Jaal Amaan Filee manni murtii erga bilisaan lakkisee dhimmi nageenyaa mana hidhaatti deebise.

Aside

Jaal Amaan Filee manni murtii erga bilisaan lakkisee dhimmi nageenyaa mana hidhaatti deebise.

Image may contain: 4 people

[SQ Adoolessa 21/2020]

Miseensa GS ABO kan ta’e jaal Amaan Filee Bitootessa 6/2020 miseensa SHG-GS ABO jaal Abdii Raggaasaa mana hidhaa Buraayyuutti gaafachuu deemee erga hidhamee gara Booranaatti geeffamuunsaa ni yaadatama. Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti mana murtiitti deddeebi’aa erga turee booda torban lama dura manni murtii akka lakkifamu murteessee ture. Isa dura manni murtii qorattoonni akka ragaa irratti fidaniif beellama qabee guyyaa beellamaatti ragaa fiduu waan hanqataniif jaal Amaan akka lakkifamu manni murtii murtoo kenne. Haala kanaanis jaal Amaan mana hidhaatii ba’ee balbalarra wayita ga’u poolisoonni biroo isa eeggachuun qabanii gara qajeelcha poolisii Godina Booranaatti deebisuun hidhan. Sababaan isaan deebisanii hidhaniifis dhimma nageenyaa kan Godina Booranaafi abbootii alangaa godinaatiin akka hin lakkifamne ajajni kan darbe ta’uu odeessi SQBO qaqqabe ifa godha.