Category Archives: Oduu/News
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Mudde 29 2017
Aside
OPDO Irraa Jijjiirama Eeguun Lafa Loon Hinoollee Dikee Barbaaduudha
Aside
OPDO Irraa Jijjiirama Eeguun Lafa Loon Hinoollee Dikee Barbaaduudha
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 29, 2017
Finfinnee Oromiyaa
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Mudde 28, 2017
Aside
Yunibarsiitii Adaamaa keessatti yakkoonni Gudeeddii Shamaraa akkasuma shororkaa barataa akka malee daangaa darbee adeemaa jira. Barataan Oromoo ukkaanfamaa jira.
Aside
[SQ, Mudde 28,2017] Mootummaan wayyaanee jumulaan mooraa barnootaa olaanaatti humna waraanaa naqee jira. Waraanni kunneen yakkoota hammaataaf jallataa akkasuma yakka suukaneessoo barataaf barsiisota moorichaa irratti fudhataa jiru. Akkuma amaleeffatan shamara Oromoo irraan yakka gudeeddii raawwataa jiru. Xiinsammuu barattoota Oromoo irratti dhiphina hamaa naquurratti argamu. Barattoota Oromoo dargaggoota egeree biyyaa barnootarraa qabee ukkaamsuus itti fufee jira. Haalli moorichaa akkanaan saatii hammaataa deemetti barataan Oromoo wabii jireenyaa dhabaa jiraachuun gabaafame. Continue reading
Hidhamtoota Siyyaasaa Galmee Oliyaad Baqqalaa Jalatti Himataman Irratti manni Murtii Xoophiyaa Beellama Dheeraa Fudhate.
Aside
[SQ, mudde 28,2017] Artistoota Oromoo Oromummaa qofaaf yakkamanii hidhaman, Mootummaan garboomsaa Wayyaanee mana hidhaa keessatti ji’oota dheeraaf dararaa turee, gara mana murtii himata kan irratti bane ta’uun nii yaadatama. Artistoonni Oromoo afaan isaanii guddisuuf aadaa isaanii guddisuuf akkasuma rakkoo uummata isaanii baasanii waan sirbaniif kaawwan immoo Oromoo waan ta’aniif qofa kan hidhaman ta’uun ifaadha. Continue reading
Raadiyoo Simbirtuu Mudde 28,2017
Aside
ONN TV
SBO Muddee 29, 2017. Oduu, Nama Foon hin beekneef Somba muru mata duree jedhu jalatti qophii haala yeroo irratti xiyyeeffatuu fi Gaaffii fi deebii Artistoota Oromoo Jaalataa lammii, Margaa Wandimmuu fi Samiir Jihaad waliin taasifame kutaa 1ffaa.
Aside
Dawite Mekonen= “Yeroon Geesse” Oromo/Oromiyaa Music 2018 (Official Music Video)
Aside
Reebichaa fi Hiraarsi Barattoota Koolleejii Qonna Agaarfaa Daranuu Itti Cime.
Aside
Mudde 28,2017/ Dhiheenya kana barattootni Saba Tigree Yuunivarsiitii Addagiraat Sabaan adda baasanii barattoota Oromoo fi Amaaraa Yuunivarsiitii Addagiraat baratanirratti poolisii feediraa waliin ta’uun reebicha irratti geesisuun lubbuu dabarsuufi miidhaa qaamaa irratti geesisuun ni yaadatama. Haaluma walfakkaatuun kooleejii qonna Agaarfaagaafa guyyaa 3-4/4/2010 barattootni saba Tigree jeequmsa kaasuun barnoota addaan kutuun koolejicha gadi dhiisanii bahanii jiru.
Sababa barattootni saba tigree dhaabilee barnoota olaanoo keessatti jeequmsa kaasan irraa ka’uun mootummaan woyyaanee poolisii feediraalaa maqaa dhaabilee barnoota olaanoo nageenya eegsisa jedhuun akka achi keessatti maandhefatan godhuu danda’eera.
Haata’u malee sababbiin maandhefannaa isaanii nageenya dhaabilee barnoota olaanoo eegsisuu osoo hin ta’in,inumaayyuu jeequmsa kaasuun, barattoota saba Amaaraafi Saba Oromoo ta’an; Continue reading
