Unknown's avatar

About Qeerroo

Welcome to Qeerroo Bilisummaa webiste! We are here to serve Qeerroo generation who are seeking freedom in their new emerging life.We are Hope for Oromians and lead by example. We have a saying, Follow the Kuusaa and do what the Yuubaa says. http://qeerroo.com

ONN:Oduu Olmaa Oromiyaa Ammajjii 27/2018

Aside

Odeessa Olmaa Oromiyaa Gara Garaa

Aside

[SQ, amajji 27,2018] Godina Iluu Abbaabooraa aanaa Daarimuu irraa gaaffii “Karaan nuuf haa hojjetamu, bishaan nuuf haa galu” jedhanii gaaffii dhiyyeessan qofaaf qabamanii hidhaman.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee dargaggoota Oromoo iraarsuuf duuba kan hin jenne, namoota gaaffii mirgaa gaafataniifi aantummaa uummataa qaban hidhuu itti fufteetti. Haaluma kanaan yeroo darbe dargaggoota gaaffii misoomaa gaafatan mana hidhaatti naqxeetti. Dargaggoonni kunniin maqaan kan nu dhaqqabe
1. Caalii luuccee
2. Sulee umar
3. Yaasin Jamaal
4. Salamoon Mabiraatee
5. Maammudee Muzammil
6. Huseen Fiqaaduufi
7. Abbush Darajjee akka ta’an maddeen keenya  Daarimuu irraa SQBOf himaniiru.

Continue reading

Sabboontonni Oromoonaannoo Beenishaangul Gumuz godina Matakkal irraa qabaman Manni Murtii Olaanaa Dhaddacha 19ffaa dhaddacha guyyaa 25/1/2018 (17/5/2010 A.L.Htti) ooleen ammas beellamaan mana hidhaatti deebise.

Aside

Akkuma Beekamu Sabboontonni Oromoo 16 olta’an Godina Matakkal (Dangab) Oromummaa isaaniitiin qofa yakkamanii Humna tikaa wayyaaneen qabamanii mana hidhaa wayyaanee “Maayikalaawwii” keessatti ji’oota toorbaa oliif hiraarfamaa turanii hagayya darbe Himata “Shororkeessummaan” yakkamanii Galmee obbo Habtaamuu Bayyanaatiin irrattibanamee murtee fi ragaa tokko malee mana murtiitti deddeebi’aa jiru.

Sabboontonni Oromoo Matakkal kuni qabeenyaa fi Dinagdeen warra sadarkaa gaariirra jiran, Qabiyyee lafaa gaashaa qaban, Hubannoo siyaasaa gaarii kan qabaniifi hojii Mootummaa fi Miti-Mootummaa adda addaa keessaa hojjetan lafa jiranii adamsamanii mana hidhaatti erga darbamanii waggaa darbe. Kunis sababii Uummanni Oromoo naannoo Beenishaangul Gumuz jiraatu gaaffii mirgaa gaafateefi karoora Saamichaa Mootummaan wayyaanee qabeenya Uumamaa naannichaa saamuuf karoorfate danqaa akka hin taaneef jecha. Continue reading

Ibsa Ejjennoo Qeerroo Naannoo Matakkal.

Aside

Uummanni Oromoo naannoo Beenishaangul Gumuz jiraatu Hacuuccaa Mootummaa gabroofataa wayyaaneen irragahaa jiruu fi Shira mootummaan wayyaanee bifaa fi haala adda addaan irratti xaxaa jiru ofirraa molqee gatuuf qabsoo hadhaawaa gaggeessaa turuunsaa fi jiraachuunsaa nibeekama.  Akkasumas qabsoo guutummaa Oromiyaa keessatti finiinaa jirus Qeerroon Oromoo naannoo Beenishaangul gumuz qoodaa fi dirqama lammummaa isaa bahaa jira. Continue reading

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Amajjii 26,2018

Aside

Wallee Warraaqsaa Artist Muluu Baqqaalaa Continue reading

ONN:Oduu Olmaa Oromiyaa fi Radio Simbirtuu Amaajjii 25/2018

Aside

Artistonni Oromoo Qaqqaalii Galaanaa Gaaromsaa fi Artist Lataa Qanaa’iin Consertii Biyya Germany Qophaawu Irratti ni Argamu

Aside

Goototni Artistootni Oromoo Artistii Galaanaa Gaaromsaafi Waloo Lataa Qanaa’ii Godina Awwurooppaa Biyya Jarmanitti Consertii Addaa Qophaa’eef Irratti Argamuuf akka jiran Mirkanaa’eera!!

Continue reading

Qophii Addaa- Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Amajjii 25,2018

Aside

ONN- News Continue reading

SBO Amajjii 26, 2018. Oduu, Qophii haala yeroo irratti fuulleffatuu fi Gaaffii fi deebii Qabsa’aa Oromoo Wagga a 24 oliif mana hidhaa keessa ture Jaal Araarsoo Abbaahumnaa waliin taasifne kutaa 2ffaa.

Aside

Oromo Voice Radio on Short-Wave Frequency 17850 kHz – Jan 24, 2017

Aside