Boordiin Filannoo dirqama seeraan isaaf kenname osoo hin bahatiin dhiibbaa hoji-raawwachiistotni boordichaa hojjetaa jiran dura ni dhaabbanna.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajji 5/2021
Boordiin Filannoo Biyyoolessa Itiyoophiyaa dirqama seeraan isaaf kenname dagachuun shira hojjettootni boordichaa jaarmiyaa saba Oromoo guddaa ABO irratti godhan ni mormina.
Addi Bilisummaa Oromoo jaarmiyaa uummata Oromoo isa guddaa fi kabajamaa tahuu ummata Oromoo miti diinni ummata Oromoo ni beeka.
Addi Bilusummaa Oromoo jaarmiyaa uummata Oromoof dhaabbatee ummatni Oromoos ABOf lubbuu qaalii itti kaffalee ammas kaffalaa qabsoo isaa dhaaba isaa ABO jalatti ijaaramee kaayyoo, seeraa fi Heera ABOn taliigamee qabsoo isaa gaggeeffataa jira.
Addi Bilisummaa Oromoo dhibdee keessoo isaatti uumamus tahe rakkoo isa mudatu hunda danbii ittiin bulmaataa waan qabuuf karaa sana furataa as gahe; ammas ni furata jennee amanna.
Jaarmiyaalee Qabsoo Bilisummaaf gaggeessan keessattis haa tahu jaarmiyaalee kamuu keessatti dhabdeen ni uumama. Dhibdee kana immoo danbii ittiin bulmaata isaaniin ni furatu. Adda Bilisummaa Oromoo keessattis yeroo adda addaatti namoota dantaa fi fedhii dhuunfaa isaaniif dursa kennanii kaayyoo fi akeeka jaallan qabsoo keessatti kufanii fi kufaa jiraniin dhaaba dhiigaa fi lafee qabsaa’otaan ijaarame yeroo diiguuf carraaqan murannoo qabsaa’ota keenyaa fi cichoomina dhaloota qubeen burjaajjii fi gufuulee kamuu dhaabni keenya keessa darbaa as gahe. Ammas wareegama kaffalamu hunda dhaloonni kaffalee dhaaba jaallan isaanii itti wareegamanii as gahe dabarsee harka gantootaa fi ayyaanlaallattootaatti hin kennu. Continue reading

Manni nyaataa Artist Funyee Saarbeet sababa ifa hin taanee irratti cufamee jira.

Funyee Show - Beeksisa Funyee Show - Kichuu ummataaf jiraatan ummataan jaallataman PPn waan gootu yoo dhabdu qabeenyaan illee hiyyoomanii akka rakkataniif hojjechaa jiru.
Funyee dabalatee Artistoota Oromoo qaroo tahan irratti shirri hedduun yaaliin adda addaa isaan miidhuuf gaggeeffamaa ture ammas gaggeeffamaa jira garuu namni kaayyoof jiraatu doorsisaa fi du’a hin sodaatu.
Ummatni keenya akkuma Funyeen yeroo sabni Oromoo rakkatu addatti yeroo barattootni Oromoo Yuuniversiitii irraa ariyatamanii Finfinnee keessatti rakkachaa turan geejibaan illee bira dhaabbachaa turte Artist Funyee bira dhaabbachuun akka isheen haamileenis tahe waan godhamuu qabuun deeggartan.
Warri ummataaf jiraatu ummataan kabaja argata waan taheef akka Funyeen Mana Nyaataa bareedaa banattu abdiin qaba gargaarsa ummata keenyaa fi gargaarsa waaqayyoon.