo barattootarraan dhiibbaa gurguddaa geessisaa kan jiruuf  command post magaalattii keessa socho’us adda durummaan kan ajajaa jiru ta’uu jiraataan naannoo naaf ibsanii jiran
Haaluma kanaan achuma mana barumsaa sadarkaa lammaaffaa Ukkee kan qophaa’inaan wal keessa jiru keessaa Barataa kutaa 9A kan ta’e Barataa Sanyii Gonfaa Immiruu fi yeroof kan maqaasaa hin argatin jirru irratti manni barumsaa adaba waggaa lamaan barnootarraa sababa muusiqaa afaan Oromoo dhaggeeffataniif qofa isin ABO dha alaabaa ABO moobayila keessaa qabdu jechuun badii tokko malee  moobaayila
barattoota danuu sakkata’anii barattoota lameen kana hidhaaf umuriin hin geenye jechuun waggaa 2,2 barnootarraa adabuun  Asfahu Allaabbachoo daanikteera mana barumsaa ukkee sadarkaa lammaffaa dararaa hammas hin jedhamne dhaqqabsiisaa jiraachuun himame

HOOKARA HOONGAHAA, WAL GAHII WAL DHAHAA;(Walaloo)

Aside

QIXXEESSAA LAMMII IRRAA

Hookara Hongahaa, Wal gahii Wal dhahaa,
Shiraa fi daba malee, Maaltu keessaa baha.

Karoora diigamsaa, Adeemsa adawwii,
Afaan guutatanii, Yoo jedhan wal gahii,
Bitaa natti galee, Hubachuu barbaadee,
Obsee irra ciisee, Oolee bulee yaadee,
Wolaloo atamtu, Kurfaawee dhihaate?
Gammachu moo gaddaan, Walgahiin simate?
Abaarsa moo eebaan,Walgahin fudhate?(2)

Wal xiqqeessuun fayyaa? Hawaasni gabroome?
Kanatu na dhibee,Yaboo, Natti himaa mee,
Teessuma sanatti Ani baay’ee quurramee,
Hedduu jala ceeree, Qalbiin itti dhibamee,
Ijaarsa moo diiggaa? Mee maal haa jetnu mee?(2) Continue reading

Hojjettoota Waajjiraalee Baankii Daldala Xoophiyaa fi Teelee/Ethio Telecom akkasumas Dhaabbata Ibsaa Xoophiyaa keessa jiraniif!

Aside

Noolee Buttaa irraa (17/11/2016
Akkuma beekamu, biyya tokkoof  dhalootni  biyyi qabdu murteessaadha.Labata/Dhaloota biyyi tokko qabdu keessaa isaan armaan gadii daran  murteessoodha!
1.Gootummaa/Jaynummaa:- gootni biyya tokkoof maatii fi saba keessatti dhalateef murteessaadha.Gootni ejjennoo jabina qabu,gootummaan dhugaa fi haqa ofiif qabu,roorroo isaa fi maatii akkasumas gosaa fi biyya isaatti dhufu qolachuufis barbaachisaa fi murteessaadha! Kanaaf,maatiin gosti fi lammiin akkasumas biyyi tokko goota/jagna(jayna) horachuun barbaachisaadha.
2 Beekaa:-   Biyyi tokko beekaa yookiin hayyuu qabaachuun waan murteessaadha.Kana keessatti barnooti aadaa duudhaa fi safuu akkasumas toobaa fi toobbana saba ofii eegee barnoota ammayyaa wajjin saba ofii tajaajiluuf hedduu gargaara.Dhalootni beekumsa akkasiin biyya isaa gargaarus, Beekaa/Hayyuu jedhama.
3 Qaruuxee/Gamna:- kanneen armaan olitti jedherraa, kanneen waa hubachuufi akkataa deebii waan barbaadameefi mala/tooftaa/ barbaadamuuf furmaata waan tokkoo ka’anii fi dhawan gamna jedhamu. Continue reading

WBO ABDII HIN MURIN

Aside

Barataa Dachaasaa Deebisaatiin
QerroooGammoojjiin marfamtee
Marfama gidiraa
Sakaalamtee bultus
Bultii bitintiraa
.
Faannikee luqqaa’ee
Yoo koomeen si dhubbu
Gadhee si haa loltuu
Sanyiinkee si hin jibbu
.
Jireenya bosonaaf
Rifeensa jijjiirrattus
Dhibee gammoojiitiin
Yoo dararamtus
.
Ilmaan gadadoof dhiphinaa
Sirratti wal horee
Gufuuf qarri jirmaa
Waraanee si muree
.
Waakkii bishaaniitiin
Dhaanamtee yoo bultu
Waan dhugduu dhabamee
Yoo corroqa dharraatu Continue reading

Waldaaleen Waaqeffannaa Cufaman!

