Titiisni Ni Huursiti Malee, Qodaa Hin Buqqiftu !

Aside

Dabaree Seenaa Irraa

4965Diinni Oromoo hundaa olitti Adda Bilisummaa Oromoo sodaata. Guyyaa Addi Bilisummaa Oromoo bu`uureffame kaasee hanga har`aatti diinotni dhihoo fi fagoo, keessaa fi alaan dhaaba irratti duuluu irraa takkaa adabatanii hin beekan. Sababa duulli dhaaba irratti banamuuf kunis; dammaqinsaa fi ijaaramuu ummata keenyaaf ABOn bu’uura waan ta’eef; kana malees Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Ummata Oromoof waan qabsaawuuf. Ajandaaleen holola adda addaas kan diinaan wixiname ABO irratti wal irraa citinsa malee gaggeeffamuuf kanumaafi.ABO fi Ummata Oromoo gargar baasuuf, Diinotni ganama tokko ka`anii Adda Bilisummaa Oromoo dhabamsiifne kana booda boqonnaa arganna jedhanii labsuu, galgala ammoo ABOn bakka akkasiitti osoo inni tarkaanfii fudhachuuf socho`uu qabanne, ABO tu akkas godha jechuun waan ofumaa dubbatan deebi`anii falleessuun shirri isaan kaabaa oolan diigamaa har`a gahe. Bifa kamiinuu Adda Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuun akka hin danda`amne diinni keenya tolchee beeka. Kana waan hubatuuf afaan qawween sabicha hanga gaafa dhabamuu isaaniitti bituuf ijibbaatu.

Gantoota sabaa warreen garaaf gugguufan of cina buusuun ABO irratti hololchiisu. Continue reading

Rakkoo Koleeraa Biyyattii Dhaqqabee Jiruun Sababeeffachuun Mootummaa Wayyaanee Shira Jabaa Xaxaa Waan Jiruf Of Eeggannoo Jabaan Nii Barbaachisa

Aside

Sadaasa 21,2016

Rakkoo Koleeraa Biyyattii Dhaqqabee Jiruun Sababeeffachuun Sirni bulchiinsa Wayyaanee Shira Jabaa Xaxaa Waan Jiruf Of Eeggannoo Jabaan Nii Barbaachisa
Ummanni Oromoo afaan Qawwee diinaarraa damdamatee saatii warraaqsa waloo dhoosee jiru kanatti icciita gadi fagoo fayyaadamuun balaa koleeraa biyyattii mudaterraa bilisa taatu jechuun Lixa Shaggar bakkeewwan hedduutti qoricha summaawaa laachaa jiraachuun lubbuu ilmaan Oromoo hedduu gqlaafataa waan jirtuuf Uummanni Oromoo gama maraan of eeggannoo jabaa taasisuu akka qabu Qeerroon hubachiisa.

Kalukalamiin Barnootaa Hanqina Baajeta Supha Jedhamee Itti Yaadamee Jijjiramuuf Qophiin Cumurame

Aside

Sadaasa 23,2016
Wayyaaneen TPLF dhimma hanqina baajetaa mudate suphachuuf guutummaa biyyattii keessatti sirna baruuf barsiisuu manneen barnootaa sadarkaa olaanoo irratti waggaa tokko tokko ida’uuf qophii xumuraa jiraachuun dhaga’ame.Haaluma kanaan barattoota moora Yuunibaesiitii hunda keessattuu wagaa tokko tokko ida’uun garaagarumma waggaa tokkoo gidduutti baajeta qisaasame deeffachuuf mala salphaa taasifachuun uummatatti gadi baasaa jirachuu maddeen garaagaraa gabaasa jiru.Department hunda irratti waggaa tokko tokko ida’uun baru dhuguu ka’ee hojiirra nii oola jedhamee yaadama.

Seenaa Gootota Oromoo- Tolchaa Wagii Irraa

Aside

Tolcha Wegi15135763_1183407701751915_4818155840607933021_n irraa #SeenaaGootaa-Otumaan ta’ee yaadan wa’ee keenya kana ol basee, gadi busee dawwadhuu, yeroo hunda namini ija koo funduraa hin banne natti dhufe . Namini kun akka abbatis, akka obboleessatti nama na gorseewaan hunda na keessatti uume yoon jedhe sooba dubbachuu koo miti.Nama jalatamaa kanaan Oromommatu mana rakkoo keessatti wal nubarsiise.Namini kun amma lubbudhan hin jiru.Wareggameera. Inni waregamuus seenaa isaa Irriyoota koo fb irra jiraniif qoduun natti mullaate. mee kunoo qodadhaa.Maqaan isaa Nagasaa Kumsaati.

Dargiin namoota akka Mullataa Fayisoofa Jalduutti eerga nu biraa fiixee namooni lubbuun haafine sababii adda addatiin harka isaani seenne. Dugiddi keenya amma qunca’uutti reebamine. mana hiidhaa Amboo keessatti lukitti keenya sansalaata(Chain) Kilo grama 10 ulifatun hidhamine teenye mana hiidha keessatti boolli nutti itti ajjeefaminu balinaan qotameera. Continue reading

Don’t call me Shawaa!

Aside

By Rundassa Eshete

Don’t call me Shawaa,
Because that’s not my name,
And don’t call me Wallagga…
Because to me it’s all the same.
I’m not your “Shawaan”
because I was born as an Oromian,
And I’m not from west Shawaa…
So don’t attach to me your Habasha plate,
Just because you love to imitate,
As if you can’t think on your own,
Using your own able brain. Continue reading

Godina Wallaggaa Ukkee Qarsaa Bakka Jedhamutti Waraanni Wayyaanee Diddaa Ummataa Qabaneessuuf Hidhaa fi Reebicha Raawataa Bahaa Jira.

Aside

Sadaasa 21,2016 , Godina Wallaggaa ,Guutoo Giddaa Ukkee Qarsaatti Yakka Tokkoon Alatti Erga Manni Murtii Akka Lakkifamaniif Ajaje Baaseellee Humni diinaa Aangotti Fayyadamee ummata Hidhaa Jiraachuun Himame.
Erga biyyi keenya biyyi Oromiyaa afaan qawween buluu qabdee kan ture ta’ulle dhiyeenya of tultoti kallatti kan labsatanii hojiitti bobba’nii jiran,oggayyuu uummata kunaanuuf gidirsuu itti fufaanii jiran. Haaluma Kanaan jiraataa magaalaa Ukkee kan ta’an Obbo Oliiqaa Raggaasaa sababa tokkoon alatti mana hiraarsaa keessatti erga baatiwwan hedduu dabarsaniin booda manni murtii bilisa kan baase ta’ullee Waajjirri polisaa humnaan qabee hidhee jiraachuu odeesse Qeerroo Ukkee gabaasanii jiran. Continue reading