SEENAA Y.G (2005)
Umamni hundi seera qaba.Seerrii Qabu ka Namaa miti. Kan Waaqaati. Waan Seera Umamaa keessa jiru, Namni waa gochuu hin danda’uu. Yoo yaalellee badiima isaa labsata. Seera Umamaa kanaaf Oromoon bakka ol aanaa qaba. Oromoon kaleessa qilleensumarra Aadaa fi Seenaa kkf qofa jedhee fiigaa turee fi Oromoo Umamasaatti deebi’uuf qabatamaatti sochii taasisaa jiru gidduu garaagarummaa jiru wayita ilaalluu , Seera Umamaa guutuun hangama akka nama ykn saba tokko tokkummaan jabeessu arguu dandeenya.Seera Umamaa jechuun bu’ura walii galtee waa hundaa jechuudhaa. Nama dhuunfaa kaasee hanga sabaatti ka jiru, Continue reading

