ODUU SBS (Gurraandhala 6, 2021) – Shinniigaa Broadcasting Service Posted on February 7, 2021 by Qeerroo Reply Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Dhaamsa Murteessaa barattootaa fi Lammiilee Oromiyaa maraaf Posted on February 7, 2021 by Qeerroo Reply Guutuu Oromiyaa keessatti waamichi deeggarsa Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa fi mormii sirna bulchinsa PP akkuma taasifameen barattootni, uummatni hirmaatee sagalee isaa dhageessisaa jira. Walgahiin Gamtaa Afrikaa 34ffaa dhaadannoo “Afrikaa sagalee rasaasaa irraa bilisa goona.” jedhuun gaggeeffamaa waan jiruuf dhaadannoon keenya kan armaan gadii kanneen akka hammatuu fi qajeelfama namuusaas akka tiksinu waamicha goona. DHAADANNOO 1. Hidhamtootni siyaasaa hatattamaan haa hiikaman 2. Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa ni deeggarra. 3. Lammiilee Oromiyaaf nagaa barbaadna. 4. Sagalee rasaasaa jibbine; Ajjeechaan haa dhaabbatu 5. Mirgi haadholii fi Shamarranii haa kabajamu” kanneen jedhan hammachuu qaba. NAMUUSA Hiriirri gaggeeffamu karaa nagaa waan taheef namuusa hiriiraa eeguun dirqama. Dhagaa darbachuu, saba biraa arrabsuu, alaabaa saba biraa gubuun fedhii PP galma gahuu dha. Kanaaf, dhaadannoo fi qabsoon keenya sabaan osoo hin qoodne “LAMMIILEE OROMIYAA” dhaaf tahuu qaba. Ka’i Qeerroo Qeerroo is Power Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Sochii dargaggoota Biyyoolessaa, Bilisummaa fi Dimokiraasiif (SDBBD) National youth Movement For Freedom and Democracy (NYMFD) Posted on February 7, 2021 by Qeerroo Reply Waamicha Hiriira deeggarsa MCBO fi Mormii PP! Oromiyaan teessuma lafaanis tahe baay’ina uummataan addunyaaf bakka tarsiimoftuu dha. Jaarraa hedduun duraa eegalee alagaan qe’ee nagaa kana nyaachuuf ilkaan qarachaa ture. Jaarraa tokkoo fi walakkaa as immoo hammaatee Oromoon qe’ee isaa irratti aadaan,afaan, safuun, amantiin,barteen isaa salphifame. Dhiitamee, ajjeefamee haamileen isaa akka cabus taasifame. Kun ilmaan isaa qaroo tahan wareegama lubbuu kumaatama kaffaalchiise akka itti wareeganii as geenyu nu taasise. Qabsoo hadhaa’aa dhaabotni, waldaaleen, Jaarmayaaleen Oromoo taasisaa turanii fi jiraniin sadarkaa akka lammiitti akka jiraatnu irra geenyee jirra. Haa tahu malee, jijjiiramni lafee fi dhiiga Qeerroo Bilisummaa Oromoo kumaatamaan dhufe harkuma dhiiga Qeerroo dhangalaasaa ture, PPdhaan butamee yeroo ammaa kana Oromoon sadarkaa salphinaa irra jira. Gochi ijaa fi gurra namaaf hin tolle mootummoota darbanii ol hamaatu gaggeeffamaa jira. Mirga lammiilee Oromiyaaf kanneen qabsaa’an Jumlaan mana hidhaatti ukkaamfaman, hedduun mana hidhaa keessaa baafamanii ajjeefaman, gariin manni murtii bilisa erga jedhee mana hiraarsaa keessatti argamu,waajjiraaleen ABO fi KFO hunduu cufaa dha, Ilmaan Oromoo qaaliin kanneen akka Artist Haacaaluu Hundeessaa ajjeefamuun haqa dhaban,doorsisni, basaasummaan lammiilee biyya alaan deeggarame hooggantoota Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti gaggeeffamaa jira. Kana kan hifatan hidhamtootni siyaasaa bakkeewwan hedduutti nyaata lagannaa irratti argamu. Oromoonis oromummaan isaa itti dhagahamus karaa danda’uun mirga hidhamtootaa fi lammiilee Oromiyaaf qabsootti jira. Sochiin uffata booraa(yellow movement) qaama kanaati. Continue reading → Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...