Category Archives: Oduu/News
Waraanni TPLF Waan Qabee Gadhiisu Dhabee Jiru Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaa Magaalaa Dodolaa Keessaa Ummata Nagaa Hidhaa Jira.
Aside
Bitootessa 7,2017/ Godina Arsii lixaa Aanaa Dodolaa Magaalaa Dodolaa keessatti guyyaa har’aa waraanni Wayyaanee TPLF mana manarra deemuun namoota nagayaa buufata konkolaataa magaalaa Dodolaa keessatti walitti qabee konkolaataan fe’uudhaan gara mana hidhaatitti guuraa oole,hanga ammaa namoota 300 dhibba sadihii ol hidheera galgala kanas magaalattii keessatti ummata daandirraa qabee reebaa jira. Continue reading
ONN: TV Oromiyaa
Aside
Godina Wallagga, Magaalaa Naqamtee Keessaa Maqaa Malaammaltummaa fi Hooromsa Jedhuun Hojjettooti Tel Ukkaamfamaa Jiri
Aside
Bitootessa 7,2017, Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessaa maqaa malaammaltummaa fi hooromsa jedhuun wal qabatee hojjettoonni waajira teelee magaalaa Naqamtee keessaa heedduminaan ukkaamfamaa akka jiran maddeen Qeerroo Leeqaa gabaasan.
Waajjira teelee kan mootummaa magaalaa Naqamtee keessatti baatii kana keessa sirni saamichaa fi humnaan qabeenyaa uummata oromoon duroome murni bicuu Wayyaanee hojjetoota teelee kan waajjira teelee magaalaa Naqamtee keessaa hojjetan irratti kisaaraa birrii miiliyoona 36 malaammaltummaan hojjetoota kanneen irratti waan argameef jecha heedduminaan hojjettoonni waajjira teelichaa ukkaamfamaa jiraachuu Qeerroon leeqaa gabaasee jira. Continue reading
Waraanni TPLF Godina Arsii Aanaa Roobee Magaalaa Roobee Diida’aa Keessatti Dargaggoota Hidhaa Keessaa Gadhiifaman T-shirt “ Irra Hin Deebi’amu” Jedhu Ifii Qpheessee Itti Hire Uffachuu Diddan Jedhee Qabee Hidhaa Jiraachuun Beekame.
Aside
Bitootessa 6,2017
Godina Arsii keessatti kumaand poostiin ummata nagayaa hidhaan dararuu itti fufuun Aanaa Roobee Magaalaa Roobee Diida’aa keessatti namoota Xoollayitti hidhamanii gadhiifaman Sababii namootni hedduun T-shirt Irra hin deebi’amu jedhuufii barruulee Wayyaaneen itti hirte gubanii fi balfa keessatti darbaniif jecha Namoota gara dhibbaaf Shantamaa 150 ta’an Gamoo 2020 Opin Kolleejjii keessatti hiitee erga dararuu eegaltee torbaan gahaa jira,Yeroo ammaa haalli ummanni magaalattii keessa jiru baay’ee yaaddessaa ta’uun dhagayamaa jira. Continue reading
“Lammaa Magarsaa fi Sabboontonni OPDO Tokko Tokko”?!
Aside
Baarentuu gadaa Irraa
Sabboonummaan maali, eenyutu sabboona dha? Eenyu yoo maal godhee fi hojjete sabboonaa jedhama” Gaafii jedhuuf deebiin namootaa ykn akki itti sabboonumaan ifu namootarra namootatti addaa addummaa xixiqqoo qabaachuu mala. Haata’uutii dhugaan nama hundumaa walii galchu jechi “Sabboonummaa” jedhu walittii hidhaa jechoota lamaa ta’uudha. Hikkaan jechoonni kun walitti qaanja’uun kennanis ifa waan ta’eef burjaaja’ins hiikoo gama kanaan muldhatu hin jiru. ykn harki guddeessi namaa ibsa dabalataa malee hiikoo jecha kanaa irratti walii gala.
Sabboonummaan jecha “Saba” jedhuu fi “Boonuu” jedhurra akka maddu eenyufuu ifaadha. Jechoonni kun lamaan walitti qaanja’uun ergaa barbaadamu dabrsaa turaniiru dabrsaas jiru. Saba + Boonuu= Sabboonaa, sabboontuu, sabboontoota jechuu dandeenya.
Maddi jecha kanaa erga kana ta’ee ergaan isaas maal akka ta’e eenyufuu ifaadha. Jechi sabboonaa ykn sabboontuu jedhuu kun kallattiidhaan ergaa “Saba ofiitin boonuu” jedhu dabarsa.Saba ofiitiin boonuun ammoo nama afaan Oromoo dhagahu maraafuu hikni isaa ifaa dha. Continue reading
Understanding the negative impacts of side issues (barriers) on Oromo Struggle, By Dr. Teessoo
Aside
Dr,Qadiidaa Show – MARII WAYEE QEERROO, Dura ta’aa Waldaa Tumsa Qeerroo Idil-Aduunyaa Obbo Tashoomaa Diimee
Aside
Kutaa 2ffaa Continue reading