Category Archives: Oduu/News
Gamtaan Barattoota Oromoo (GBO)n Haala Yeroo Biyyattiin Keessa Seentee Jirtuufi Yakka Waraanaa Ummata Oromoo Irratti Gaggeeffamaa Jiru Ilaalchisuun Ibsa Gabaabaa Kenne.
Aside
Sochii Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa dhaamsuufi dura dhaabbachuuf yakka waraanaa Mootummaan abbaa irree Wyyaannee raawwachaa jiru daran hammacha jira. Mootummaan Wayyaanee sodaa guddaafi yaaddoo Sochii Warraaqsaa FXG ummatni Oromoo akka waliigalaatti ittifufinsaan gaggeessaa jiru irraa ka’uun labsii muddama (state of emergency) isaa dheereffachuun biyyattii addatti immoo Oromiyaafi Uummata Oromoo waraanaan gooluu ittifufee jira.
Abbaan irree Wayyaanee baha Afrikaa biyyattii keessatti Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa raasee isa qabee jiru tasgabbeesinee nagaa buufneerra jedhee miidiyaa dharaa of harkaa qabuun ummataa biyyattiifi hawaasa addunyaa gowwomsaa jiraatuyyuu biyyattii keessatti nageenyi akka hin jirreefi sochiin Warraaqsaa uummataa roga hundaan hudhee isa qabee kan jiru ta’uu dheerachuu labsii muddamaa (state of emergecy) irraa kan hubatamuu yoo ta’u, haala rakkisaafi kufaatii irra gahee jiraachuu kan mirkaneessuu ta’uun wal nama hingaafachiisu. Dabalataanis, komishiiniin mirga namummaa Itoophiyaa gabaasa sobaa baasuun yakka waraanaa mootummaan wayyaanee ummata oromoofi saboota cunqurfamoo irratti raawwate dhoksuuf yaalaa jiraachuun beekamee jira. Continue reading
SBO Ebla 23,2017. Oduu, Ibsa ABO fi Gaaffii fi deebii J/Soorii Sinyoor waliin godhame
Aside
Aside
Ebla 20/2017) Gidduugaleessaa Oromiyaa Godina Lixa Shaggar Aanaa Dandii Magaalaa Giincii fi naannoo isheetti Ebli 15 Guyyaan Gootota Oromoo Qeerroo dargaggoota Oromoo , Sabboontota Oromoofi Qabsaa’ota Oromoo baadiyyaa fi Magaalaa jiraataniin bifa ho’aa ta’een kabajame. Kaayyoo Gootota Oromoo daran tarkaanfachiisuun Qabsoo Bilisummaa Oromoo galiin gahuuf irbuu isaanis haaromsatan. Killee Bofa Irraa Wucii Lukkuu hin Eegan (Ibsa ABO)
Aside
Ebla 18, 2017 gabaasaa “Komiishina Mirga Namoomaa Itophiyaa”, Mana Marii mootummaa Wayyaanee/EPRDF irratti dhihaateen, gaaffii karaa nagaa ummata Oromon dhihaataa turee fi Ayyaana Irreechaan wal qabatee lammiileen Oromoo ajjeefaman 462 tahuu, bulchiinsa Amaaraa keessaa 140, Ummatoota Kibbaa irraa 34 ajjeefamuu gaafatamaan Komishinichaa Miseensi ABUT Addisuu Gabregzabiher gabaasa dhiheesseen ibsee jira.
Qormaatni qaama komiishina Mirga Namoomaa Itophiyaa Wayyaaneen durfamu kanaan dhihaate akkuma eegamaa turetti dhumaatii ummata Oromoo irra gaheef qaama dhimmi hin ilaalle ykn gaafatamaa tahuu hin qabne gaafatamaa taasisuun kan haqaaf hin dhaabbanne tahuu mirkaneesse. Komishinni kun kanneen gaafatamoo taasise keessaa tokko ammoo Ummata Oromoo, ABO, KFO, fi OMN dha. Continue reading
ONN – DIINQA OROMOO:Dhimma Dubartootaa fi Oromo TV: International Oromo Health Professionals Association Inaugural Conference
Aside
Wayyaaneen TPLF Tahe Jedhee Balaa Beelaa Guutummaa Biyyattii Keessaatti Dabalaa Jira.
Aside
Eebila 22,2017
Rakkoowwaan garagaraan kanneen akka saamicha lafaan hawwaasii lafa isaa qootachuu dhabuun akkasuma rakkoowwan gama Mootummaan uummata dhaqqabaniif karaa qilleensa biyyaa baduun gaaga’ama dhufeen lammiilee biyyaattii miliyoona lamaa ol beelaan dhaanamaa jiraachuu madden gabaasan. Keessattuu sabaabaa gubiinsa Bosonaa Wayyaaneen Oromiyaa irraatti fudhataa jirtuun Oromiyaa bakkeewwaan danuun beelaa’aa jira. Continue reading
Godina Arsii Magaalota Gara Garaa Keessatti Waraanni TPLF Ummata Dararuun Hammachaa Deeme.
Aside
Ebla 21,2017
Godina Arsii Magaalota gara garaa keessatti waraanni mootummaan Wayyaanee TPLF bobbaafte karaa hundaan ummata nagayaa hiraarsuu itti fufee jira.Ebla 20/2017 Godina Arsii Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiqaa keessatti waraanni feederaalaa halkaniin Hoteela Abbaan qabeenyaa Caalaa Guutamaa jedhamu seenudhaan ummata nagayaarratti reebicha hamaa raawwachuudhaan namoota lakkoofsi isaanii hedduus mana hidhaatitti guuruun dhagayamee jira,karaa biraatiin Abbaa Qabeenyaa kana jalaa maallaqaa Qarshii kuma kudha sagal 19000 saamuun abbaa qabeenyaa kanarraanis miidhaa gayuun isaanii gabaafamee jira.
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Ebla 21, 2017
Aside