Category Archives: Oduu/News
ONN: Gaaffii fi Deebii Itti Aanaa HD ABO Jaal Dhugaasaa Bakakkoo waliin
Aside
Caamsaa 20 Gaadituu Bilisummaa Saboota Cunqurfamoo
Aside
Caamsaa 28 2017
Dachaasaa Deebisaatiin
Ilmaan gita bittuu Habashaa, egeree saboota cunqurfamoo keessattu sabota hidda Kush(Numibiyaa) haqaaquun maksuuf tattaafachaa turuun nii yaadatama. Aadaawwaan sabichaas kansaanii tasifachaa afaan saboota kanaallee bakka bakka walitti funaanuun afaansaanii godhaachaa as gahan. Ilmaan garboonfattootaa kun kanneen walqixxummaa sabaatti hinamanneef; kanneen olaantummaa isaanii qofa mul’ifachuu barbaadan yoo ta’u. Saboota biroo biyya Xoopiyaa jedhamtu kana keessaa barbadeessuuf irratti hojjechaa turuunsaanii seenaan nii yaadata. Saba tokkoon afaankee hindubbatin afankoon dubbadhu jechuun hanga arraba irraa muranitti gahaa turan. Kana fakkenya goonee yeroo mara kaasuu kan qabnu uummata Oromoo Raayyaa Qobboo jiraatuuf, Wallo Kamisee keessaa kaasuun nii danda’ama. Gochaawwaan ilmaan oftuultotaa kanaan Oromoon baroota darbaniif aangaa’ota Habashaa darban keessatti gootota hedduu dhabee jira. Afaan keessan hindubbattan jechuu qofaaf saboota Oromoo bakkeewwaan , Raayyaa Qobboo, Wallo kamisee, Goojjam Mattakkal, Kafaa ( har’allee sirna bittaa Wayyaanee kana keessatti mirgi isaanii kan kabajaamaa hinjirre) fi kkf keessa jiraatan irratti duguuggaa Aadaa, seenaa, afaaniif sabaa dalagaa as gahuun isaanii nii yaadatama. Continue reading
Riqicha-Gaaffii fi Deebii Addaa HD ABO, Ob Daawud Ibsaa -Kutaa 2ffaa
Aside
ONN/News/ODUU 5-26-2017
Aside
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Caamsaa 26, 2017
Aside
SBO: Caamsaa 26 bara 2017. Oduu, Ijoo Dubbii ABO fi Gaaffii fi Deebii Dr. Gizaachoo Teessoo waliin taasifame -Kutaa 3ffaa.
Aside
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Caamsaa 25, 2017
Aside
Raadiyoo Simbirtuu Qophii Caamsaa 25,2017
Aside
Simbirtuu: oduufi qophii IMALAA. Keessummootni lama haalaafi amala HD ABOobbo Daawud Ibsaa ijoolummaarraa kaasee hanga lltummaa Eritrea demanii leenjihanii dirree seenaniitti kan beekan himu.Seenaa namoota hedduus ni tuttuqu.Akkatti Dr Nagaasoo Gidaadaa ABO keessaa bahanifii gahee Dr Haayilee Fidaa QUBEE UUMUU keessatti qaban eeraniiru caqasaa.
Qeerroon Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Asaasaatti FXG Itti Fufan.
Aside
Caamsaa 24,2017/ Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Asaasaatti Gareen Ispoortii Bulchiinsa magaalaa Asaasaa Shaampiyoonaa liigii kilaboota Oromiyaa ta’uun gara liigii biyyoolessaatti darbee jira.kanumaan wal qabatee Qeerroon Dargaggoonni Oromoo Daandii Magaalattii guutudhaan NI MOONA TOKKUMMAAN NI MOONA YOOMUMAA
NIMOONA TOKKUMMAN ENSHUSHEEN DAANGAA OROMOO LIXXU IRRA IJJATTEE MORMA ISHEEN KUTTUU jechaa ooluu maddeen keenya magaalaa Asaasaa irraa gabaasanii jiru. Continue reading