Mudde 09,2016/ Yeroo mootummaan goolessituu wayyaanee maqaa labsii hatattamaa komand post (State emergency) maqaa jedhu da,oo godhachuudhaan ilmaan oromoo akkaan ajjeesaa kanneen hafan immoo jumlaan mana hidhaatti guuraa jiru kanatti kaanimmoo mana jireenyaa isaanii irraa saamuudhaan biyya isaanii fi lafa abbaa isaanii irraa yeroo godaansisaa jiru kanatti gootowwan qeerroon guutummaa oromiyaa keessa jiran warraaksa biyyoolessaa jabeessuudhaan diina waliin wallaansoo jabaa geggeessaa jiru.
Torbee kana keessas mootummaan Sirni bara bittaa isaa harkatti hunkutaa,e maqaa ayyaana sabaaf sablammootaa jedhuun uummata oromoo guutummaa oromiyaa keessa jiran dirqiidhaan akkaa uummanni ayyaana kana kabajuuf jaladeemtota isaa uummata irratti bobbaasuun yaalii jabaa akka ayyaanni kun kabajamuuf geggeessullee warraaksa qeerroon yeroo ammaa geggeessaa jiruu fi diddaa uummanni gochaa jiruun guutummaan ayyaana sabaaf sablammootaa kun qeerroodhaan golee oromiyaa mara keessaatti akka hin kabajamneef addaan fashalaa,ee oolee jira.Mootummaan wayyaanee dur ayyaana sabaaf sablammootaa maqaa jedhuun hololaan kan lafa cabsaa ture barana garuu qabsoo jabaa qeerroon godinaalee oromiyaa hunda keessatti taasisaniin guutummaan ayyaaninichaa addaan fashalaa,ee jira. Continue reading

ABOn ibsa mata duree “Maqaa ABOn Afanfajjii Uumuun Qabsoo Bilisummaa irratti Yakka Raawwatuu dha,” jedhu jalatti har’a baaseen akka hubachiisetti, shirri yeroo addaddaa ABO dadhabsiisuuf raawwatamaa ture akkuma hin milkoofne, kan gara fuulduraas akka maseenu eere.
