Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Onkoloolessa 19,2020
Biyya Oromiyaa irraa!
β Waggaa kana Oromiyaan maal keessa ture? Har’a maaltu adeemaa jiraa? Fuulduratti maaltu dhufuu mala?(…Loogiin Impaayera biyya tokkoo keessatti beekamaa ta’ullee ifatti akkattiin saba tokko labsii irratti baasanii meeshaa isaa harkaa funaanaa saba biraan ammoo hidhadhaa jechuun baay’eetti naa gaddisiisa…)
Hededa hallayyaa irra biyya jirtu baraaruu barbaachisa. Badiisaaf kufaatii biyyattiitti aggammatee jiru baraaruun tattaaffii sabaa feesisa. Cichooma qabsaa’otaa ykn murannoo paartilee siyyaasaa gaafata.
Barruu kana keessatti waan waggaa kana jechuun bara 2019 gara dhumaa fi bara 2020 kana keessa taaneef ta’aa jiru barreeffaamaan cuunfee katabaa, waan fuulduratti nutti aggaammate shakkii qabsaa’ota Bilisummaa Oromoo akeekuun yaala. Barruun kun barruu dhugaati. Barruu dhugaa suuta obsaan dubbisu. Yoo hadhaa’e mi’eessituu itti dabaluu hinfeesisu hadhaa’aa dhuma isaa unachuu barbaada. Yoo dhangaggaa’es isuma dhuguutu dhibee kuukkii nama keessaa balleessa.