Aside

Ibsa ejjannoo Qeerroo Gujii fi Team Mataa Dhiiraa irraa kenname.

cropped-qeerroo11-4.jpgAkkuma beekkamu uummati Oromoo bara dheeraaf sirna saba nyaataa jalaa bilisa bayuuf falmachaa ture. Kanarraa kan ka’e: gochi gara hammeennaa, ka dhageettaaf nama suguggeessu, ka dubbatuuf ammoo akka heexoo afaanti nama hadhaawu saba keenna irratti raawwatamee jira. Hardhaas ammoo, jabaatee itti fufee jira. Ijaarramuu Impaayira Itoophiyaa (sirna Naafxanyaa) irraa ka’ee, dachee Oromiyaa badhaatuu fi magariisa tana irratti gochi hamaan hadhaaye diinaa fi ergamtoota diinaatiin adoo rawwatamuu hardhaan baye. Bifa gara-garaatiin gochi lubbuu fi foon uummata Oromoo laalachiisu hedduun raawwatamaa ture, ammaas itti jira. Kun hundiis raawwatamu uummati Oromoo mirga isaatiif falmachuu irraa guyyaa tokkoos foorfatee (boqatee) hin beeku. Akkuma gochi hameennaa dabalaa dhufuun, hawwiin bilisummaa fi kutannoon uummati keenna qabu dabalaa dhufe. Continue reading

Aside

“Humnaan abbaan isaas akka isa reebu taasisuudhaan, dhagaa dugdatti hidhanii dullaan reebanii qaamni isaa erga raaamma’ee booda lubbuun darbe” yaada maatii namni irraa ajjeefamee

[SQ, Caamsaa 27,2020] Shaggar Kaabaa ona Dagam araddaa Leemman Caarraqii bakka addaa Buukkoo jedhamutti namni Habtaamuu Nugusee Roobii jedhamu, abbaa maatii kan ta’e waraana mootummaan reebichi hamaan irratti raawwatee ajjeefamuu isaa maatiin Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof himan.

Obbo Habtaamuu Nugusee Roobii jiraataa ona Shaggar Kaabaa yoo ta’an abbaa warraa ijoollee 5 ti. Haati warraa isaanii aadde Biraanee Dinquu yoo ta’an, ijoolleen isaan waliin qaban Burtukee Habtaamuu, Gaaddisee Habtaamuu, Dirribee Habtaamuu, Sisaay Habtaamuu fi Mangistuu Habtaamuu kan jedhamanidha.

“Obbo Habtaamuu Nugusee siyyaasa kam irraayyuu bilisa” jedhan namni yaada nuu laatan. Continue reading