Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajji 5/2021
Boordiin Filannoo Biyyoolessa Itiyoophiyaa dirqama seeraan isaaf kenname dagachuun shira hojjettootni boordichaa jaarmiyaa saba Oromoo guddaa ABO irratti godhan ni mormina.
Addi Bilisummaa Oromoo jaarmiyaa uummata Oromoo isa guddaa fi kabajamaa tahuu ummata Oromoo miti diinni ummata Oromoo ni beeka.
Addi Bilusummaa Oromoo jaarmiyaa uummata Oromoof dhaabbatee ummatni Oromoos ABOf lubbuu qaalii itti kaffalee ammas kaffalaa qabsoo isaa dhaaba isaa ABO jalatti ijaaramee kaayyoo, seeraa fi Heera ABOn taliigamee qabsoo isaa gaggeeffataa jira.
Addi Bilisummaa Oromoo dhibdee keessoo isaatti uumamus tahe rakkoo isa mudatu hunda danbii ittiin bulmaataa waan qabuuf karaa sana furataa as gahe; ammas ni furata jennee amanna.
Jaarmiyaalee Qabsoo Bilisummaaf gaggeessan keessattis haa tahu jaarmiyaalee kamuu keessatti dhabdeen ni uumama. Dhibdee kana immoo danbii ittiin bulmaata isaaniin ni furatu. Adda Bilisummaa Oromoo keessattis yeroo adda addaatti namoota dantaa fi fedhii dhuunfaa isaaniif dursa kennanii kaayyoo fi akeeka jaallan qabsoo keessatti kufanii fi kufaa jiraniin dhaaba dhiigaa fi lafee qabsaa’otaan ijaarame yeroo diiguuf carraaqan murannoo qabsaa’ota keenyaa fi cichoomina dhaloota qubeen burjaajjii fi gufuulee kamuu dhaabni keenya keessa darbaa as gahe. Ammas wareegama kaffalamu hunda dhaloonni kaffalee dhaaba jaallan isaanii itti wareegamanii as gahe dabarsee harka gantootaa fi ayyaanlaallattootaatti hin kennu.
Yeroo ammaa kana hoggantootni dhaaba keenya ABO, qondaaltotni, miseensotniifi deeggartootni dhaabichaa warri sabaaf malee dantaaf hin jiraanne haqa dhabanii dabaan, shira xaxxootaa fi ayyaanlaallattootaan hidhaatti dabartamanii dararamaa jiraniitti, yeroo itti waajjirri Adda Bilisummaa Oromoo muummeen Gullalleetti argamu dabalatee kanneen godinaalee fi aanotaa waraana PPn saamamee cufamee jirutti hojii raawwachiistonni boordii filannoo dirqama seerri kenneefiin alatti ergamtuu murna tokkoo tahuun waan isarraa eegamu haqachuun akeekaa fi kaayyoo boordichaa dagachuun Yeroo dubbii himtuun boordichaa Aadde Sooliyaanaa Shimallis daba dhaaba ABO irratti murna shira xaxxootaa waliin ijaaramuun hojjechaa jiran boordichi akka seeraa fi heera qabuun isaan gaafatuu fi gaafatamummaa ishees seeraafi heera boordiin qabuun akka bahatan ni akeekna.
Aadde Sooliyaanaa Shimallis waan isaan hin ilaallannee fi dirqama boordichi bahuun irra jiraatuun ala waan gochaa jiraniif yoo of hin qusanne gaaga’ama mul’achuu dandahu karaa kanaaf itti gaafatamoon isaan tahuu gamanumaan hubachiisna.
Aadde Sooliyaanaa Shimallisiif kan dhaamuu barbaannus waan seerri fi heerri boordichaa jedhuun riqicha godhatanii waajjiraaleen ABO maaliif akka cufaman akka gaafatanii qulqulleessan, hoggantootni dhaabichaa fi qondaaltotni akkasumas miseensotni ABO ajaja mana murtii malee qabamanii hidhamaa jiran kanneen manni murtii gadi lakkise poolisiin hidhee jiru ilaalchisuun osoo sababa isaa xalayaa ABOn boordichaaf galche ilaalanii irraa dubbattan gaariidha kan jedhu dhaamuuf feena.
Addi Bilisummaa Oromoo hundeeffama isaa irraa kaasee rakkoo keessoo isaatti uumamu heeraa fi seera qabuun kan xumurataa as gahee fi ammas xumurachuu dandahu dha malee qaama sadaffaa Boordii Filannoo Biyyoolessaa yeroo itti gaafate hin turre; ammas hin jiraatu.
ABOn Boordii Filannoo kan inni beeksisaa jiru “warra danbii ittiin bulmaata dhaabichaa cabsan kanneen seeraa fi heera dhaabichaa hin kabajne irratti tarkaanfii fudhadhee waan jiruuf dirqama ammaan dura maqaa dhaaba keenya ABOn irra jiru ammaan booda irraa kaasnee bakka isaanii namoota biraa buusnee jirra, kana nuuf hubadhaa” kan jedhu malee wal dhibdee nu gidduutti uumameef jaarsummaa hin waammanne ykn nuuf taa’aa akka hin jenne ummatni keenya kamuu hubachuu qaba.
