Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee yeroo ammaa Qeerroo fi Foollee jechuun walitti buusuudhaaf shira hamaa dalagaa akka jiru himame.

Aside

Amajjii 19,2018
Akka maddi oduu qeerroo goleewwan oromiyaa garaagaraa irra himaa jiranitti mootummaan gooleessituu wayyaanee qeerroo fi foollee gargar qoqqooduudhaan erga walitti buusee wal lolchiiseen booda yakka shororkeessummaatiin qeerroo himachuuf shira akkaan hammaataa ta’e dalagaa akka jirutu gabaafame.
Addattimmoo yeroo ammaa holola kijibaa kan tokkummaa qeerroo fi foollee addaan diigu karaa dabballoota sirna wayyaaneetiin facaafamaa akka jirantu addeeffame. Continue reading

Mootummaan Wayyaanee maqaa hidhamtoota siyaasaa hiikuu jedhuun ammas ilmaan Oromoo irratti shira guddaa xaxaa jiraa jiraachuun saaxilame.

Aside

Uummanni nagaa qabamanii yeroo hidhaatti darbaman

Uummanni nagaa qabamanii yeroo hidhaatti darbaman

[SQ Amajji 18/2018] Akkuma namuu quba qabu mootummaan abbaa irree wayyaanee yeroo darbe hidhamtoonnivsiyaasaa akka lakkifaman ibsuunsaa ni yaadatama. Ibsa usaanii kanaanis wantoota waliin faallaafi wal xaxaa hojjetaas tureera. Namoota gadhiifamu jedhaman keessaa Ilmaan Oromoo kana dura mana hidhaa keessatti ajjeefaman maqaa itti dabalanii waamuun nama gowwoomsaa turaniiru.
Namoota 115 nibahu jedhame keessaa namni lubbuun jiru 111 qofaa akka ta’eefi Isaan keessaayis namoota 2 deebisanii hambisanii jiru. Kanneen nibahu jedhaman amma 109 qofa kan jiran yommuu ta’u, Namoota 109 bahuuf jiran keessaa ilmaan Oromoo lakkoofsaan 50 akka hin guunne himame. Namootuma lakkoofsaan 50 gadi tahan sana keessatti kan argamu maqaa ilmaan Oromoo mana hidhaa keessatti wareegamaniiti. Kanaafuu, Wayyaaneen namootuma hidhaadhaa nibaasti jedhamee eeggamaa jiru sana keessaayyuu lakkoofsi ilmaan Oromoo hedduu xiqqaa akka ta’e beekameera. Mana hidhaa guutee kan jiru lakkoofsaan guddaan ilmaan Oromoo akka ta’e namuu quba qaba.  Continue reading

Oromoonnii 150 tti tilmaaman kaleessa uummata daangaarraa qarqaaruuf Godinaa Baalee Bidiree ba’anii gara Booranaatti utuu socho’aa jiraanii humna waraana Wayyaaneen ittifaman

Aside

[SQ, amajji 18,2018] Uummata Oromoo miliyoona tokkoo ol buqqaasuun Wayyaanee akkasuma uummanni lafaaf qabeenyasaa akkasuma wabii lubbuun jireenyaa dhabe, miskiinonni ilmaan Oromoo manni irratti gubatee qe’ee isaa gatee jiru deggarsa humaatuu kan hinqabneef uummataasaan ala mootummaa gargaaru dhabuussaarran kan ka’e, wal gargaarsaaf Baalee araddaa Bidiree jedhamtuu irraa uummanni 150 ta’u gargaarsa uummataaf utuu deemaa jiranii Waraanni Wayyaanee karaatti qabuun fuuldurattis duubattis deebisuu dhorkuusaa sagalee qeerroo Bilisummaa Oromoo gabaafame. Continue reading

A Call to Attend a Conference to Be Conducted in London On February 24, 2018

Aside

It gives us a great pleasure to invite all stakeholders of Ethiopia and third parties, including, politicians, aca-demics, religious and community leaders as well as international and regional personalities to participate in the forthcoming conference on ‘INTERNATIONAL CONFERENCE ON A CURRENT CRISIS IN ETHIOPIA TO EXPLORE REALISTIC ALTERNATIVES’ which will take place in London, England, UK, on February 24, 2018. A draft synopsis of the conference and programs will be sent to individual participants once the confirmation of their attendances being received. Continue reading

Eessaa kaanee eessarra geenyee?

Aside

Qalbeessaa Dhanga’aatiin
“Qabsoon hadhooftuudha”jecha qabsaa’otaati.
Eeyyee dhuguma qabsoon hadhooftuudha. Mi’aa hinqabdu. Hadhooftuu dhangaggooftuudha. Gaafa kaatu fira nama baay’ifti, gaafii kophaas nama hanbifti. Gaafa fira daneessitu baraguun amala qabsaa’aas miti, akkasuma gaafa kophaa nama hanbiftu abdii nama kutachiiftee nama harkaa bahuuf baatee dhabamuuf yoo sochootees qabsaa’aan jabaatee dhaabata. Irbuudhaka, irbuutu hinsuphamu, hingatamu. Baraan haataadha. Gaafa gabaa taatee deemtus gaafa yarattee nama muraasaan qabsooftus kaayyoo uummataarraa daqiiqaaf sekandiif irraa maquu hinqabdu. Kaayyoon uummataa sirka waan jiruuf jechuudha. Uummatakeef qabsooftee garbummaa jalaa uummatakee baasuuf qabsootti waan jirtuuf jechuudha.

Continue reading