Adoolessa 11,2017/ Godina Arsii Aanota hedduu keessatti Wayyaaneen Gaaffii Ummanni gaafachaa ture karaa hundaan deebisuuf kaane jechuun Taappeellaan Afaan Oromootin sirnaan haa barreeffamu jetti.Ergamtuun Wayyaanee OPDOn waggoottan 26 guutuu Ummata Oromootif hojjachaa turre akkuma jettee kijiba gadi naqaa turte Dagattee akka waan amma hirribaa ka’aa jirtuu godinaalee Arsii fi Baalee keessatti Continue reading
Category Archives: Oduu/News
SBO: Adoolessa 12 bara 2017. Adoolessa 13: Guyyaa Finfinnee ilaalchisee Qophii qindaahe Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.
Aside
Diraamaa Gabaabduu Sa’a ibidda Dhale keessa kan fudhatame.
Aside
Aside

Adoolessi 13-Guyyaa Fiinifnnee ti!
Ummatni Oromoo guyyaa gabrummaa jalatti kufe irraa kaasee bilisummaa fi walabummaa isaa deebifachuu wareegama baasaa as gahe. Ammas wareegama qaqqaalii baasaa jira. Boris, ifitaanis haga bilisummaan Oromoo mirkanaawuutti wareegama baasuun waan dhaabbatu hin ta´u.
Sabboontotni Oromoo hedduu golee Oromiyaa mara keessatti falmaa mirga abbaa biyyummaa isaani deebifachuuf diddaa godhaniin wareegama qaqqaalii baasanii jiru. Seenaan bara baraan isaan yaadatti, warri diddaa abbaa biyyummaa Oromoo irratti wareegaman bara baraan yaadatamaa jiraatu.
Bara 2001 keessa Gootooti barattooti Oromoo murtii dabaa wayyaaneen dhimma Finfinnee irratti dabarsite fi lukkeen hojiitti hiikuuf tattaafatte mormuun gaaffii kaasan, maanguddoon Oromoo kan Waldaa Maccaa fi Tulamaas hiriira nagaa bahaniif deebbiin isaaniif kenname reebicha, gidiraa, hidhaa fi ajjeechaa ture, Gaaffii kana waliin wal qabatee goototi barattoota Oromoo hedduu wareega qaalii lubbuu itti baasanii jiru, isaan keessaa warra dhimma kanaaf mana hidhaatti gidirfamaa fi rasaasaan rukutamanii ajjeefaman kumaatamaan lakkaawamu! Continue reading
ONN-Adoolessa 11,2017
Aside
Goototnni Sabboontoti Oromoo Godina Arsii Aanaa Wandoo fi Anaa Siree Keessatti Badhaasa Kijibaa ODPOn Qopheessite Didan.
Aside
Adoolessa 9,2017/Godina Arsii Aanaa Wandootti OPDOn Ergamtoota isii badhaasa isin badhaafna jettee ummata goyyomistu illee gootonni sabboontoti Oromoo hedduun isin harkaa hin fudhatnu jedhanii didan. Akkuma beekkamu Miseensotaaf hojjattoota isii dabalatee guutummaa Oromiyaa keessatti Ummanni Oromoo erga jibba wayyaaneef qabu karaa gara garaatiin agarsiisuu eegalee waggoonni hedduun lakkaawamanii jiru.Kanumaan wal qabatee OPDOn Museensotaaf hojjattoota isii kanneen moodeelii ta’an jechuun jibbaa Ummatni Isiif qabu keessattuu hojjattoonni isii keessaa balkeessuuf jettee geebafii sartifikeeta badhaasaa jiraachuu maddeen keenya wandoo gannat Irraa gabaasanii jiru. Continue reading
Godina Arsii Aanaa Gadab Asaasaa Keessatti Sabboontoti Gowwomsaa OPDO Diduun Dura Dhaabatan.
Aside
Adoolessa 9,2017/Godina Arsii Aanaa Gadab Asaasaatti OPDOn Ummata Gowwoomsaa jirti. Godina Arsii Aanaa Gadab Asaasatti Ergamaan Wayyaanee bulchaa aanichaa ta’e Obbo kamaal Tolaa Ummani Aanaa Gadab Asaasaa Humnoota badii biyyaa balleessudhaaf Fasydan addaa Umnanni Oromoo finfinnee irraa argatu sirrii miti jedhanii jeequnsa kaasuf deemu dura dhaabaachuu qaba. Continue reading
ONN: Oduu Oromia News Network Adolessa 8/2017
Aside
Baratooti Oromoo Yuniverstii Wallaggaa Irraa Eebbifaman Qabxii Cuunfaa Isaanii Dhorkaman.
Aside
Adoolessa 8,2017/ Yuunversiitii Wallaggaa keessaa baratoonni bara kana eebbifaman cuunffaan qabxii barnoota saanii mootummaa Wayyaaneedhaan akka yeroon hin laatamneef shirri baratoota moorichaa irratti dalagamaa jiraachuu qeerroon gabaase.
Barattoonni mooraa Yuunversiitii Wallaggaa keessaa bara kana eebbifaman cunfaan qabxii barnoota isaanii yeroodhaan kennamuu dhabuurraan kan ka’e barattoonni moorichaa rakkoo jabaa keessa seenanii gidirfamaa jiraachuu qeerron gabaase. Continue reading
Jiraattonni Godina Harargee Lixaa Aanaa Masalaatti Dhimma Finfinnee Irratti Labsii Bahe hin Simannu Jedhan.
Aside
Adoolessa 8,2017/ Godina Harargee lixaa Aanaa Masalaatti Dhimma finfinnee irratti Labsii bahe hin simannu jedhan. Guyyaa Sanbata har’aa Wayyaanen Mormiin waa’ee funfinneetin ka’uutu mala jettee waan shakkiteef Ummata wal gahii yaaftee haala nageenya naannoo keessanii cimsadhaa eeggadhas. Dhimmi finfinnee dhimma gadi bu’ee ummanni irratti mari’atu malee kan xummuramee miti jechuun ergamtoonni wayyaanee Ummatatti Continue reading