Video itti aanu Continue reading
Category Archives: Oduu/News
Onko 16,2017 Wallagga Ukkee Qarasaa, Diddaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Aside
QEERROO FI QARREEN QAROODHAA !!! QAROON BIYYAA HEGAREEDHAA !!!
Aside
Sochiin warraaqisaa Ummata Oromoon Biyya keessaa gaggeeffamaa jiru guyyuu jabaachaa deemaa jira. Toftaa fi tarsiimoon barbaadamus akkasuma. Qabsoon Oromoo jabaachaa deemuun, qaama sadii uumuun haqa.
- Qabsoon sabasaa jabaachutti ka gammadu.
- Diina qabsoo Oromoo sodaatu
- Isa gidduu mumunyuuquu ykn hinaaffuuf, dhiphuu itti uumuun waa hin oolle.
Dhugaan jiru Garuu, Qabsoon kun wareegama ulfaataa gaafataa waan jiruuf, xiyyeeffannaan isaa,isa 1ffaa qofaaf taati. Kun filannoo miti. Waan lubbuuti. Waaan jiraachuu fi dhabamuuti. Akka dhuunfaatti osoo hin taanee akka sabaatti kan herreegamu. Kanaaf filannoo tokkicha qofaaf tarkaanfataa jirra. Waan lubbuun itti wareegamtee ammo, bakka isaaf maluu odoo hin ga’iin hin dhaabbatu. Kana dhugeessuuf har’aa Qeerroo fi Qarree wabii waammachuun rakkisaa miti. Qeerroo fi Qarreen sochii har’aa taasisaa jiran, dantaa adda addaaf sharafanii akka barbaadanitti qajeelchaa hin jiran. Dhugaa saba OROMOO qofarratti hundaa’anii wareegama baasaa jiru. Ummata isaaniitti kabajaa itti horaa jiruu. kanaaf Ummata Oromoo guutuurraa amantaa argatanii murannoo guutuudhaan tarkaanfachaa jiran Continue reading
Guyyaa Kaleessaa Qeerroon Bilisummaa Bifa Kanaan FXG Gaggeessaa Oolan.
Aside
Qeerroon Bilisummaa Magaalaa Naqamtee gootummaa jabaa dalaguun magaalaa Naqamtee dhuunfatanii Wayyaanee balaaleffataa ABO farfataa oolaniiru.
Alaabaan ABO/Oromoo Mallattoo Diddaa Gabrummaa fi Aasxaa Walabummaa Oromiyaa ti
Aside
(Ijoo Dubbii ABO Onk. 16, 2017)
Qabsoo haqaa Sabni Oromoo Walabummaa isaa gonfachuuf geggeessaa turee fi jiru adda durummaadhaan kan hoogganu Addi Bilisummaa Oromoo Akeekaa fi Kaayyoon isaa galma gahiinsa qabsichaa ti. Jaalalaa fi deggersi dorgomaa hin qabne kan Ummatni Oromoo Dhaaba isaa Adda Bilisummaa Oromootiif qabus Akeekaa fi Kaayyoo Dhaaba kanaa tolchee hubachuu fi kiyya jedhee itti amanuu irraa kan maddee dha. Kunis firii wareegamaa fi qabsoo hadhaawaa ABOn ummata ijaaruun waliin wareegamuu irraa kan argame malee akkasumatti bilaasha kan dhufe miti. Continue reading
Godina Wallaggaa Horroo Guduruu Magaalli Shaambuu FXG Akkanatti Gaggeessaa Oolan.
Aside
Magaalli Shaambuu Waan Abiishee Garbaa deebi’ee dhalate fakkaata. Gootonni Qeerroo Bilisummaa Oromoo guutuu magaalaa dhunfatanii jiru,alaabaan ABO/Oromoo magaala bakka maratti balali’ee jira,barattootii fi ummanni marti diddaa sirna TPLF itti fufanii jiru. VIVA Qeerroo Shaambuu!
Olmaa Oromiyaa
Aside
Onkoloolessa 17,2017 /Guyyaa har’aa Magaalaa Mattuutti Qeerroo fi hawaasni Oromoo marti hiriira bahuun tokkummaa isaanii agarsiisuun dhaadannoo dhageessaisaa oolanii nagaan galaniiru jedhee Qeerroon Aanaa Bachoo gabaaseera.Akkasumas Magaalaa Naqqamteetti Qeerrooni fi hawaasno Oromoo bifa addaan hiriira walirraa hin cinne adeemsisaa oluu isaani qeerroon naaf ifoomseera.
Bifuma walfakkaatuun Godina H.G.W magaalaa Shaambuuttis Qeerroo fi hawaasni Oromoo hiriira bahuun mormii isaanii dhageessisuun bifa ho’aadhaan adeemsisuun nagaan xumuruu danda’aniiru jedhee qeerroon magaalaa Shambuu kan odeeffannoo naaf kenne.
Akkasumas Godina Qellem Wallaggaas bifuma wal fakkaatuun hiriirri han itti fufee jiruu fi Godina Lixa Wallaggaa Magaalaa Gimbii fi Aanolee Godicha jala jiran mormii isaanii kan itti fufanii jiran ta’uu qeerroon magaalaa Mandii fi qeerroon Magaalaa Gimbii kan naaf ifoomsan.
*Bu’uuruma kanaan Qeerroon Godina Buunnoo Beddellees fincila kanaaf qophii isaanii xumuranii kan jiran ta’uu qaamaan magaalaa Beddelle..
Continue reading
Chawo Chawo Wayyanee!! Gimbii Wallaggaa FXG Itti Fufe!
Aside
“Ka’i Ka’i Qeerroo” Wallee Haaraa Artist Dawitee Mokonnon, 2017
Aside