Dhaaba keenya ABO keessatti yeroo rakkoon uumamu qaamni rakkoo kana furu ykn qoratee sabaaf dhiyyeessu Koreen Naamusaa fi To’annoo (KNT) ni jira. Koreen Naamusaaf To’annoo rakkoo amma dhaabicha keessatti uumame jedhamuuf illee qorannoo gadi fagoo gaggeessuun namoota rakkoo kana uuman jedhamanii fi dhaabicha gidduutti waan uumame erga qoratee furmaata maayii fudhachuun ni yaadatama.
Sababaa KNT murtii sirnaa qoratee ummataaf ifa godheefis namootuma shira xaxaniifi fedhii dhuunfaa fi dantaa yeroof jiraatanii walitti qabaan KNT Obbo Alamaayyoo Diroo mana hidhaatti darbatamuun hanga har’aa mana murtiitti osoo hin dhiyyaatiin mana hidhaa magaalaa Buraayyuutti dararamaa jira.
Dhaaba uummataa wareegama qaaliin itti kaffalamee as gahe warri diiguuf carraaqan hoggantoota ABO, qondaaltotaa fi miseensota gameeyyii guyyuu adamsanii hiisisuun mana hidhaatti akka dararaman gochaa jiran kanatti akka dhaabni keenya ABO diigamee harka shiraatti kufuuf yeroo isaan hojjetan cichoomina hoggantoota, miseensota akkasusma jaallattoota Qabsoo Bilisummaa Oromoon addatti immoo hordoffii fi qaruuxummaa Qeerroo Bilisummaa Oromoon galma hanqateera. Ammas wareegama kamuu kaffalee Qeerroon dhaaba dhiigaa fi lafee jaallaniin ijaaramee as gahe tikfatuu qofaan osoo hin taane Bilisummaan akka jiraatuuf ammas of kennee hojjechuu irratti argama.
Ibsa tibbana Aadde Sooliyaanaa Shimallis VOA irratti dubbatan dhaabni keenyi ABOn Amajji 4/2021 ibsa baaseen deebii gahaa kenneera jennee amanna. Uummatni Oromoo addatti immoo Miseensotni fi deeggartootni ABO biyya keessaa fi alaa jirtan fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo murtii ABOn dabarse murtii keenya jechuun fudhattanii irratti hojjechaa waan jirtaniif galata qabdu jenna.
Ammas taanaan dhaabni keenyi ABOn danbii ittiin bulmaataa qaba waan taheef rakkoo keessoo isaa keessatti uumamu karuma KNT-ABO furataa as gahe, ammas murtee KNT ABO dabarse murtee keenya jettanii Miseensotni fi deeggartootni ABO bakkayyuu jiraattan hojiirra oolchaa akkuma jirtan ammas shira namootni muraasni fedhii dhuunfaa fi dantaa yeroof jedhanii pptti hirkachuun gama boordii filannoon dhiibbaaa gochuuf carraaqaa jiran argaa jirra waan taheef kana hoggantootni keenya illee akkuma ammaan duraa kaayyoo, seeraa fi heera ABOf abboomamtanii akka dura dhaabbattanii fi danbii dhaabni keenya ABOn qabuun akka furamu gadi jabeessinee dhaammanna.
Boordiin filannoo jaarmiyaa siyaasaa kamiifuu hoggana filuu, jijjiiruufi bakka buusuu hin danda’u. Yoo kan akkas gochuu yaalu ta’e walabummaa jaarmiyaalee siyaasaa mulquu waan ta’uuf seera boordii filannoofi kan biyyaa cabsuu ta’a.
Bakka nageenyi amansiisaan hin jirretti, bakka uummanni nagaan ba’ee galuu hin dandeenyetti, bakka jaarmiyaaleen siyaasaa sochii taasisuu hin dandeenyetti, bakka hogganoonni jaarmiyaalee siyaasaa mana hidhaa jiranittiifi miseensonni adamfamanii ajjeefamaa jiranitti murtii filannoo geggeessuurra ga’uuniyyu boordiin filannoo aantummaa sabootaa akka hin qabne agarsiisa. Filannoo dura danqaalee filannoo mudatan furuutu barbaachisaadha.
Maayii irratti Miseensotni ABO, qondaaltotni, deeggartootni ABO fi jaallattootni dhaaba keenya ABO biyya keessaa fi biyya alaa jirtan akkuma ammaan duraa shiraa fi dabaan warra haqa qabu haqaaqanii dhaaba keenya ABO irratti shira xaxaa jiran waliin kanneen hojjetan Boordii Filannoo dahoo godhachuun kan akka Aadde Sooliyaanaa Shimallis ifatti akka keessaa harka fidhataniifi itti gaafatamummaa isaanii ala daboo shiraa keessaa akka ba’an gaafanna.
Shira dhaaba keenya irratti dhufu kamuu wareegama kaffalamu kaffallee daandii haqaarra ni jiraachisna
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee,Oromiyaa
Amajji 5/2021
