Category Archives: Oduu/News
SBO Ebla 21,2017. Oduu, Gabaasa sirna kabajaa GGO fi gaaffii fi deebii hirmaataa kora kutaa ABO Kanadaa waliin taasisame
Aside
Oromiyaa Keessatti Labsiin Muddamaa Erga Labsamee Asitti Hawwaasi Bitee Gurguruun Hammaataa Jira.
Aside
Ebila 20,2017
Oromiyaa keessatti dararaa hamaan uummata Oromoorra jiraachuu eenyullee kan beeku yoo ta’u. Daraaraan kuna akkaan hammaataa dhufuusaas yeroo gara yerootti gabaafamaa kan jirudha. Duullii diinni Uummata Oroomoorratti banee jiru kun ittuu kan hidda fagaaffatee jiru ta’uun, qote bulaan, daldalaan, barataan balaa kanaan hedduu miidhamaa jira. Keessattu erga labsii kana labsitee asitti uummata Oromoo qabeenyaa qabaachuu isaaf Oromoo ta’uusaa qofaaf hidhuun reebuun waan baratamedha. Continue reading
Aside
Al Jazeera English- Hundreds of civilians have been killed during violence in Ethiopia since August 2016.
Aside
Aside

Sagantaa Mijuu Seenaa, Oromoo TV- Dr,Shugux Galataa Waliin
Aside
ONN EBLA 20 2017 QOOPHII UUMMATA
Aside
Dhaamsa Itti Fufinsa Ebla 15 Yaadannoo Guyyaa Gootota Oromoofi Sochii Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Ilaalchisuun Hooggana Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.
Aside
Baatiin Eblaa Uummata Oromoo fi mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessaatti seenaa bara baraan hin dagatamnee kan qabudha. Ebla 15/1980 Hooggantootni ABO olaanoon Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa uummata Oromoo gonfachiisuuf qabsoo gitaa finiinsaa utuu jirani harka Shiftaa Somaaliyaa bu’uun wareegama qaaliif saaxilaman. Oromoon akeekaa fi kaayyoo tokkicha qabu ilaalcha amantaa fi gita fedhee kamiin iyyuu adda bahuu akka hin dandeenyee lubbuu isaanii qaalii kennuun dhiigaa fi lafee isaaniitiin mirkaneessan. Kun seenaa Uummata Oromoo keessaatti SIIDAA YAADANNOOfi SIIDAA YAADANNOO TOKKUMMAA UUMMATA OROMOO qabsoo dhugaan ijaaramee isa dorgommii hin qabnedha, Kanuma irraa ka’uun ABOn Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo kanneen barootaa fi yeroo garaagaratti wareegama qaalii baasaniif bakkuma tokkotti akka kabajamuuf murtii jarmiyaan dabarseen Ebli 15 Guyyaan Gootota Oromoo bara baraan yaadatamaa turee fi ammas yaadatama kan jiruu bara baraanis kan hin dagatamnee dha.IBSA EJJENNOO MISEENSOTA ABO KUTAA KANAADAA
Aside
Korri Miseensota ABO Kutaa Kanaadaa Ebla 14-16/2017 Magaalaa Toroontootti geggeeffamaa ture milkiin xumuurame. Korri kun Akkuma aadaa Oromootti Eebba Maanguddoon baname, Faaruun Alaabaa akkasumas yaaddannoo gootootaan jelqabame. Itti aansuun D/T Konyaa Mul`is A/Gadaa J/Hundee Eebbaa Miseentotaan baga nagaan dhuftan jechuun simannaa godhe booda J/ Fiqaaduu Eebbaa D/T Kutaa Kanaadaa haala Sagantaa koraa ibsan.
J/Odaa Xasee MSG fi I/G Birkii Jaarmiyaa fi Siyaasaa ABO-BA, miseensotni Adda Bilisummaa Oromoo Kutaa Kanaadaa keessa jiran hundi amanna dheeraa fi karaa fagoo deemuun Kora kana irratti argamii fi Konyaa Kora kana qopheesse galateeffachuun Kora sirnaan banan.
Kora kana irratti hoggannootni dhaabaa J/Ibsaa Nagawo MKHR ABOfi J/Morkataa Guutuu MGS ABO irratti argamaniiru. Continue reading
