Mooraa Jimmaa Yuunibarsiitii keessatti barattoota Oromoo irratti dararaa jajjabaan ga’aa turuu isaa gabaasaa turreerra. Dararaan barattoota ittuu jabaatee itti fufee kan jiru ta’uu gabaasni arganne ifa godha.
Barattoota Oromoo Oromummaa isaanii qofaaf hidhuun dararuun fuulleffatamee akka jiru barattoonni dubbatan. Haaluma kanaan barattoota seeraa 3 fi barattoota saayinsii komputeraa baratan akkasuma muummeewwan garaagaraa irraa Oromoo waan ta’aniif qofa guyyaa har’aa ukkanfamuun magaalaa Jimmaa mana hidhaa “Mentiinaa” jedhamu keessatti dararamaa jiraachuu gabaafame. Continue reading

