Wayyaaneen TPLF Qalbii Ummataa Butachuuf Jedhcha Shira OPDO Keessaan Xaxaa Jirtu Itti Fufee Jira.

Aside

Caamsaa 7,2017/ Godina Arsii Lixaa Aanaa Wandootti OPDOn dargaggoota hojii dhabeeyyii miseensota ofii gochuuf Qalbii dargaggootaa hatuuf tattaafataa jirti.Aanichatti Kaadiree wayyaanee hojii dhabdoota jechuun baajaajota bitanii kennuufidhaan dargaggootan baajaajiis ta’e konkolaataa hojii isiniif binnaa koottaa gurmaayaa miseensa Dhaabaa ta’aa jechuun kaabinoota gandaatin kadhatamaa jiru.

Gama biraan Godina Arsii Aanaa Siree Keessatti Wayyaaneen Miseensa Inshuraansii fayyaa maqaa jedhuun lallabaa turuu isii gabaasuun keenya ni yaadatama. Guyyaa har’aa kanallee Dilbata Ummata maqaa kanaan walitti qabanii siyaasaa isaanii bakka duritti deeffachuudhaaf Lallabataa oolanii jiru.Ummannis gaafii babbareedoo haala yeroo ammaa Oromiyaa fi Ummanni Oromoo keessa jiruun Mataa Ergamtoota wayyaanee dhukkubsaa oolee jira. Continue reading

Ibsa ABO: Finfinneen Lafa Oromoo ti

Aside

Lammiilee Lafa

ADDA BILISUMMAA OROMOO

OROMO LIBERATION FRONT

(Ibsa ABO)

Mootummoonni Itoophiyaa dhufaa-dabraan ummata Oromoo fi cunqurfamtoota Impaayerattii keessaa biroo diinagdee fi siyaasaan moggeessuuf saamicha lafaa akka imaammatoota isaanii keessaa isa tokkootti dhimma itti bahan. Qonnaan bultootni Oromoo miliyoonotaan lakkaawaman dachee akaakilee-abaabilee isaanii irraa buqqifamuudhaan tajaajiltoota murna aangoorra jiruu taasifamaniiru. Adeemsi kun hanga har’aattis akka itti fufetti jira. Murni Itoophiyaa amma aangoorra jiru kan Adda Bilisummaa Ummata Tigraay(TPLF)n hogganamu dhaaba maxxannee akka OPDO ofii isaatii bixxillate waliin tahuudhaan yakka walfakkaataa bifa irra hammaateen raawwataa jira. Continue reading

Godina Arsii Aanaa Jajuu keessatti Manni Maree Aanichaa wal gahii ariifachiisaa jechuun Miseensota isaa walitti qabee marii gaggeessaa jiraachuu Qeerroo gabaase

Aside

Caamsaa 6 ,2017/Godina Arsii Aanaa Jajuu keessatti Manni Maree Aanichaa Wal gahii Ariifachiisaa jechuun Miseensota Isaa walitti qabee Marii gaggeessaa jira.Akka Odeessi Achii Arganne himutti.Ciminaan wanti gadi fageessanii irratti marii gaggeessaa jiran.

Dargaggoota Maqaa Qeerroo Bilisummaa jedhuun gurmaayanii Kaayyoo Adda Bilisummaa Oromoo ABO Galmaan gayuudhaaf sochii godhaa jiranii fi turan Aanaa keenna keessaa qulqulleessinee dargaggoota gurmeessuun hojiitti galchuu qabna.Dargaggoonni Gurmaayuu didanii akkanumaan jiraatan bakka hundatti karaa isaan hin beeyneen duubni isaanii qoratamuu qaba.Dargaggoon carraa hojii mootummaan mijeessef irratti Dargaggeessi hin gurmoofne Miseensa ABO ta’uun isaanii beekamee Qaamolee nageenyaatiif Dabarsinee kennuun Aanaa keenna haa qulqulleeffannu jechaa jiraachuu maddeen Qeerroo Aanichaa gabaasee jira.

Kana malees gama kaaniin Continue reading