Amajjii 19,2018
Akka maddi oduu qeerroo goleewwan oromiyaa garaagaraa irra himaa jiranitti mootummaan gooleessituu wayyaanee qeerroo fi foollee gargar qoqqooduudhaan erga walitti buusee wal lolchiiseen booda yakka shororkeessummaatiin qeerroo himachuuf shira akkaan hammaataa ta’e dalagaa akka jirutu gabaafame.
Addattimmoo yeroo ammaa holola kijibaa kan tokkummaa qeerroo fi foollee addaan diigu karaa dabballoota sirna wayyaaneetiin facaafamaa akka jirantu addeeffame.
Hololli kunis qeerroo fi qarreen akka gargar tahanitti hololuu,Falmaa qeerroon taasisuu fi foolleen taasisaa jiru addaan qoqqoodanii walitti bu’iinsaaf haala mijeessuu fi Uummata oromoo,daldalaa,barsiisaa fi barataa gidduutti hookkara kaasuufi tooftaaleen tokkummaa qeerroo biyya keessaa diiguuf walitti buusuuf yaalamaa jiran akka heeddummataa jiran qeerroon kanneen ijaan argan saaxilanii jiru.
Gochi diinummaa kun yeroo ammaa goleewwan oromiyaa tokko tokko keessatti jalqabee kan jiru ta’uus qeerroon saaxilee jira.Addattimmoo godinaalee oromiyaa keessaa bakkeewwan akka Dirreedawwaa fi Magaalaa harar keessatti jalqabamee akka jirutu himame.
Yakka duguuggaa sanyummaa mootummaan wayyaanee uummata oromoo irratti raawwachaa jiru tokkummaa walootiin itti dammaquun yeroon itti sirna wayyaanee ofirraa conqolaasan amma.
Tooftaan kun kan qabsoo Bilisummaa oromoo kan mirga Abbaa biyyummaa uummanni oromoo waloon taasisaa turee fi ammas taasisaa jiru ittiin dadhabsiisuuf asbahame waan ta’eef uummanni oromoo tokkummaan gocha kana akka balaaleffachuu qabus qeerroon godinaalee oromiyaa garaagaraa dhaamsa jabaa dabarsee jira.