Fincila Xumura Gabrummaa Hanga Hiree Murteeffannaatti
(Caamsaa 16/2022 Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Injifannoon kun kan butame yakkamtoota kanneen bara EPRDF ilmaan Oromoo gurguraa, ajjeesaa fi ajjeesisaa turaniin tauun beekamaadha. Yakkamtoonni harki isaanii dhiiga ilmaan Oromootiin laaqamaa ture kunneen gochaalee fi yakka suukkanneessa Ilmaan Oromoo irratti raawwataa turan gara jabina daangaa hin qabnee fi dachaan akka raawwatan taasisee jira. Waggoota afran darban kana keessa yakki waraanaa fi daguuggaa sanyii PPn Oromoo irratti raawwataa jirtu akka addunyaatti gocha fokkisaa kan galmee xuraawaa irratti galmaa’udha.
Waraanni Abiy Ahmadiin ajajaman guyya guyyaan ajjeechaa jumlaa ummata Oromoo meesha maleeyyii irratti gaggeessaa oolu. Ajjeechaan abbootii Gadaa Karrayyuu ajjeechaan jumlaa Salaalee aanaa Warra Jaarsoo, Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa, Gindabarat, kan Matakkal fi Walloo godaannisa yoomuu irraanfatamu miti. Godinaale Oromiyaa mara keessatti ajjeechaan wal fakkaataan waggoota afran dabran keessa yeroo adda addaatti raawwatamaa tureera. Manaa fi qabeenyi ummataa guyyuu gubamaa jira. Continue reading