Aside

Hanga ammaatti gabaasaa nu qaqaabeen, waldaaleen Dhaabbata Gumii Waaqeffannaa bakkeewwan Oromiyaa gargaraa keessatti cufamuun beekameera. Bara 2015 keessa Dhaabbati Gumii Waaqeffannaa Gumii Caffee Naqamtee,Buraayyuu fi Maqii akkasumas Daaroo Labuutti taasiseen,Gumiilee gargaraa ijaaruun,Gumii tokko “Waldaa Waaqa tokkichaa” jedhu illee Oromoota Goojjam Bahaatiin hundeeffamuu isaa ifa taasisuun beeksisee ture. Gumiin kun Amantaa kan Bulchiinsa Gadaa Oromoo jalatti argamu barsiisuun,ilaalchi Oromummaa illee daran akka babal’atu taasisuun,naaannoowwan dhaabbileen barnoota ol’aanoo kan akka Yuunibarsiitotaa fi Kolleejjotaa bakka jiranitti Gumiiwwan Aadaa Seenaa fi Dagaagina Afaan Oromoo wajjin ta’uun dhimma guddina aadaa fi seenaa akkasumas eenyummaa Oromoo irratti hojii bal’aa hojjeteera Gumiin Amantii kun,akkuma uummata Oromoo ijaaruu jalqabeen wayyaaneen yaaddoo keessa seenuun,dhaabbati kun yeroo ammaa kana Oromiyaa keessatti dhaabbatoonni Amantaa hedduun tajaajila kennaa yeroo jiraniitti hordoftoota amantaa Waaqeffannaatiin isin dhaaba ABO deeggaruuf malee amantaaf miti jedhamuun iddoowwan gargaraatti adamoon yeroo bittinneessaman,iddoowwan heddiutti immoo tiki itti hammaachuurraan kan ka’e,Waaqeffattoonni bakka Amantaa isaanii kanarraa Waraana komaandi posti Wayyaaneen dhorkamuu isaanii oduun Waaqeffattoota Daaroo Labuu,Galma Nawamteefi Galma Maqii irraa argannee addeessee jira!

Yaadannoon Waggaa 11ffa FDG/FXG gaafa Sadaasaa 12, 2016 Minnesotatti kabajame

Aside

Sadaasa 9,013Fincila Didda Gabrumma wagga 11ffa sababa gochuun qophiin Yaadannoo fi kabajaa guyyaa kana Konyaa Oromiya Minnesotatiin qindaawee Sadaasa 12, 2016 magaalaa Saint Paul, galma Concordia University keessatti sirna ho’aan kabajamee oole.

Guyyaan kun yaaddannoo waregaamtoota keenyaa kabajuun kayyoo isaan kufaniifis bakkaan ga’uuf Fincila Xumura Gabrummaa guutumma Oromiya keessatti deemaa jiru tinnisuuf hawaasa  mariisisee dinagdee argamsiisu irrattis milkaa’ee jira. Qophiileen wal-fakkaatoon adunyaa mara irra bakka caasaan Adda Bilisummaa Oromo jirutti deema akka tures ifaa dha.

Keessummootni guyya kana argaman gama hooggana Dhaabaatiin J/Ararso Biqilaa, MKHR-ABO fi itti gaafatama Damee Dhiheessi akkasumas J/Goollicha Dheengee, MGS-ABO fi Ajaajaa Waraana Zooni Kibba yeroo ta’an karaa bilbilaa suduudaan dhaamsa balla dabarsaan.  Dr. Mosisa Aaga keessumma keenya Alabama irra qaaman nuuf argaman yero ta’an Dr. Moosisaan barnoota balla ka’umsa FDG fi hidhata inni QEERROO waliin qabu bu’ura isaa irra hanga ammaatti ragaa dhaan Hawaasaaf ibsa ballaa kennanii jiru. Continue reading

Yaadannoo FDG 2016 fi  Tinnisa Diinagdee  Sochii QBO’f taasifame!

Aside

Oslo,   Sadaasa 12, 2016
 
Gamtaa QeerrooYaadannoon Fincila Diddaa Garbummaa  waggaa 11ffaa sababa gochuun qophii kutaa ABO Scandinavia fi Konyaa ABO Oslo waliin ta’uun qopheessan, Sadaasa 12, 2016 bakka MSG-ABO; J/Dr.Shigux Galataa fi J/Jirenya Guddata, Qondaalonni, miseensonni fi deegartoonnii Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) argamanitti sirna ho’aan magaala Oslo itti kabajamee oole.
Sagantaan guyyaa yaadannoo Wareegamatootaan eegaluun Faaruun Alabaa Oromoo faarfatamee jira. Yaadannoo Guyyaa FDG ilaalchisee J/Dr. Dhugaasaa Namee barreessaan Kutaa ABO Scandinavia  ibsa gabaabaa kennee jira.
Zoonii kibbaa irraa Miseensi WBO kan ta’e J/Amaan Filee  karaa bilbilaa sududaan  haala qabsoo Bilisummaa Oromoo fi WBO yeeroo amma sadarkaa maal irra akka jiru ibsa bal’aa kennee jira. Itti fufuun Miseensota fi Deegartoota ABO, waan qabanii fi waan danda’aniin ABO fi WBO bira dhaabataa jiran galateefatee jira. Haata’u malee yeroo amma baay’inaa WBO  fi leenjii kennamaa jiruu fi qabsoo keenya caalaa furgaasuuf yeroo kam caalaa deegarsi QBO’f barbaachisaa akka ta’ee ibsee jira. Kanaaf Oromoon biyya Alaa keessa jiru dirqama Oromummaa fi boru kan seenaan isa gaaftu  tinnisa diinagdee deegarsa WBO’f oolu dachaan  akka gumaachani yaadachiisa dhaamee jira.

Continue reading